Pirezidaantin DR Koongoo pirezidaantii Ruwaandaa Adoolf Hitilaritti fakkeessan

Pirezidaantin Dimokitaatik Rippaabilika Koongoo Feliiksi Shikeedin Pirezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagamee Adoolf Hitilaritti fakkeessun ibsan.

Shikeedin Pirezidaantin Ruwaandaa Pool Kaagamen amala Adoolf Hitilar qaba jechuun, "dhumnisaa akkuma Hitlar akka ta'u abdiin qaba" jedhan.

Pirezidaantin DR Koongoo Feliiksi Shikeedin kana kan dubbatan naannoo daangaa Ruwaandatti kan argamtu Bukaavutti argamuun duula na filadhaa yeroo gaggeessanitti.

Feliiksi Shikeedin yeroo heddu Ruwaandan hidhattoota M23 jedhamniifi Baha DR Koongoo keessa socho'an deeggarti jechuun hadheeffatanii himataa turan.

Ruwaandan garuu himannaa DR Koongoo kana keessaa hin qabu jechuun irra deddeebin waakkatti.

Dubbii amma pirezidaantiin DR Koongoo pirezidaantii Ruwaandaa Pool Kagaamee Adoolf Hitilaritti fakkeessanii dubbatan kana ilaalchisee mootummaan Ruwaandaa dheekkamuun deebii kenne.

Dubbi himaan mootummaa Ruwaandaa yaada pirezidaantii DR Koongoo "dubbii cimaafi yaaddessaadha" jechuun ibsan.

Filannoo DR Koongotti gaggeeffamuuf torbeen lama hafeen Feliiksi Shikeedin marroo lammaffaaf pirezidaantii ta'uuf duula na filadhaatti jiru.

Humni nagaa kabachiisaa biyyoota Baha Afrikafi UN biyyattii keessa jiraatanis, ammayyuu sochiin hidhattoota M23 Baha DR Koongoo keessatti cimaadha.

Hidhattoonni M23 hawaasa Tuutsii kan bakka bu'aniifi DR Koongoo keessatti mirga saba isaanif akka qabsaa'an dubbatu.

DR Koongon ammoo hidhattoota kanaaf deeggarsa meeshaalee waraanafi gorsa kan kennuuf Ruwaandaadha jechuun himatti.

Gabaasni ogeeyyiin UN barana baasan hidhattoonni kun dhuguma Ruwaandaa irraa deeggarsa akka argataniidha.

US illee gamasheen kanuma mirkaneessite. Ruwaandan garuu kuni hundi dhara jechuun waakkatti.

Hidhattoonni kun Baha Kongoo keessatti namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqisuun lafa guddaa to'achuutu himama.

Pirezidaant Feliiksi Shikeedin Jimaata darbe, Mudde 8, baha biyyattitti argamuun deeggartootasaanif haasaa taasisaniin, Kaagameen akkuma Adolf Hitlar lafa babal'ifachuu barbaada waan ta'eef "dhumnisaa akkuma Adolf Hitlar akka ta'u abdiin qaba" jedhan.

"Garuummoo nama isa dhaabuu danda'uufi biyya isaa eeguu danda'u as jira," jechuun Pirezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee dura dhaabbachuun DR Koongoo tiksuuf kutannoo qabaachuusaanii deeggartootasaanitti himan.

Adolf Hitlar Waraana Addunyaa Lammaffaarratti Yihudoota miliyeena jaha dabalatee namoota heddurratti duguuggaan sanyii akka raawwatu kan godhe yoo ta'u, bara 1945tti magaala guddoo Jarman, Barliin keessatti of ajjeese.

Fedhiin inni daangaa babal'ifachuuf qabu ture Waraanni Addunyaa Lammaffaan akka ka'uuf sababa ta'ee ture.

Pirezidaant Feliiksi Shikeedin kanaan dura pirezidaanti Ruwaandaa "diina DR Koongoo" jechuun ibsanii ture.

Pirezidant Pool Kaagamen ammoo "nama dheebuu waraanaa qabu" jechuun Ruwaandaan dubbii Feliiksi Shikeedii caala hidhattoota Huutuu Baha DR Koongoo keessa socho'an FDRL jedhaman irratti akka xiyyeeffattu ibsanii ture.

Pool Kaagamen erga bara 1994tti Ruwaandatti duguuggan sanyii saba Tuutsii 800,000 irratti raawwatee as biyyattii bulchaa jiru.