Pool Kaagaameen hojii 'tolchaa' kubbaa miilaa Ruwaandaa keessa jiru furuuf dhaadatan

Pool Kaagaamen hojii tolchaa dabalatee rakkoolee wal-xaxaa kubbaa miilaa Ruwaandaa keessa jiru hiikuf furmaanni hatattamaa akka barbaadamu waamicha dhiyeessan.

Pirezidaantichi kana kan jedhan sagantaa "Ask the President" jedhamu kan Televiziinii Biyaalessaa Ruwaandaa (RBA) irratti dhiyaatu wajjin turtii taasisaniini.

Sagantaa kanarratti akka dubbatanitti namoonni tokko tokko, keessumaa leenjistoonni hojiiwwan safuun ala ta’an kanneen akka hojii ‘tolchaa’ keessatti hirmaataniiru jechuun komatan.

“Leenjii gahaa kennuurra, hojii tolchaa, malaammaltummaa fa’aa keessatti hirmaatanii argitu. Isaan kanaadhaa jalqaba kan furamuu qaban,” jedhan Pool Kaagaamen.

Ruwaandatti damee ispoortii kubbaa miilaa irratti maallaqa guddaan investimentiin hojjatamus gareen kubbaa miilaa biyyattii garuu milkaa'ina argamsiisuu hin dandeenye.

Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Ruwaandaa Waancaa Afrikaa qofaaf kan darbe bara 2004tti ture.

Pirezidaantin Ruwaandaa Pool Kaagameen kubbaa miilaa baay'ee jaalatu.

Pirimerliigii Ingiliz keessaa ammoo kilaba Arsenal akka deeggaraniifi fuula Tiwitarasaanirratti waa'ee tapha kilabichaa yeroo tokko tokko ni barreessu.

Bara 2018 irraa kaasee ammoo Abbaan Taayitaa Turizimii Ruwaandaa kilaba Arsenaal wajjin walii galtee ispoonsarshiippii dolaara miiliyeena 42 qaba.