Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finxaalessummaa amantii qubattoota Israa'el Weest Baank keessatti dagaaga dhufe
Isaa Amroo mana isaa Hebroon, lafa Israa’el to’attu Weest Baank keessa kan jiraatu yoo ta’u, amma manasaatti uggurameera.
Duraan ulaa gara daandiitti ittiin bahu qaba ture , amma garuu dallaan cufameera.
Foddaan mana isaa xuubii dhagaatiin haguugamera – ifnillee manasaa hin seenu.
Akkasuma rasaasni manasaa akka hin seennetti cufateera. Kana kan raawwateef balaarraa of ittisuuf.
Onkoloolessaa 7, 2023 gaafa hidhattoonni Hamaas Israa'el haleelan, loltoonni Israa’el Isaa qe’eesaatii sa'aatii 10f to’achuun, reebaniiru jedhu rogeeyyiin Filisxeem.
Namoota isa reeburratti hirmaatan keessa qubattoonni ollaasaa jiraatan akka argaman Isaan himateera.
"Maqaa isaanii sitti himuu nan danda'a. Inni kun as jiraata, inni sun iddoo jiraatu sitti himuu nan danda'a" jedha Isaan.
" Filisxeemonni harki caalaan isaanii waan sodaataniif alatti gadi hin ba'an" jedhe.
Isaan yeroo viidiyoon dhimma himataa turettillee otoo hin hafiin namootni shan, uffata waraanaa fakkaatu uffachuun, uggura sochii kabachiisuuf halkanii daandiirratti karaa sakatta'aa jiran agarsiise.
Himata Isaan dhiyeesse Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) dhiyeessine.
Dubbi himaan Waraana Ameerikaa BBC'tti wayita himan, ‘’ergamni keenya "nageenya jiraattota naannoo sanaa hunda eeguu fi shororkeessummaa fi gochoota lammiilee Israa'el balaadhaaf saaxilan ittisuudha" jechuun dhimmicha akka qoratan himan.
Erga waraanni Gaazaa jalqabee haleellaan Filisxeemota Weest Baankii jiraatan irra qaqqabu haalaan dabale.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhetti, qubatoonni Filisxeemota saddeet ajjeesuu fi 84 ol madeessu ibse.
Iddoowwan qubannaa Weest Baankii fi Baha Yerusaalem qubattoonni 700,000 ta’an qubsuma kana keessa akka jiraatan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ibseera.
Akka seera idil-addunyaatti qubsumni kunniin qubsuma seeraan alaati.
Namoonni bakka kana jiraaatan kaani isaanii finxaaleyyii amantii Judizimii hordofani.
Isaan lafa macaafa qulqulluu keessatti Yihudaa fi Samaariyaa jedhamanii eeraman- lafa amma Weest Baankii jedhamu Israa’eliif deebifna jedhanii amanu.
Finxaaleyyii kana hawaasa qubattoota biroo bu’aa dinagdeef lafa Israa’el to’attutti ce’an ykn ykn nageenya Israa’el naannichaatti cimsuu gargaaranirraa adda.
Garuu wanti hundasaanii tokkoomsu, Waaqayyoo kenneefis ta’ee dhiise, mirga lafa Weest Baankii gaafachuu qabna jedhanii amanu.
Maatiin Yihudootaa fi Arabaa durii qabee Yerusaalem keessa wal cinaa akka jiraatan bal’inaan galmaa’eera.
Garuu Yerusaalem Israa’elii fi Joordaan gidduutti erga qoodamte,
waraana Arabootaa fi Israa’el bara 1948 gaggeeffame booda maatiin Jiwishootaa qe’eesaanii Baha Yerusaalemitti dhiisanii baqatan.
Araboonni ammoo qe’eesaanii dhiha Yerusaalem keessaa baqatan.
Sochiin qubattotaa bifa ammayyaa waggoota kurnan itti aanan jalqabe.
Waraana guyyoota jahaa bara 1967 booda eegale.
Yeroo sanatti Israa’el Weest Baankii fi Yerusaalem Bahaa biyyoota ollaa Joordaan fi biyyota Arabaarraa fudhatte.
Waraanicha booda qubsumni amantii jalqabaa ‘Kifar Etzion’ jedhamu hundeeffame.
Amma qubsuma mandara kana keessa tilmaamaan namoonni 40,000 ta'an daangaa Israa'elii fi Weest Baankii gidduu jiru irraa km 4 qofa fagaatu keessa jiraatu.
Waggaa tokko booda, gaggeessaan amantaa warreen ‘Zionist‘ jedhaman kaaa Moshee Levinger fi hordoftoonni isaa ayyaana Yihudootaa Faasikaa kabajuuf Hebron seenan, garuu gonkumaa hin baane, achitti hafan. Handaara magaalaa Hebiroon innii fi hordoftoonni isaa‚ Kiryat Arbaa‘ hundeessan.
Qubsumni amantii ‘Kifar Etzion‘ mootummaan Israa’eliin deeggarama.
Kanarraa haala adda ta’een gaggeessan amantii Levinger fi duuka buutonni isaa mootummaa mormuudhaan Hebroon keessa qubachuusaanii barreessaan fi piroofeesara seenaa Yunivarsiitii Monteriyaal Yaakov Rabkin ni hima.
"Qubattoonni amantii kun tulluu fi iddoowwan adda addaa Macaafa Qulqulluu keessatti eeraman dhaqan,bakka sana qubachuuf yaalan, sababiin isaas lafa Kitaaba Qulqulluu keessatti eerame guutummaa qabaachuu barbadan‘‘ jedhu ogeeyyii fi beektoonni seenaa.
Har’a Weest Baankii fi Baha Yerusaalem keessatti lakkoofsi hawaasa qubattootaa gara 300tti guddateera jedha dhaabbati miti-mootummaa Israa’el ‘Peace Now‘ jedhutti.
Qubsumni kun iddoo qubannaa 146 fi kaampii waraanaa xixiqqaa 154 irraa ijaarame jedha.
Seerri idil-addunyaa dhorkullee Israa’el qubsuma kana seera qabeessa jetti, kaampii waraana ijaaruun akka seeraan ala ta’eetti ibsiti.
Yunivarsiitii Kuwiin Meerii Landanitti argamutti piroofeesara seera idil-addunyaa fi mirga namoomaa kan ta‘an Nivii Gordan, hawaasni akka akka kaampii waraanaatti qabachuun jalqabamu yeroo baayyee mootummaa Israa’eliin seera qabeessa ta’uu jedhan.
''Jalqaba mana yeroo wayii bakka sana geessu, sana booda mana biraa dabalanii fidu. Sana booda sududaan lafa dabalataan qabatu, ittaansuun maatiisaanii gara sana geessu. Waraanni guyyaa itti aanutti loltoota afur shan naannicha eeguuf boobbasu,‘‘ jedhan.
Qubataa fi hogganaan paartii Ziyoonistii Amantii Bezalel Simotrich, yeroo hundaa Weest Baankii keessatti qubsumni dabalataa akka jiraatu gaafachaa kan ture.
Bezalel barreeffama X, kan duraan ‚Twitter‘ jedhamee beekamurratti barreessen jecha dheekkamsa kaasu Filisxeemota akka Naazii Jarmaniitti akeeku gargaaramu isaatu yaadatama.
Sadaasa keessa ammoo Bezalel akka ministeera faayinaansii ta’uun, waraanni Israa’el akka dabalu waamicha dhiyeessuun, Filisxeemoonni qubsuma Israa’elitti dhiyaatanii zayitii ejersaa akka hin sassaabbanne akka dhorkaman gaafatan.
Ministirri Dhimma Nageenya Biyyaalessaa Israa’el Itamar Ben-Givir nama sochii qubsuma amantii waliin walitti dhufeenya cimaa qabudha.
Qubsuma qubannaa keessa kan jiraatu yoo ta'u, poolisii biyya keessoo Israa'el, akkasumas humnoota daangaa biyyattii Weest Baankii fi Baha Yerusaalem keessa jiru hoggana.