Dooniin waraanaa Raashiyaa maaliif Ertiraa dhufte?

Madda suuraa, Eritrea ministry of information X
Dooniin Waraanaa Raashiyaa Bitootessa 28, 2024 Galaana Diimaa Ertiraa dhuftee Buufata Doonii Mitsuwwaa qubachuu Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabre-Masqal himanii ture.
Kun kan ta'e yeroo biyyoonni Lixaa fi hidhattoonni Huutii Galaana Diimaa irratti wal gaareffataa jiranittidha.
Haleellaa finciltoonni Huutii Iraaniin deeggaraman dooniiwwan karaa Galaana Diimaa darban irratti raawwatan dhaabsisuudhaaf biyyoonni Ameerikaatiin durfaman humnootasaanii Galaana Diimaatti bobbaasuun isaanii ni yaadatama.
Akka addunyaatti toora dooniiwwan daldalaa irra deddeebiyan guddicha kan ta’e Galaana Diimaarratti wayita humnoonni biyyoota gara garaa bobba’anii jiranittidha dooniin waraanaa Raashiyaa kun kan gara buufata galaanaa Eritraa, Mitsuwwaa dhufte.
Daawwannaan dooniin waraanaa Humna Galaanaa Raashiyaa Shaaposhinkov jedhamtu kun kanaan dura Mitsuwwaatti ta’ee hin beeku.
Yeroo dooniin waraanaa kun Ertiraa qaqqabdutti ajajoota waraanaa olaanoofi aanga’oota Ertiraa dabalatee Ertiraatti ambaasaaddarri Raashiyaa argamaniiru.
Ministirri Beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabre-Masqal fuula X irratti akka barreessanitti, dooniin waraanaa Raashiyaa kun qaama garee humna galaanaa Raashiyaa Paasfik jiruuti.
Shaaposhinkov turtii guyyoota shaniif gara buufata Mitshuwaa kan dhufteef, “Waggaa 30ffaa Ertiraafi Raashiyaan hariiroo dippilomaasii itti jalqaban kabajuuf,” jedhan ministirri beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabre-Masqal.
Shaakala waraanaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ertiraatti ambaasaaddar Raashiyaa Igoor Mozgoo, Raashiyaan dooniin waraanaa yeroo biyyisaanii hariiroo dippilomaasii wagga 30ffaa Ertiraa waliin uummattetti ergiteef shaakala waraanaa waloo taasisuuf akka ta’e dubbateera.
Akka ambaasaaddarichi jedhutti, Maarshaal Shaappooshnikov hanga Eblaatti kan turtu yoo ta’u, humna galaanaa Ertiraa waliin walitti fufinsaan sagantaa gaggeeffatan qabu.
Bitootessa 14 ammoo humni galaanaa Raashiyaa Galoo Galaanaa Omaan keessatti humnoota galaanaa Chaayinaa fi Iraan waliinis akkuma kana shaakala waloo gaggeessanii ture. Dooniin waraanaa Raashiyaa Maarshaal Shaappooshnikov jedhamtu amma Ertiraa jirtu kun yeroo sanattis shaakala keessatti hirmaattee turte.
“Shaakala guyyoota lamaaf Iraan fi Chaayinaa waliin ture kanaan miseensonni humna galaanaa Raashiyaa humna sochoosuufi kominikeeshinii, meeshaaleen gurguddaa, akkasumas galaanaafi qilleensarratti halkaniifi guyyaa dhukaasuu akkaataa danda’murratti hirmaataniiru,” jedhe MinisteerriIttisaa Raashiyaa ibsa yeroo sana baaseen.

Madda suuraa, Eritrea ministry of information
Morkattuu Raashiyaa kan taate Ameerikaan, haleellaa warri Huutii dooniiwwan daldalaa irratti raawwatan ittisuudhaaf garee humna waraanaashee Galaana Diimaafi Galoo Galaanaa irratti bobbaasuun ishee ni yaadatama.
Sochii loltootaa naannicha keessatti biyyoonni Lixaa taasisan ija shakkiitiin kan ilaaltu Ertiraan, dhiyeenya kana waliigaltee hariiroo Raashiyaa waliin qabdu ittiin cimsatte tolfatteetti.
Hariiroo dippilomaasii
Bara darbe dhuma ji’a Caamsaa keessa Pirezidant Isaayyaas Af-warqii Pirezidant Vilaadmiir Puutiniin affeeramanii Mooskootti daawwannaa taasisuudhaan dhimmoota gara garaa irratti mariyatanii ture.
Isaan dura ammoo ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov Ertiraa daawwachuun isaanii hin dagatamu.
Qarqara Galaana Diimaa dheeraa kan qabdu Ertiraatiin gamatti kan argamtu Yamanitti ammoo hidhattoonni Huutii waraanni Israa’eliifi Hamaas gidduutti jalqabamuu hordofee ture dooniiwwan fe’isaarratti haleellaa misaa’elaafi dirooniin gaggeessuu jalqabaniiru.
Sababa kanaanis dooniiwwan fe’isaafi dooniiwwan waraanaa biyyoota Lixaa lakkoofsi isaanii xiqqaa hin taanerratti haleellaan kan raawwatame yoo ta’u, balaa kana baqachuudhaan dooniiwwan baayyeen toora ittiin imalan jijjiiruuf dirqamaniiru.
Addunyaarraa adda baatee dhiibbaa biyyoota Lixaa jala kan jirtu Ertiraan, hariirooshee Raashiyaa waliin cimsaachaa jirti.
Fakkeenyaaf, Ertiraan yaada furmaataa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante akka balaaleffatamuuf dhiyeessee ture biyyoota addunyaa gama Raashiyaa goruunmorman sadii keessaa tokko turte.
Afrikaarraa ammoo Ertiraa qofatu gama Raashiyaa goruun yaada furmaataa (resolution) kana morme.
Raashiyaan ammoo gamasheetiin, qoqqobbiiwwaniifi himannaa sarbama mirgoota namoomaa jaarmayaaleen idil-addunyaa Ertiraarratti dhiyeessan waltajjiiwwan gara garaarratti mormaa turteetti.












