Xiyyaaronni Itoophiyaa fi Emireetis qilleensa Somaaliyaarratti 'walitti bu'anii oolan'

Madda suuraa, Getty Images
Dilbata darbe xiyyaaronni Daandiiwwan qilleensaa Itoophiyaa fi Emireetis, daangaa qilleensaa Somaaliyaa keessatti walitti bu'uu ga'anii, haga xiqqoof akka oolan ibsame.
Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii fi Buufataalee Xiyyaaraa Somaalilaand xiyyaaronni kunneen walitti bu'uu kan ga'aniif sababa Somaaliyaan ajaja ifa hin taaneefi dogoggora kenniteef jedhee komate.
Taatee kana ilaalchisuun BBC'n daandiiwwan qilleensaa Itoophiyaa fi Emireetis irraa qulqulleeffachuuf gaafatus hanga yoonaa deebii hin arganne.
Siivil Aviyeeshiniin Somaaliyaa gamasaan dhimma kanarratti yaada kennuurraa of qusateera.
Haa ta'u malee, Daandiin Qilleensaa Emireetis gabaasa xiyyaara Itoophiyaa waliin daangaa qilleensaa Somaaliyaa keessatti walitti bu’uuf ture jedhu waakkachuun isaa gabaafameera.
''Guyyaafi sa'aatii jedhametti, taateen xiyyaarri walitti dhihaatee nageenya xiyyaaraa balaarra buusu akka hin mudanne Emireetis ni mirkaneessa,’’ jedha dubbii himaan dhaabbatichaa Galf Niiws waabeffate.
Akka ibsa abbaa taayitaa Somaalilaanditti Dilbata darbe (Bitootessa 24, 2024) halkan keessa xiyyaaronni daangaa qilleensaa Somaaliyaa keessa balali'aa turan walitti bu'uurraa kan hafaniif, tumsa to'attoota tiraafikaa daandii qilleensaa Somaalilaand fi ''tarkaanfii qajeelaa fi si'ataa'' balaliistoonni xiyyaara Itoophiyaa fudhataniini.
Marsariitii to'annoo balalii xiyyaaraa kan ta'e Flightradar24 irraa akka mul'atutti, battala taateen kun mudatu xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Booying 737 Maaksi 8 Finfineerraa ka'ee olka'iinsa faana kuma 37 irratti gara Indiyaa, Beengaaluuruu balali'aa ture.

Madda suuraa, @CAAA_SL
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yerooma walfakkaataatti xiyyaarri Emireetis Booying 777 ammoo Naayiroobii irraa ka'ee olka'iinsa walfakkaataa (faana kuma 37) irratti gara Dubaay balali'aa ture.
Xiyyaarri Daandii qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsi balalii isaa ET690 ta'e battala taateen kun mudatetti olka'iinsa irratti balali'aa ture (faana kuma 37) irraa gara faana kuma 39tti ol siqeera.
Sababa kanatti balaa suukanneessaan xiyyaarota lameen gidduutti mudachuuf ture osoo hin mudatin hafeera jedhame.
Siivil Aviyeeshiniin Somaalilaand akka jedhetti sababiin xiyyaarota lameen kunneen gidduutti balaa suukanneessaan mudachuuf qarqara ga'ee tureef, to'attoonni tiraafika qilleensaa Somaaliyaa balaliistota xiyyaaraaf ajaja burjaajessaa waan kennaniif jechuun himateera.
To'attoonni daandii qilleensaa Somaaliyaa balaliistoota xiyyaaraa daangaa qilleensaa biyyattii keessa qaxxaamuraniif ajaja burjaajii uumu kennuun xiyyaarota balaaf wayita saaxilan kun kan jalqabaa miti.
Sambata ALI Guraandhala 16, 2016 Dohaarraa gara Yugaandaa kan balali’aa ture Daandiin Xiyyaaraa Kataar ol ka’insa akka dabalu to’attoota tiraafika qilleensaan erga itti himamee booda xiyyaara Itoophiyaa waliin walitti bu’uuf dhihaate akka ture gabaafameera.
Sivil aviyeeshiniin Somaalilaand xiyyaaronni lamaan walitti bu’uurra kan hafan sirni walitti bu’iinsa ittisuuf xiyyaarota kanarratti maxxanfame erga akeekkachiisa kennee boodadha jedheera.
Abbaan-taayitaa Sivil Aviyeeshinii Somaaliyaa gama isaan fageenyi ol ka’iinsa xiyyaarota lamaan gidduu jiru balaarra kan buusu miti jechuun waakkatee ture.
Somaaliyaa kana haa jettu malee Daandii Qilleensa Itoophiyaa ibsa baasen olka’iinsa xiyyaara Finfinneerraa gara Dubaay balali’aa turerra xiyyaarri Kataar dhaqqabuu mirkanesseera.
Taatee kana hordofee qorannoon dabalataafi tarkaanfiin dabalataa akka fudhatamu sivil aviyeeshinii Somaaliyaaf gabaasa godhuu isaa ibsee ture.
Daandiin xiyyaarichaa boodarra waakkatus Hojii Gaggeessaan Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasan xiyyaarri isaanii daangaa qilleensaa Somaaliyaarratti balali’uu akka dhaabe BBC’tti himanii turan.
Somaaliyaarraa adda baatee walabummaa kan labsatte Somaalilaand gama sivil aviyeeshinii ishee ibsa baasten beekumsiifi hubannoon to’attoota tiraafikaa Moqadiishoo xiqqaa akka ta’e ibsun, kunis yaaddoo akka ta’e addunyaan guutuu hubachuu qaba jetteetti.












