Xiyyaaraafi Sirna Balalii - Kitaaba aviyeeshinii Afaan Oromoon barraa'e

Barreessaa kitaabichaa

Madda suuraa, Solomoon Daawwit

Injinar Salamoon Daawwit jedhama. Waggootan dura Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessa injinara ta'uun sadarkaa garaa garaa irra hojjetaa ture.

Yeroo ammaa kampaanii US xiyyaara omishuun beekamu Booying keessatti injinara sirna xiyyaaraa ta'uun hojjetaa jira.

Dhiyeenya kana waa'ee aviyeeshinii kitaaba Afaan Oromoo kan jalqabaati jedhame mata-duree 'Xiyyaaraafi Sirna Balalii' jedhuun barreessera.

Kitaaba kana maaliif akka barreesse, Afaan Oromoon barreessurratti wantoota isa mudataniifi barattoota sadarkaa gadiirra kaasanii waa'ee xiyyaaraa hubannoo maalii qabaachuu akka qabaatan ilaalchisee BBC wajjin turtii taasiseera.

Lixa Oromiyaa, Boojjii Dirmajiitti kan dhalatee guddate Solomoon, Yuunivarsiitii Finfinneerraa ogummaa Mekaanikaal Injinaringiin bara 2014 eebbifamuun hojiitti bobba'e. Baay'ee osoo hin turiin Daandii Qilleensa Itoophiyaa seene.

"Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessa yeroon ture injinara sirna xiyyaaraa ta'een hojjataa ture," jechuun nageenya sirna balalii xiyyaaraa irratti hojjachaa turuu hima.

Muuxannoofi ogummaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti cimmifate qabatee gara Ameerikaa imaluun kampaanii Booyingitti hojii eegale.

Bara 2021tti kampaanii Booying erga seenee booda dizaayinara sirna hayidirooliksii xiyyaaraa ta'uun hojjechuu akka eegaleefi yerodhuma sanaa kaasee kitaaba waa'ee xiyyaarafi akkaataa itti xiyyaarri balali'u Afaan Oromoon barreessuu eegaluusaa BBCtti hime.

'Ijoolleen waa'ee xiyyaaraa odeeffannoo gahaa argachuu qabu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kitaaba waa'ee xiyyaaraa Afaan Oromoon barreessuf wantoota isa kakaasan keessaa tokko, hanga yuunivarsiitii seenutti waa'ee xiyyaaraa odeeffannoo bal'aa qabaachuu dhabuusaati.

Kana hambisuuf barattoonni sadarkaa gadiitii kaasanii waa'ee xiyyaaraafi xiyyaarri akkamitti akka balali'u beekuu akka qaban hima.

"Barataa saayinsii uumamaa ta'ee osoon jiruu waa'ee xiyyaaraa odeeffannoo gahaa hin qabun ture. Amman yuunivarsiitii seenee waggaa sadaffaa gahutti waa'ee xiyyaaraa, xiyyaarri akkamitti balali'a kan jedhu dhuguma dubbachuuf waanan beeku hin qabun ture," jedha.

Kanaaf ammoo sababni inni kaasu waa'ee sirna balalii xiyyaaraa ilaalchisee odeffannoon gahaan kitaabota barnootaa keessa akka hin jirre hima.

Kanarraa ka'uunis barattoonni sadarkaa gadiirraa ka'anii waa'ee sirna balalii xiyyaaraa akka hubatan gargaaruuf kitaaba kana akka barreesse hima.

Sababiin lammataa ammoo, keessumaa barattoonni afaan dhalootasaanii [Afaan Oromoon] waa'ee xiyyaaraa dubbisanii akka hubataniifi gara fuulduraatti damee kanatti bobba'uuf haaraa akka hin taane akka gargaaru hima.

Kitaabni waa'ee aviyeeshinii ibsu kun Afaan Oromoon kan jalqabaa ta'uu akka hin oolle kan dubbatu Solomon, kitaabicha barreessee galmaan gahuufi gulaaluu keessatti namoota isa gagaaran keessaa tokko Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Itti Gaafatamaa Naannoo Siingaappor, Awustiraaliyaafi Niwu Ziiland kan ta'e Injinar Taliilaa Guutamaa akka ta'e hima.

Kampaanii Booyingitti injinara sirna xiyyaarafi barreessaa kitaaba 'Xiyyaaraafi Sirna Balalii' kan ta'e Solomoon Daawiit, yeroo inni Daandii Qilleensa Itoophiyaa hojjetaa turee kaasee sirriitti akka beeku BBCtti hime Injinar Taliilaan.

"Aniifi Solomoon Daawwit muummee injinaringii Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessa waliin hojjachaa turre. Durumaa kaasee mucaa qaxaleedha," jechuun cimina isaa hima.

Ofiisaatiin kitaaba waa'ee aviyeeshinii Afaan Oromoon barreessuuf jalqabee akka ture kan himu Taliilaan, hiriyaansaa Solomoon kitaaba yaada walfakkaataa irratti barreessuusaatin ofiisaa kitaabicha gulaalurratti akka xiyyeeffate BBCtti hime.

"Anillee bu'uuruma inni barreesse irrattan barreessuu yaade, [inni] hojii koo naa hojjate jechuudha," jechuun kitaaba barreessaa ture dhiisee kan Solomoon barreesse gulaaluurratti fuulleffachuu hima.

Barattoota sadarkaa gadiirra jiran afaan dhalootasaaniin namni itti himu ykn waanti barraa'e waan hin jirreef, yeroo hedduu waa'ee xiyyaaraa ykn xiyyaara balaliisuu ofirraa fageessanii ilaaluu ykn xiyyaarri 'maajikii' wayiin waan deemu itti faakkata jedha Injinar Taliilaan.

"Kuni baay'ee na hinaafsisa ture. Akkuma koo Solomoonis hinaaffaa kana qaba ture waan ta'eef hinaaffaa kanarraa ka'ee kana barreesse," jedha.

modeela xiyyaaraa, kitaaba, tikkeeta fa'i

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, "Jechoonni [balalii] hedduu kallattiidhaan hiika Afaan Oromoo hin qaban," jechuun jechoota kana kallattiin gara Afaan Oromootti firoomsuun fayyadamuu hima.

'Osoon danda'ee godinoota Oromiyaa hundaaf raabsee natti tola'

Kitaabaa waa'ee aviyeeshinii ykn sirna balalii Afaan Oromoon barraa'e kana kaayyoo galii irraa argachuuf osoo hin taane, dhaloonni lafaa dhufaan waa'ee xiyyaaraa afaan beekuun akka hubatuuf barreessuuf kaka'umsa horachuu hima Solomoon.

Biiroo Barnoota Oromiyaa dabalatee qaamolee biroo kitaabichi manneen-kitaabaa keessatti akka wabiitti akka tajaajilu gochuu barbaadan waliin hojjachuuf qophii akka ta'es hima.

"Osoodhuma isaan fedhii dhabanillee, nuti namoota hirmaachisuu feena. Kitaaba kanarraa galii addaa argachuuf fedhii hin qabu," jechuun kitaabichi bifa kamiin dubbistoota bira akka gahurratti hiriyootasaa waliin mariyataa akka jiru hime.

"Godinaalee Oromiyaa hunda waliin gahuuf waggaa waggaan kitaaba kuma tokkos haata'u kuma lamaan maxxansiisuuf ofitti murteessera," jedha.

Gama biroon ammoo saayinsii aviyeeshinii keessatti jechoonni heddu kallattiin hiika Afaan Oromoo qabaachuu dhabuunsaanii rakkoolee isa mudatan keessaa tokko akka ta'e hima.

"Jechoonni hedduu kallattiidhaan hiika Afaan Oromoo hin qaban," jechuun jechoota kana kallattiin gara Afaan Oromootti firoomsuun fayyadamuu hima.

"Fakkeenyaaf, qaama xiyyaaraa 'eleron' jedhu 'eleroonii' jennee Afaan Oromootti deebisne. 'Radar' kan jedhu dheeressinee 'raadaarii' jennee barreessine," jechuun kitaabicha namoota Afaan Oromoo sirnaan beekan akka gulaalchises dubbata Solomoon.