Naannoon Amaaraa akeekkachiisa naannoo Tigraayiif deebii kenne

Pirezidnatii Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa

Madda suuraa, AMHARA COMM./FB

Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ALI Bitootessa 16, 2016 ibsa baaseen kitaaba barataa Naannoon Amaaraa maxxansiise irratti kaartaan agarsiifame akka haqamuu qabu akeekkachiiseera.

Naannochi hatattamaan waan kana hin sirreessu taanaan ''rakkoo mudachuu maluuf itti gaafatamummaa fudhachuu qaba,'' jechuun akeekkachiiseera kaabineen kun ibsa isaa keessatti.

Ibsi naannolee lamaanuu akeekkachiisaa fi dubbi walbarbaaduu of keessaa qaba.

Kaabineen naannoo Tigraay ibsa kana baasee guyyoota muraasa booda naannoon Amaaraa ibsa ''doorsisaa fi dubbi barbaacha'' ittiin jedhe kanaaf deebii kenneera.

''Bulchiinsi yeroo Tigraay iddoowwan kitaaba barataa keessatti hammatamuu himachuun ibsi baase seenaa dhugaa uummataa, ragaalee qabatamaa fi dhugaa lafa jiru kan haaleedha,'' jedha ibsi Kominikeeshiniin Mootummaa Naannoo Amaaraa Feesbuukiisaarratti maxxanse.

Yaadi naannoo Tigraay kan burjaajii uumuu fi walitti bu'iinsaaf karaa banudha jechuunis himate naannoon Amaaraa.

''Kanarratti dabalataan guyyaa kaleessaa (Bitootessa 18, 2016) humni Tigraay bakka duraan turerraa socho'uun gandoota Aanaa Raayyaa Allaamaaxaa qabachuun jiraattota ajjeesaa fi dararaa jira,'' jedha ibsi kun.

Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ibsa Wiixata darbe baase keessatti ''Naannoon Amaaraa kaartaa (danaa) iddoowwan to'ate mul'isu kan kitaaba barataa keessa galche hin soroorsu taanaan rakkoo mudatuuf kan itti gaafatamu ta'a,'' jechuun itti dhaadateera.

Iddoowwan ibsa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay keessatti eeraman ‘’Aanaalee waggoota 30 dura irraa eegaluun gaaffiin eenyummaa, gaaffiin ofiin of bulchuu irratti ka’aa tureedha,’’ jechuun ibsa isaa Kanaan yaadachiiseera naannoon Amaaraa.

Ibsa kana keessatti ‘’iddoowwan gaaffiin eenyummaa irratti ka’u,’’ jedhamuun tarreeffaman Walqaayit Xagadee, Xallamtaa akkasumas Aanaalee akka Waflaa fi Allaamaaxaa fa’a ta’uun eerameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakkawwan kunneen hanga waraanni Kaaba Itoophiyaa banamutti yeroo sanatti mootummaa tureef “gaaffileen eenyummaafi ofiin of bulchuu” dhiyeessaa akka turan ibsi kun yaadateera.

Ibsi kun itti dabaluun, gaaffiin “eenyummaafi ofiin of bulchuu” naannoowwan kanaa hanga waaraanni kaabaa jalqabuutti deebii dhabuu eereera.

Yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabametti, “ummanni gaaffiiwwan eenyummaafi bulchiinsaa waggootaaf jalaa ukkaamfamee ture” mootummaa giddu-galeessaa cinaa hiriiruun “gahee mataa isaa gumaachuu isaa” ibsu kun dabalee ibseera.

Waliigaltee Piritooriyaatiin durarraa kaasee “Naannoon Amaaraa akkuma godinaalee biroofi bu’aawwan misoomaa hunda ummata naannawaa sanaa gama barnnootaatiin fayyadamoo akka ta’an godheera,” jechuun ibsa isaatiin mul’iseera.

Ibsi kun itti dabaluudhaan, “Naannawwan kanneen ilaalchisuun haalli ture, jiruufi jiraatu kanuma” jechuun bakkawwan falmisoosaa ta’an kana ilaalchisuun naannoo Amaaraa ejjennoo isaa ibseera.

Daa’imman naannoo sanaa, “mirga barachuusaanii akka kabajamuuf” naannoo Amaaraa “dirqamasaa bahachuu” naannichi ibsa baaseen eeruun, “Kana sababa godhachuun naannoo Amaaraa irratti haleellaa raawwachuurraa akka hin deebine ta’uu isaa ibsa dubbii barbaaduu agarsiisudha,” jechuun naannoon Amaaraa ibsa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay qeeqeera.

“Rakkoon kun karaa seeraatiin akka furamuuf” naannoo Amaaraa gahee isaa bahachaa jiraachuu kan eere naannichi, “Bulchiifni Yeroo Naannoo Tigraaygochawwan biyyattiidhaaf madda rakkoo dhaabbataa ta’erraa akka of qusatu,” akeekkachiisuun “… mariiwwan fedhii ummataa giddu-galeessa godhatan irratti akka xiyyeeffatuuf,” akeekkachiiseera.

Bakkawwan naaf mala jechuun naannoleen lamaan gaaffii irratti kaasan waraana Kaaba Itoophiyaa dura bulchiinsa naannoo Tigraay jala ture. Erga waraanichi jalqabee booda garuu naannoon Amaaraa bakkeewwan kanneenbulchaa jira.

Bakkawwan kanneenitti ji’oota muraasa darban keessa muddamni, darbee darbee ammoo walitti bu’iinsawwan mul’ataa jiru. Jalqaba torban kanaa walitti bu’iinsa aanaa Raayyaa Allaamaaxaatti mudateen lubbuun milishoota aanichaa darbuu bulchaan aanichaa BBCf ibsaniiru.

Ibsa naannoo Amaaraa kanarrattis aanaa Raayyaa Alaamaaxaa keessa walitti bu’iinsi jiraachuu kan agarsiisedha.

Bakkeewwan naannoleen lamaan irratti wal falmanitti murtee ummataa gaggeessuuf waliigalteerra gahamuu mootummaan Federaalaa ibsee ture.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay garuu, “murtee ummtaa gaggeessuudhaaf waliigalteerra gahameera” jedhamuu “dogoggora guddaadha” jechuun mormeera.

Kun osoo kanaan jiruu Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) ibsaafi walitti bu’iinsa tibbana dhaga’amerraa ka’uun ibsa baaseen, “TPLF waraana marsaa afraffaatiif qophaa’aa jira” jechuun himachuun,” mootummaan Federaalaafi naannoo Amaaraa sochii jiru xiyyeeffannootiin akka hordofaniif hubachiiseera.