Manni maree naannoo Amaaraa mirga himatamu dhabuu Obbo Yohaannis Buwayaalew kaase

Obbo Yohaannis Buwayaalew

Madda suuraa, BD COM.

Manni Maree Naannoo Amaaraa mirga himatamu dhabuu Obbo Yohaannis Buwayaalew, kan labsii yeroo mudamaa naannichatti hojiirra jiruun walqabatee hidhaarratti argamanii kaase.

Naannoo Amaaraa fi paartii biyya bulchu Badhaadhina keessatti ittigaafatamummaa olaanaa irra kan turan Obbo Yoohaannis, tasgannii dhabiinsa naannoo Amaaraatti mudate hordofuun labsii yeroo muddamaa labsameen to’atamuun baatiiwwan muraasaaf hidhaarratti akka argaman ni yaadatama.

Manni maree Naannoo Amaaraa yaa’iisaa idilee Roobii irraa kaasee gaggeessaa jirurratti mirga himatamu dhabuu Obbo Yohaannis kaasuu miidiyaan sabaa himaa naannichaa beeksiise.

Obbo Yohaannis miseensummaa mana marichaattiin alattis paartii badhaadhinaa naannichaa keessatti ittaanaa dura taa’aarraa kaasee, itti gaafatamummaa aangoo olaanaa irra turan.

Dabalataanis mootummaa federaalaa keessattis Akkaadaamii hooggansa Mallas Zeenaawii irratti pirezidantummaan muudamanii kan ture yoo ta’u, muudamicha fudhachu akka hin barbaadne ifatti ibsanii akka turan ni yaadatama.

Isaan boodas Daareektarra Olaanaa Insitituuyiitii Qorannoo Tarsiimoo Hariiroo Alaa ta’anii ture.

Obbo Yohaannis Booyaalawu naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’iinsii umamuun osoo labsiin yeroo mudamaa hin labsamiin dura ture walgahii mana maree naannichaa gaggeeffame irratti bulchiinsa naannichaa cimsanii qeequun haasaa taasisanii turan.

Karoora mootummaan humnoota addaa naannoolee diiguun deebiisaa humnoota nageenya naannoolee waliin ijaaruuf baasee ture fi sochii hidhattoota hidhannoo hiikkachiisuuf eegale hordofuun, naannoo Amaaraatti wallakkeessaa bara darbee irraa kaasee tasgabbii dhabiinsa umamee hordofuun labsiin yeroo muddamaa akka labsamu kan sababa ta’e.

Sababii kanaanis miseensoonni mana maree faderaalaafi naannoolee dabalatee namoonni hedduun hidhaarratti akka argaman gabaasaaleen dhaabbilee mirgaaf falamanii baasan ni mul’isa.

Isaan keessaa tokko Obbo Yohaannis Buwayaalew kan har’a Guraandhala 22, 2024 mirga himadhamu dhabuu isaanii mulqamedha.

Isaanin alattis miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Obbo Kiristiyaan Taaddalaa fi Dr Dasaalanyi Caannee akkasumas miseensi mana maree Magaala Finfinnee Dr Kaasaa Tashaagar hidhaarratti argamu.

Haaluma walfakkaatuunis Caffeen Oromiyaa miseensa isaa kan turan, Obbo Taayyee Danda’aa erga to’annoo jala oolfamaniin baatiiwwan booda, 19 Guraandhala 2024tti mirgi himatamu dhabuusaanii Caffee naannichaatiin kaafamuun ni yaadatama.