Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baay'inni ummata addunyaa dhuguma biliyeena saddeetii?
Gabaasni Dhaabbata Biiyyota Gamtoomanii haaraa bahe akka agarsiisutti baay’inni uummata addunyaa biliyeena 8.2 irraa gara biliyeena 10.3tti akka guddatutu eegama.
Guyyaa Baay’ina Uummata Addunyaa jedhamuun Adooleessa 11 kabajamu sababeeffachuun Tilmaamni Baay’ina Uummata Addunyaa baay’inni uummataa bara 2080oota keessa olka’uun sana booda gadi bu’aa deema.
Namoonni amma dhaalatan giddu galeessan umurii 73.3 akka jiraatan raaga ibsi kun. Kuni tilmaama bara 1995 baherraa waggaa 8.4n dabalata qaba.
Walakkaa jaarraa darbeef Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ragaalee lakkoofsa baay’ina uummataa, ragaa dhalootafi kan du’aa akkasumas odeeffannoowan biroo biyyoota miseensa dhaabbatichaa ta’anii fayyadamuun yeroo yerodhaan lakkoofsa uummata addunyaa ni tilmaama.
Garuu lakkoofsi UN jedhu kuni hangam amansiisadha?
“Lakkoofsa namoota pilaaneetii kanarra jiranii herreegun saayinsii tilmaamati,” jedhu Yuunivarsiitii Saawuzamtanitti pirofeesara dimogiraafii kan ta’an Jaakub Bijaak turtii BBC waliin taasisaniin.
Biiroo Lakkoofsa Uummataa Washingtanitti ogeessafi qorataa dimogiraafii kan ta’an Dr. Toshiikoo Kaneedas baay’ina uummata addunyaa kana jedhanii ibsuuf tilmaama yoo ta’een ala lakkoofsi qabatamaan akka hin jirre kaasu.
“Muuxannoo, beekumsaafi odeeffannoo qabnurratti hundoofnee gaafa yaannu rakkisaadha. Hojii baay’ee rakkisaadha,” jechuun baayi’ina uummata addunyaa tilmaamun salphaa akka hin taane kaasu.
Ogeeyyin lakkoofsa uummataa yeroo yeroon tilmaama isaanii haaressu. Fakkeenyaf, UN bara kana tilmaama kaa’en bara 2100tti dhibbeentaa jahaan lakkoofsi uumataa akka xiqqaatu ifa godhee ture. Kuni ammoo kan waggoota kudhaniin dura kan tilmaamen gadi jechuudha.
Yeroo yeroon lakkkoofsa uummata addunyaarratti jijjiiramniifi sirreeffamni haa godhamu malee ragaan baay’ina uummataa mootummootafi qaamolee biroo immaamata qopheessaniif baay’ee murteessadha. Sababni isaa baay’ina uummataa irratti hundaa’un karoorafi murtee garaa garaa qopheessu waan ta’eef.
Ragaan UN haaraan maal nutti hima
Tilmaamni Baay’ina Uummata Addunyaa bara 2024, “namoota afur keessaa tokko biyya lakkoofsi uummataa duraanuu dabale keessa jiraata” jedha.
Haa ta’u garuu, biyyoonni 126 waggoota 30 ittaananiif baay’inni uummata isaanii dabalaatuma deema. Kunis biyyoota addunyaarratti lakkoofsa uummataa guddaa qaban kanneen akka Indiyaa, Indooneezhiyaa, Naayijeeriyaa, Paakistaanifi US fa’aa kan dabalatuudha.
Gabaasni UN baranaa kun waan haraa kan biraa qabatee bahe keessaa hangi namni tokko giddu galeessan lafarra jiraatu tokko dabaluusaati. Hangi namni jiraatu yeroo weerara COVID-19 gadi bu’ee ture amma dabaleera.
Godaansafi lakkoofsi uummataa dabaluu
Baay’inni uummataa dabaluun addunyaa garaa garaa irratti wal-fakkaataa miti. Biyyoonni tokko tokko kanneen akka Angoolaa, Rippaabilika Afrikaa Giddu Galeessaa, DR Koongoo, Niijeerifi Somaaliyaa waggoota 30 dhufan keessatti daa’imman haaraa dhalatan heddu ta’u.
Addunyaa biroo keessatti ammoo godaansi sababa lakkoofsi uummataa akka guddatu godhu keessaa tokkoodha. Kunis biyyoota akka Awustiraaliyaa, Kaanaadaa fa’aa keessatti.
Godaansi dhimma fa’aciinsa uummataarratti dhiibbaa fidu ta’uunsaa hubatamaa akka dhufe kan himan Profeesar Jaakub Bijaak garuu, “biyyooni heddu godaantota hin lakkaa’an, ykn ammoo waggaa kudhan fa’aa keessatti si’a tokko qofa lakkaa’u,” jedhu.
Dr Toshiikoo Kaneedaa akka jedhanitti, wal-hormaata caala godaansi baay’ina uummataarratti dhiibbaa akka fidu eerun iddoon akka itti kennamu gaafatu.
“Biyya lakkoofsi daa’imman dhalatanii baay’ee xiqqaa ta’e keessattuu namoonni dhalatan zeerotti gadi bu’a jedhee hin eegu. Garuu godaansi halkan tokkotti jijjiiramuu danda’a,” jechuun namoonni sababa waraanaa ykn balaa uumamaan akka godaanan kaasu.
Lakkoofsa uummataa gaggeessun maalif barbaachise?
Lakkoofsa uummataa fayyadamuun tarsiimoo ykn imaammata qopheessun bara duriiyyuu waan tureedha.
Qorattoonni dimogiraafii akka jedhanitti uummata lakkaa'un kan eegale waggaa 4,000 dura Mesoppotaamiyaa (Iraaq) keessatti bara Impaayera Baabiloonidha.
Ergasii teeknolojiin uummata lakkaa'uf hojiirra oolu fooyya'iinsa heddu argamsiisus hojiin ogeeyyi lakkoofsa uummataa salphaa ta'ee hin beeku.
Biyyoota qarooman kanneen akka US keessattiyyuu dandeettin ragaa dogoggora malee sassaabuun rakkisaa akka ta'e kaasu.
Gama biroon ammoo biyyoota guddatan keessatti dhaabbilee ragaa funaanan irraa bajanni cituun biyyoota guddataa jiran irratti dhiibbaa mataasaa akka qabaatu kaasu Dr. Toshiidon.
Biyyooni kun bjata kutuunsaanii baasin ragaa funaanuf bahu olk'aadha kan jedhuuni.
UN gamasaan ragaa funaanun kan irratti xiyyeeffatamuu qabu hawaasa saaxilamoo ta'an irratti akka ta'eedha.
Gabaasni Tilmaama Baay'ina Uummataa dhiyeenya kan bahe maxxansa tilmaama baay'ina uummata addunyaa UN 28ffaa yoo ta'u, tilmaamni kun lakkoofsa baay'ina uummataa biyyoota garaa garaa bara 1950 hanga 2023tti gaggeeffame 1,700 bu'uura godhachuuni.
Lakkoofsa uummataa gaggeeffame qofa osoo hin taane, galmeessa ragaalee bu'uuraa garaa garaas fayyadameera.
Addunyaarratti dhaabbileen tilmaama baay'ina uummata addunyaa hojjachuun beekaman Washingtan Yuunivarsiititti kan argamu Institute of Health Metrics and Evaluation (IHME) fi Veenatti kan argamu Wiirtuu IIASA-Wittgenstein jedhamuun beekamuudha.