Lakkoofsi uummata Indiyaa kan Chaayinaa caalufi, kan addunyaa bil.8 seenufi

Indiyaan bara dhufu biyya addunyaa lakkoofsa uummataa hedduu qabaachuun tokkoffaa taati, uummata biiliyoona 1.4 qabaachuun kan Chaayinaa caaltuuf jirti.

Akka ragaa UNtti lakkoofsi uummataa Sadaasa dhufu kana biiliyoona 8 ga'a.

Garuu akkaataan guddina lakkoofsa uummataa akka kanaan duraa saffisaa miti.

Lakkoofsi uummataa akkaataa bara 1950oota keessa tureen dabalaa hin jiru kan jedhu UN, haala sanatti kan deebi'u naannoo bara 2080oota keessa ta'uu ibse.

Bara sanatti lakkoofsi uummata addunaa biiliyoona 10.4 ga'a jedha UN, ogeeyyiin lakkoofsa uummataa qo'atan ammoo addunyaan bara 2080 durayyuu uummata biiliyoona 10.4 qabaachuu dandeessi jedhu.

Waggoota 30 dhufan keessatti daballiin lakkoofsa uummata addunyaa mul'atu garri caalu biyyoota saddeet keessatti mul'ata.

Isaanis Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo, Masrii, Itoophiyaa, Indiyaa, Naayijeeriyaa, Paakistaan, Filippiinsi fi Taanzaaniyaadha.

Akkaataan lakkoofsi uummataa itti deemu kun biyyoota guddatan keessatti ammoo hir'ataa jiraachuun mul'ateera.

Giddugaleessaan haati tokko daa'imman 2.1 qabdi jechuudha. Biyyoota hedduu keessatti hanga bara 2050tti lakkoofsi uummataa dhibbeentaa tokkoon gadi bu'a.

Baay'ina daa'imman dhalataniin addunyaarraa dhumarra kan jirtu Chaayinaan bara dhufurraa eegalee lakkoofsi uummatashee akkaan akka gadi bu'uu danda'u ibsitetti.

Yeroo ammaa Chaayinaa keessatti dubartiin tokko giddugaleessaan daa'imman 1.15 qabdi.

Biyyattii keessatti erga seerri maatii tokkoof daa'ima tokko qofa jedhu bara 2016 ka'uun daa'imni lamaa fi isaa ol eeyyamamee lakkooofsi uummataa hir'isuu hin dhiisne.