Yukireen riqicha lammaffaa Kersoon geessu barbadeessuun loltoota Raashiyaatti balbala cufte

Yukireen riqicha guddaa kibba biyyattiitti argamuu gara Kersoonitti geessu kan biraa barbadeessuu beeksifte.

Riqichi kun loltoonni Raashiyaa Kersooniifi kibba Yukireen to'achuuf kan itti fayyadamanidha.

Yukireen torba tokko duras riqichi guddicha Antooniviski jedhamu barbadeessuu beeksiftee turte. Riqichi lammaffaan Yukireen barbadeessera jettu kun hidha Noovaa Kakovaa irratti kan ijaarameedha.

Yukireen magaala Kersooni fi naannawa ishee deebistee loltota Raashiyaa harakaa baafachuuf haleellaa cimaa gochaa jirti.

Kersoon magaalota gurguddoo Yukireen qabdu keessaa tokko yoo taatu akkuma lolli Raashiyaa fi Yukireen gidduutti ka'een loltoonni Raashiyaa to'atan.

Komaandin Oppireeshinii Izzii Kibbaa Waraana Yukireen fuula facebook isaa irratti, "Riqichi hidha Noova Kakoovaa barbadaa'uu irraa kan ka'e tajaajilaan ala ta'eera" jechuun barreesse.

Tikni Waraana UK odeeffannoo waa'ee waraana Yukireen guyyaa guyyaan kennuun akka jedhetti, haleellan Yukireen gaggeessite daandii laga Dinippiroo wajjin wal qunnamsiisu Raashiyaan meeshaalee waraanaa gurguddoo dhiyeessuu akka hin dandeenyetti miidhameera.

Noovaa Kakoovan kaaba baha Kersoonitti 55km fagaatee argama. Yukireen gosa artilariii "Himaars" kan Ameerikaan kenniteef fayyadamuun duraanis riqicha gudicha Antoniviskii haleeltee turte. Ergasii Raashiyaan suphuu yaaltus "guutummaatti fayidaan ala ta'eera" jedhu maddoonni ittisa biyyoota lixaa.

Riqichi inni guddaan Kerson geessu torbee darbe caalmatti miidhamuu isaa odeeffannoon tika UK ni ibsa.

"Raashiyaan riqicha kana irra deebitee hanga feete yoo suphite iyyuu haleellaa Yukireenif kan saaxilameedha," jechuun beeksise ministeerri ittisaa UK.

Itti dabaluunis loltoonni Raashiyaa kumaatamaan lakkaa'aman kan lixa laga Dinippirootti argaman lagicha cehuu fi dhiyeessii argachuuf riqicha bidiruu lama qofatti dhimma bahaa akka jiran ibse.

Xinxaaltooni heddu akka jedhanitti loltoonni Raashiyaa laga gama jiran, daangaa Raashiyaan qabatte biroo irraa carraan adda citanii loltoota Yukireenin marfamuu isaanii guddaadha.

Yukireen riqicha kana haleeluu irratti xiyyeeffachuun ishee loltoota Raashiyaa Kersooni fi naannoo ishee jiran marsitee daangaa jalaa qabame deefachuudha.

Yukireen haleellaa kanaan Kersoon deebistee to'achuu dandeenyan bakkeewwan biroo Raashiyaadhan to'ataman deebifachuuf hamilee guddaa uumaf.

Kersoon waraanni osoo hin eegalin dura lammiileen 290,000 ta'an keessa jiraataa kan turan yoo ta'u yeroo ammaa bulchiinsa Raashiyaan muudden bulaa irti.

Raashiyaan baha Yukireen qofa osoo hin taane Kibba Kersooni fi Zapporizhiyaas to'annoo ishee jala galchuuf akka jirtu ji'a darbe Raashiyaan beeksiftee turte.

Tajaajilli Oduu Raashiyaa Taas jedhamu angawoota Kersoon waabeffachuun akka gabaasetti Kersoon qaama Raashiyaa akka taatuf angawoonni rifarandamii gaggeessuuf qophiitti jiru.

Raashiyan daangaa Yukireen humnaan qabatte of jala galchuuf jirti jechuun US balaaleffatte.

Daangawwan Yukireen yerodhaaf qabamanii jiranitti ministeera debisanii ijaaruu Yukireen kan taate Iriiyna Vereeshchunk, daangan Raashiyan humnaan qabattee rifarandamii itti gaggeessitu hawaasa idil-adunyaa biratti fudhatama akka hin qabne dubbatti.

Lammiilen Yukireen daangaa Raashiyaan to'atte keessa jiran gadi dhiisanii akka bahan waamicha dhiyeessun, guyoota shanan darban qofatti namoonni 5,3000 Kersoon gadi dhiisanii bahaniiru jette.