Hamaas wixinee dhukaasa dhaabuu haaraa qophaayeef deebii kenneen 'humnaa olii' gaafate

Gamoo haleellaa Israa'eliin Jijjige

Madda suuraa, Getty Images

Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf wixinee haaraa qophaaye irratti deebii kennuu Hamaas beeksise.

Wixineen walta'iinsa biyyoota akka Israa'eel, Kataraa, US fi Masriin qophaaye kun maal akka jedhu ifatti hin ibsamne.

Haata'u malee amma dura wayita yaadni wixinee kanaa haasa'amu waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban jahaaf turu akka ta'u, namootni gama lamaaniinuu hidhaman akka gadhiifaman ibsameera.

Israa'el fi US deebii Hamaas kana ilaalaa akka jiran beeksisaniiru.

Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Biliinkeen kan amma daawwannaa hojiif Baha Gidduugalaa jiran Roobii kana aanga'oota Israa'el waliin wal arganii akka mariyatan ibsaniiru.

US deebii Hamaas kana akkamiin akka ilaaltu irratti ammatti waan jedhan qabaachuu baatanis Pireezident Joo Baayidan garuu wanti gaafatame ''xiqqo guddaa'' ta'uu dubbataniiru. Aanga'oonni Israa'el yaada Hamaas dhiyeesse kanatti waliigaluuf rakkachuu akka hin oole akeekaniiru.

Qondaalli Olaanaan Hamaas kan BBCn dubbise ammoo wixinee raawwii waliigaltee qophaayeef deebii faara gaarii qabu deebisuu fi wantoota tokko tokkorratti ammoo fooyya'insi akka godhamu gaafachuu himan.

Wantoota akka fooyyeffaman gaafataman keessaa ijoon dhimma Gaazaa deebisanii ijaaruu, namoota qe'ee isaaniitti deebisuu, fi labsii warra buqqa'an ilaallatu akka ta'e ibsaniiru.

Qondaalli Hamaas kun wantoota akka fooyya'an gaafataman keessa waldhaansa namoota madaahanii, qe'eetti deebifamuufi hospitaal biyya alaatti dabarfamuu kan hammatu akka ta'e eeran.

Wixineen kun Hamaasiif erga ergamee torban tokko kan ta'e yeroo ta'u hanga Kibxataa kan tureef sababa dhimmootni tokko tokko ''ifa kan hin taaneefi burjaajii kan uuman'' ta'eefi.

Ministirri Muummee Kataar Sheek Mohaammed Biin Abdulrahimaan al Taanii deebii Hamaas wixinee kanaaf kenneen walumaagalatti ''faara gaarii'' kan qabu jedhaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni Gaazaa Onkololessa 7 hidhattootni Hamaas daangaa ce'uun Israa'el wayita haleelan jalqabe. Haleellaa kanaan lammiileen Israa'el 1,300 ajjeefamanii namootni 250 ta'an ammoo butamanii fudhataman.

Haleellaa kana booda Gaazaatti waraana Israa'eliin banameen hanga ammaa Filisxeemonni 27,500 ajjeefamaniiru.

Sadaasa darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban tokkoof tureen gama Israa'el irraa Filisxeemonni 240 hidhaa tran yeroo gadhiifaman, Hamaas ammoo namoota 105 Israa'elii butee ture gadhiiseera.

Amma waliigalteen raawwatamu kamuu danqaamuu danda'a sodaan jedhu kan jiraateef Israa'el hogganaa Hamaas Gaazaa jiru Yaahiyaa Sinwaar adamsuuf duula itti fuftee jiraachuusheeti.

Gama kaaniin ammoo Ministirri Muummee Beenjamiin Netaaniyaahuu lammiilee harka Hamaasitti hafan akka gadhiisisan biyya keessaa dhiibbaan akkaan itti jabaatee jira.

Michootni Israa'elis akkasuma fageenya Israa'el Hamaas balleessuuf itti deemaa jirtu namoota nagaa gaaga'uusaatti gammadoo akka hin taane erga ibsuu jalqabanii bubbulaniiru.