Gandummaan, gosummaan maali? Gocha akkamiitu hiika badaa kenneef?

suuraa huccuu aadaa Oromiyaa agarsiisan

Yeroo, haalaa fi bakka adda addaatti namoonniifi jaarmiyaaleen yaadaa fi gochoota tokko tokkoon ''kun gandummaadha'' yoo jedhan ni dhagaahama.

Siyaasaa Oromoo keessatti ammoo ilaalcha tokkummaa Oromoo diigu akka ta'etti hubatamee yaaddoo yeroon itti uume jira.

Miidiyaaleen hawaasummaas ilaalchaafi gocha ''gandummaadha'' jedhaman yeroo tarkaanfachiisan kaanis waan gandummaadha ittiin jedhan yeroo balaaleffatan mul'achaa jira.

Ofii gandummaan maali?

Jechi gandummaa jedhu kun hundeen isaa caasseeffama hawaasummaafi bulchiinsaa ganda jedhu akka ta'e ogeeyyiin ni dubbatu.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa afoola Oromoofi Hogbarruu kan ta'an Dr Darajjee Fufaa yaada gandummaa kan hubatan ''naannoo tokko ibsuuf ganda warra ebeluu yeroo jedhaniin beekaa'' jechuun ta'uu BBC'tti himan.

Gandi wanta qe'ee fi araddaa gidduutti argamu ta'ee, kan bakka wayii adda baasuu jedhu.

Oromoo keessa sirna gadaan walqabatee ilaaacha gosaatu jabaatee jira kan jedhan Dr Darajjeen, ''gumaa kan baasu gosa, gaafa dubartiin heerumtu gosatti heerumti jedhama. Ilmi gaafa dhalatus gosaaf dhalate jedhama,'' jechuun ilaalcha gandaa caala kan gosaa bu'uura qabaachuu dubbatu.

''Akka nuti har'a hubannu kana miti gosummaan kun iyyuu baayyee bala'aa kan walitti hidhamedha. Macca keessaa dhaqee Arsii keessaa gosa qabaata, Booranaa dhaqee Macca keessaa gosa isaa argata,'' jedhu.

Hiikni badaan gandaaf kenname gandummaa jedhamu bu'urri isaa ilaacha bara bulchiinsa Dargii dhufe ta'ee, dantaa siyaasaaf kan oolfame ta'uu dubbatan hayyuun kun.

Hoogganaan Waldaa Maccaafi Tuulamaa Obbo Dirribii Damissee gama saanitiin, ''gandummaa jecha yeroo dhiyoo dhuftee'' kaasuun, gandi garuu akka fokkataafi hin barbaachifnetti ilaalamuu hin qabu jedhu.

Qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessas yaada Obbo Dirribiifi Dr Darajjeen jedhan kanaan waliigalu.

Oromoon durii qabee ijaarsa gosaa hanga sabaatti tartiibaan deemu qaba kan jedhan Obbo Batteen, siyaasni ilaalcha kana dantaa ofiif oolchuun babal'iseera ta'a malee, gandaa qabee ijaaramni hawaasaa wal gargaaruufi waliif dhaabachuu irratti hundaa'e bifa sirriin tureera jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaanni gandummaa yeroo dhiyoo keessa kan dhufeedha kan jedhan Obbo Dirribiin, jalqabni dhufaatii isa ''warra Oromoo jibban irraayii'' jedhu.

''Isheen bara ammaa keessa jalqabamte kan gandummaa jedhamtu kun dura warra Oromoo jibbutu, warra Oromoo qoqqooduu barbaadutu wanta kana qopheesse.''

''Anuma irrayyuu akkan gandaan ilaalu akkan gandaan waa jaaladhu akkan gandaan waa jibbu karaa gorsaas akka doorsisaas dhiibbaan adeemsifamaa turte. Garuu Oromoo ammaan booda gandaafi lagaan qooduun hin danda'mu.''

''Ijoolleen warra akkasii walgargaarti, walqixxeetti nu hin laalanii, haa jibbinu wanta jedhutu jira.''

Sirna Gadaa keessatti ijaarsa jirutu tokkummaa kana eegee asiin gahe jechuun mammaaksa ''Shanaan Gadaa gaafa rakkoo waliif sunsumman'' jedhu yaadachuun, ''osoo akka namni walqoodu hojii irratti hojjetamaa jirutti, yoona kana lagaa lagaan walitti yaanee wal waraanna ture,'' jedhu.

Ilaalchiifi gochi fokkisaan gandaan walqabatee jiru akka hin babal'anne hunduu hojjechuu qaba jedhan Obbo Dirribiin.

''Namni tokko Kamiseedhaa yoo na miidhe ykn inni Booranaa yoo na miidhe, namichi sun akka na miidhu Kamiseen ykn Booranni bakka buufatee hin ergine. Kanaaf namicha sanan komadha malee sababni ani ganda sana ykn laga sana komadhuuf hin jiru,'' jedhu.

Gochaafi ilaalcha akkamiitu hiika gandummaa fokkisaa qaba?

Suuraalee huccuu aadaa godinaalee Oromiyaa agarsiisan

Ilaalchiifi gochi gandummaadha jedhamee miidiyaalee hawaasaa gubbaattis hawaasa keessattis ka'u dhugumatti yaada badaa dhamoo hanqina hubannoorraa ka'a gaaffiin jedhu ni ka'a.

''Oromoon seera Gadaa keessattuu ijaarama abbaa ollaa ykn abbaa Gadaa, isatti aanee abbaa areeraa, isatti aanee abbaa dheedaa, isatti aanee abbaa gabalaa ykn abbaa Gooroo achii booda sadarkaa Gadaa gahama. Kanaaf Gandi ija fokkisaadhaan ilaalamuu hin qabu,'' jedhu.

''Yaada Gandaa (Gandummaa) kan ati hammeessuu dandeessu fakkeenyaaf dorgommii hojiirratti qabxii gaarii fiddee ganda ati irraa dhufte ilaalee yoo si bira dabarse isheen kun gandummaadha ykn ammoo yaanni ani dubbadhu fokkisaa ta'ee sababa nama gandakoo taateef qofa gara koo yoo dubbatte kunis fokkisaadha dhugaa jallisa jedhu Obbo Dirribiin.''

Gumaa walirraa baasuun, buusaa gonofaa walii kennuun, walgargaaruun gandummaadha jedhanii akka hin amanne dubbatu Dr. Darajjeen.

''Namni tokko ganda isaattti mana barnootaa yoo ijaare, rakkoo hawaasa naannoo isaa yoo fure, gandummaa hin jedhamuu kan gandummaa jedhamu yeroon ani ganda koo gargaru yoo danqaa natti taatedha,'' jedhu Obbo Dirribiin.

Namni hunduu bakka sirriitti beeku, maatiifi ollaa beeku irraa gargaarsa eegala jechuunis yaada isaanii kana cimsu. Garuu ammoo gargaarsa ykn faayidaa ganda tokkoof atattamatti barbaachisaa ta'e aangoo fi loogiin ganda ofiif oolchuun ''gandummaa badaa'' akka ta'e hubachiisu.

Obbo Batteenis yaada kanaan waliigalu. Agarsiistuuwwan ilaalchota kanaa yeroo ibsanis, ''yaada fi gocha nama faallaa kaayyoo waluu adeemsisu sababa nama ganda kee ta'eef qofa ni deeggarta yaada isaa ni fudhatta yoo ta'e ilaalchi kun gandummaa ta'a,'' jedhu.

Ijaarama waloo tokko keessatti aangoof, faayidaafi sababoota kaaniifis jecha murna xiqqaa namoota ganda tokkorraa dhufaniin ijaarunis agarsiistuu ilaachaa fi gocha gandummaa ta'uu dubbatan.

''Gandan beekutti keellaa fayyaa, mana barnootaafi kaanis yoon godhe fakkeenya gaarii ta'aan jira waan ta'eef kun gandummaa miti akkanitti warri yaadan dogoggoraniiru,'' jedhu Obbo Dirribiin

Hojiin akkasitti eegalamu walitti dhufee biyya gargaara jedhu.

Oromoon walloo osoo rakkoo mataa ofii qabuu Harargeetti warra naannoo Somaaleerraa buqqa'e gargaaruu akka fakkeenyaatti kaasuun sabani Oromoo ilaalcha kana bira darbaa jiraachuu dubbatu.

''Nama dhugaa hin dubbanneefi dhugaa Oromoo jallisu sababa ganda keessan ta'eef garasaa hin goriinaa, karaa dhugaarra hin jirtuu jechuun deebisuu baruu qabna'' jechuun gorsa dabarsan.

Miidiyaan namoonni yaada fedhan itti qoodan baayyachuun walqabatees namoonni yaada waliif yoo kennan afaan tolanii jibbaafi mufii fageessaa akka walitti dubbatanis dhaaman.

Tokkummaa saba Oromoof hangam yaaddoodhaa?

Yaannifi ilaalchi gandummaa kun Oromoo keessa qofa osoo hin taane saboota kaan keessattis ni mul'ata.

Biyyoota addunyaa akka Jarman fa'i keessatti dubbiin gandummaa fi lagaan qooduu turee kan jedhan Obbo Dirribiin, Afaan tokko osoo dubbatanii tokkummaa ijaaruuf waraanatti galuun isaan barbaachisee ture jedhu.

Ilaachaafi gocha ''gandummaan'' kannaan yeroo tokko tokko namoonni akkaan miidhaman jira kan jedhan Dr. Darajjeen, garuu ammoo ''baadiyyaa dhaqxee yoo gaafatte gandummaa kana dhagaheeyyuu hin beeku ta'a. Jaarrooleen maalinni gandummaan siin jedhu,'' jechuun ilaalchi kun bu'ura waan hin qabneef hedduu akka hin yaachiifne ibsu.

Obbo Batteenis ilaalchi kun ifatti balaaleffatamaa waan jiruuf rakkoo guddaa miti jedhamus, ''keessa keessa irratti haasa'ama, ni gumgumama,'' jedhu.

Obbo Dirriibiin ammoo ilaalchii fi gochi saba Oromoo ganda gandaan qooduun ilaaluu fi fayyaduu ykn miidhuuf yaaluun yeroo dhiyoo keessa bal'achaa dhufuu, dubbatu.

Garuu ammoo Oromoon amma gosarra darbee biyya saba ijaarurra gaheera, ilaalchi gandummaa kana biras darbeera jedhu.

Ilaalchi kun guddatee rakkoo sabaa guddaa kanaa ta'uu isaan dura ''Oromoon bilchinaan waa hubatee, dubbachuu danda'ee maaliif kun akka barbaachise gaafachuu danda'ee jennaan yaaddessaa miti. Faayidaa yerootiif dhimma itti bahuun kun garuu gaarii miti,'' jedhu Dr Darajjeen.

Haala amma jiruun ilaalchi gandummaafi gosummaa saba Oromoo keessa jaarmiyaalee keessa jira jechuun hunduu ilaalchaafi gocha isaa dhaabatee ilaaluu akka qabu gorsu Obbo Batteen.

Siyaasaafi gandummaa

Dr Darajjeefi Obbo Dirribiin ilaalchi gandummaa kan bifa amma qabu kana kan qabate keessumaa bara Dargiirraa eegalee sababa siyaasaan akka ta'e amanu.

''Yaanni gandaa kun gosaa gadi ta'ee keessumaa babal'atee kan ka'e erga Dargiin qabalee ijaaruu eegaleeti as malee Oromoo keessa wanta baayyee ture miti,'' jedhu Dr Darajjeen.

Obbo Dirribiin Namoonni siyaasaa bulchiinsaafi siyaasa isaaniif akka tolutti ilaalcha gandummaa uummata keessatti facaasaa turan jedhu.

''Ilaalchi gandummaa kun warra tokkummaa keenya jibbuun namni itti ramadamee, bajanni ramadamee fi namootuma kana hojjetantu jira.''

Ilaalchi kun Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane biyyoota addunyaa kaan keessattis bara durii kaasee siyaasaan walqabatee akka jiru dubbataniiru.

Qondaala Adda Bilisummaa Oromoo kan ta'an Obbo Battee Urgeessaa dhimma kana ilaalchisee yaada kennaniin, ilaachi gandummaa fi gosummaa qajeeltoowwan dhaabbilee siyaasaa keessatti akka danqaalee ijoo qabsoo isaanii tarreeffaman keessa akka jiran dubbatan.

Dhaaba isaanii keessattillee ''amaloota farra warraaqsaa'' jedhamanii akka adda bahan himu.

Warraaqsi saba tokko saba sana tokkomsee ijaaruun kan eegalu waan ta'eef ilaalchi akka gandummaafi gosummaa farra warraaqsaati akka jedhamu dubbatu.

''Waan guddicha akka sabaatti galmaan gahuuf qabanne irraa gadi bu'ee namni yeroo qe'ee qe'eesaarratti yoo xiyyeefatu ykn sanaaf dursa yoo kennu jechuudha.''

Jaalala gandaafi gosa keenyaaf qabnu agarsiisuu hin qabnu jechuu osoo hin taane, jaalalli kun kaayyoo waloo akka sabaatti jiru haala hin miineen ta'uu qaba jedhu.

Seenaa qabsoo ABO keessatti lagaafi amantaan walqooduun lubbuu isaanii oolchuu wayita danda'anitti qabsaa'oonni jalqabaa dhaabichaa lagaafi amantaan gargar hin baanu jechuun tokkummaa isaanii eegaanii waliin wareegamuu seenaa Shinnigaa yaadatu Obbo Batteen.

Gochaan sun sadarkaa tokkummaan Oromoo itti itituu qabuuf fakkeenya akka ta'es kaasu.