Albamiin 'Gaaffiikoo' jedhu waa'ee abjuufi gaaffii dhuunfaakoo qofa miti - Guutuu

Guutuu Abarraa

Madda suuraa, Gutu Abera

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Guutuu Abarraan albami isaa haaraa 'Gaaffiikoo' jedhu qopheessuuf akka dhamahan BBC'tti dubbate

Sirba qeenxee ‘Hawwaanawwaa’ jedhu keessatti, “Hibboon si gaafadha gaaffii, Amma naa deebisii dafii” jedhee gaaffii kan gaafate Guutuun, ammammoo albamasaa jalqabaa gadhiisuuf jedhu 'Gaaffiikoo' jechuun moggaaseera.

Sirboota qeenxee Hawwaanawwaa, Ammamee, Deemii, Anatuu fi torban lamaan dura ammoo Iyyoolee gadhiisuun kan jaalattoota muuziqaa dheebuu baasee Guutuun, muuziqaa Oromoo duraaniifi ammayyaa gidduutti riqicha tolchaa jira.

Ammammoo albama haaraa ‘Gaaffiikoo’ jedhuun dhaggeeffattoota bira gahuuf gurra qeensisaa jira.

Albamni kun Iyyoolee dabalatee sirboota saddeet qabatee farda fe’atee kararra jira. Sirboonni kunneenis (Jaalala Namaa, Siinaa Wayya, Sii dhiisee deemuu, Hin barbaadu, Shaashamannee, Jimmaa Jimmaate, Nan barbaada fi Eessa Yoonana) yoo ta’an, gurra dhaggeeffattootaa keessa seenuuf guyyoota otoo hin taane sa’aatii muraasatu hafa.

Si dhiisee deemuf na dide garaani

Si wajjin jiraachuuf na eega karaani

Kanatu dhibe anaani…

Guutuun Maaliif ‘Gaaffiikoo’ jechuu filate? Iyyoolee akkamitti ibsa, Waa’ee albamasaa haaraa maal hima? Eenyufaatu gumaache, Artistichi akkanaan BBC’f ibseera.

“Daa'imummaakoo irraa kaasee, yeroo hunda akkamitti akkan addunyaa aartiitiif gumaachuu danda’un abjoochaa ture. Abjuu tokko yeroon fiixaan baasu, haaraan ammoo dhufa, gaaffiidhaaf yeroon deebii argadhu hundatti, dhibbaatamaan kan lakkaa’amutu dhufa.

''Adeemsa yerootiin abjuufi gaaffiin dhuma akka hin qabneefi dhaabbataadhaan imala kootiif annisaa ta’uun akka humneessanan dhugeeffadhe. Dhugeeffannaan kunis albamakoo ‘Gaaffiikoo’ jedhee moggaasuutti na geesse” jechuun Guutuun barreeffamaan BBC’f ibseera.

Iyyoolee sirba geelloo garmalee si’eessaa, keessumaa ammoo walaloosaa keessatti maqaa Oromoo jaalatamaa ta’e Gammadaa fayyadamuun ajaa’iba taasiseera.

''Yeedalloofi dhikkisnisaa haalaan wal unachuun muuziqichatti lubbuu horaniiru” jechuun miira sirba ‘Iyyoolee’ kan torban lama dura gadhiifamuun jaalatamummaa horatee ibseera.

'Isheen utubaa cimtuu imala keenyaati'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haati warraa Artist Guutuu, Miiraan, ogeettii muuziqaa hojii isaaf bu'uura ta'an keessaati.

“Ogeettii cimtuu muuziqaa kan taate Miiraan [haadha warraa Guutuu], waan hunda istuudiyoodhuma mana keenyaa mijattuu taate keessatti qindeessiti. Gurra sirriitti dhaggeeffatu qabdi.

''Hojiinshee muuziqaa keenya gara sadarkaa itti aaanutti ceesisee jira. Isheen utubaa cimtuu imala keenyaati. Galanni Leencoo Fiqiruutiif [daarektara viidiyoo] haa ta’uutii, viidiyoon [suur-sagalee] muuziqaa Iyyoolee ammoo waan ajaa’ibaa ta’e.

''Dargaggeessi kun akka malee cimaadha; dandeettii jabaa suur-sagalee dinqisiisoo fi miira gadi fagoo uuman tolchuu qaba.

''Kallattiinsaa guutummaatti ilaalcha haaraa sirbichaaf fiduudhaan, dhugumaan waan addaa taasise. Yeroo daaw’attan humnaa fi dhamaatii itti bahe hubachuu dandeessu,” jechuun ogeeyyii jajjaboo albamichatti lubbuu horan jaja Guutuun.

“Albamni Gaaffiikoo waan mara -'blues, classical, pop, hip-hop’ kan qabu yoo ta’u, sanas garuu halluu addaa kan ofii isaatiini. Sirbi hunduu sagalee hundee fi duudhaa ganamaa keenyaan kan qoraafamedha.

''Gosoonni muuziqaa gara garaa dhaala aadaa keenyaa waliin dabaalamuun sagalee dhugumaan adda ta’e uumu.

''Welluun tokkichi eessaa akka dhufnee fi waan nuti jaalannuu kan dhugaa bahu yoo ta’u, guutummaa albamichaa imala muuziqaa guutuu fi gammachiisaa taasisa” jechuun Guutuun waan haaraa albamichi qabatee dhufaa jiru ibseera.

'Gaaffiinkoo...'

Guutuun waa'ee albamii isaa haaraa gammachun dubbata.

''Qaamni jaatanii kanaa, sirbootarraa hanga suur-sagaleetti gatii jaalalaati.

''Onnee keenyarraa of kenninee hojjenne; ijasaas argine. Muuziqaan olitti dhaala keenyaa fi dandeettii ajaa’ibaa namoota hirmaatan hundaa kan calaqqisiisedha.

''Kanaaf, yeroo ‘Gaaffiikoo’ dhaggeeffattan, muuziqaa qofa dhaggeeffattu otoo hin taane, qaama aadaa keenyaa, seenaa keenyaa fi fedhii keenyaa dhaggeeffattu” jechuun ifaajee fi bu’aa albamichaa dubbateera Guutuun.

Hasxaa Albamii Guutuu Abarraa

Madda suuraa, Guutuu Abarraa

Ibsa waa'ee suuraa, ''Gaaffii Koo' albamii jalqabaa Guutuu Abarraati

“Gaaffiinkoo waa’eedhuma dhimma abjukoo fi gaaffiikoo dhuunfaa qofa otoo hin taane, affeerraa aartii dhaloota haaraatis. Seera cabsuu otoo hin sodaatiin, sodaa malee akka isaan aartii haaraa kalaqan nan onnachiisa.

''Karaa gaariitti ittiin of ibsinu argachuuf, altokko tokko duudhaa jiru gadi fageenyaan gaafachuu qabna. Albamni kun onnee waa haaraa bira gahuu fi kalaquutiin kan guutamedha.

''Kanaafuu, warreen kaanis fedhii fi dharraa walfakkaatuun abjuu aartii isaanii duukaa akka bu’an onnachiisa jedheen amana” jechuun barreeffamaan BBC’f ibseera.

“Albamni kun welluu gosoota gara garaa kan qabu yoo ta’u tokkoo tokkoonsaa amala ofiisaa kan qabudha. Tokkoo tokkoon sirbootaa kutaa addaa imalakoo yoo ta’an karaalee gara garaa ani ittiin mul’ata aartiikoo abuuree fi calaqqisiisedha.

''Sirboota kanneeniin, akka dhaggeeffatoonni imala haraa kanarratti na waliin ta’anan affeera” jechuun BBC’f himeera.

Guutuun yeroo gabaabaa keessatti fudhatama guddaa argataa kan jiru yoo ta’u, sirbasaa ‘Deemi’ jedhu kan bara 2022 baaseen badhaasa AFRIMA [All African Music Awards] argateera. Weellisichis badhaasa AFRIMA ramaddii “best african jazz group of the year" jedhuun mo’ate.

Guutuu Abarraa Galataa - Oromiyaa, Wallagga Lixaa, Magaalaa Mandii keessatti dhalatee guddate. Waggoota kudhanii oliif ammoo Awurooppaa biyya Noorweey, Magaalaa Bergen keessa jiraachaa jira.

Norweeyitti sirboota Afaan Oromoo fi sirboota biyyoota dhihaa walitti makuun waltajjiirratti dhiyeessuu jalqabe. Sirba 'Oromiyaa bal'oo' jedhu erga waltajjiitti dhiyeesse booda namoota hedduun isa barsiise.

Kanumaanis carraa mootii fi giiftii Noorweey biratti affeeramuun waltajjiirratti akka dhiyeesse BBC’tti himee ture.