Haleellaa Raashiyaan giddugala gabaa magaalaa Karkiiv irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 12 du'an

Haleellaa Raashiyaan raawwatteen namoonni 12 caalan du'an

Haleellaa humnoonni Raashiyaa magaalaa Kaaba Yukireen, Karkiiv irratti raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 12 yoo du'an 43 kan ta'an ammoo mdaa'aniiru.

Akka qondaaltonni naannawa kanaa ibsanitti haleellaan kun giddugala gabaarratti raawwate. Humnoonni Raashiyaa boombii waraanaa gurguddaa lama (glide bombs) giddu gala gabaa kanarratti gadhiisan.

Iddoo haleellaan irrati raawwate kana keessaa boba'aan abiddaa bal'inaan mul'ata.

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii wayita balaan kun mudatu namoonni giddgala ganaa kana keessa turan baayyinaan 200 ni caalu jedhan, hundinuu haleelamuu akka hin hafnes dubbatan.

Zeleniskiin dabaluun ''haleellaan Karkiiv kun maraatummaa Raashiyaa kan calaqqisiisudha,'' jedhan.

''Namoota maraatuu akka Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin kanatu namoota nagaa haala kanaan haleeluu fi shororkeessuuf hamilee qaba.''

Haleellaa lammaffaa Sambata gara galgalaa giddugala magaalaa Karkiiv keessatti mudateen ammoo namoommi saddeet miidhamaniiru.

Haleellaan kun sababa hanqina meeshaalee waraanaa fi ittisa humna qilleensaa irraa kan ka'e dhiphina keessa galuu Yukireen himataa turte dhugaa ta'uu kan mirkaneessudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidant Zeleniskiin biyyisaanii daangaarratti humna ga'aa diina ittisu guuttachuu akka qabdu fi sirna ittisa qilleensaa ammoo warra lixaarraa akka barbaaddu watwaataa ba'an.

Haleellaan kun erga Kora G7 irratti qabeenyi warra Raashiyaa Awurooppaa keessa jiruu fi akka hin sochoone dhorkame waraana Yukireen deeggaruuf akka oolu murteessee booda raawwate.

Qondaalli Waajjira Maallaqaa US Janet Yellen yaadi kun deeggarsa danuu akka argate himan.

Akkaataa wiixinee Ameerikaan dhiheessiteen biyyoonni G7 fi michuuwwan isaanii qabeenyi warra Raashiyaa baankii warra lixaa keessatti qabamee jiru bifa liqaan doolaarri biiliyoona 50 ta'u Yukireeniif akka kennamu waliigalameera.

Yaadi kun ji'a dhufu keessa bal'inaan erga mari'atamee booda hojiirra oola.

Raashiyaan kana dhageenyaan haaloo ba'uutti gadi teesse.

Haleellaan Karkiiv irratti raawwatamaa jiru kun ofitti amanamummaa Moskoo agarsiisa.

Wayita warri Yukireen biyyoota lixaarraa deeggarsa waadaa galame eegaa jiranitti humnoonni Raashiyaa ammoo gara fuulduraatti deemuun kutaalee Yukireen of harka galchuu itti fufaniiru.

Pirezidanti Zeleniskiin akka jedhanitti erga Caamsaan seenee qofa boombiiwwan gurguddoon 3,000 ta'an Yukireen haleelaniiru.