Shii Jiinping waraana Puutiniif akkamiin deebii kennuuf qophaa’an?

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan michuu dansaa turte, garuu Mr Shii ‘hiriyaa’ isaanii kanarraa akka of fageessan dhiibbaan dabalaa dhufeera.
Beejing Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin simachaa yeroo jiran kanatti haala hin eegamneen daawwannaa isaanii kana duratti yaadonni kennaman dubbii uumeera.
Raashiyaan erga Yukireen humnaan weerartee waggoota lama yeroo hin caale kana keessatti Chaayinaan michuu gaariishee turte.
Kanaanis Chaayinaan waaraana Yukireen irratti baname kana balaaleffachuu caalaa Raashiyaa biyya qoqqobbiin adda addaa irra kaa’ame waliin daldala ittifufte. Kunimmoo Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaatin akka gaariitti hin ilaalamne.
Ammalleen Puutin hariiroo Chaayinaa waliinii kana daran cimsuu barbaadu. Gaaffii ijoon Chaayinaan gatii kaffaltee hariiroo kana itti fuftii? kan jedhudha.
Adeemsa madaala eeggachuu…
Gaggeessaan Raashiyaa Puutin marroo shanaffaaaf erga filatamanii daawwannaa isaanii jalqabaatif Chaayinaa filachuun isaanii waan nama raaju ta’uu dhiisuu mala.
Puutin miidiyaa biyyaalessaa Chaayinaaf yaada kennaniin, daawwannaan kuni kan karoorfame hariiroon biyyoota lamaanii ‘bakka akkaan dansaa’ irra gahe waan jiruuf akka ta’e himan.
Ogummaa Marshaal Aartiifi Falaasama Chaayinaa hedduu akka jaalataniifi maatiin isaanii muraasni Afaan Mandariin barachaa jiraachuus dubbatan Puutin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Haalli idil-addunyaa yeroo hammaachaa dhufe kanattillee hariiroon keenya haalan cimaa dhufe,” jedhan.
Puutin yeroon itti hariiroo hiriyummaa Shii Jinping waliin qaban ifoomsaan kuni garuu pirezedaant Shii yaddessuun isaa hin oolle.
Ameerikaan kaampaaniiwwaniifi baankiiwwan Beejingiifi Hong Kong jiran kanneen dhorkaa kaa’ame darbuun MoOskoo waliin hariiroo qaban irratti qoqobbii haaraa ifoomsitee ture.
Sababni isaas Chaayinaan kallattiin meeshaalee waraanaa Raashiyaatti gurguruu baattulleen, Waashington fii Biraasels, Chaayinaan Teeknolojii fi wantoota waraanaaf barbaachisan biroo Raashiyaaf dhiheessiti jedhanii amanu.
Dhiheenya gara Beejing imalanii kan turan AntooniI Bilinken yaada BBCf kennaniin, Chaayinaan erga waraanni ololaa eegalee Awurooppaatti “Boba’a firfirsuun yaaddoo cimaa uumaa jirti,” jedhan.
Akka isaan jedhanitti, kuni sarara diimaadha. Chaayinaan garuu yaada dhimma yukireen irratti ilaalcha walabaan qaba jedhutti cichite. Gama kaaniin garuu alergiin waraanaan alatti taasifamu garuu seera cabsuudha jedhee hin yaadu yaada jedhus qabdi Beejing.
Daangaa adda baafachuu…
Raashiyaan Yukireen weeraruun guyyootan dura gaggeesitoonni Raashiyaa fi Chaayinaa hariiroo ‘Daangaa maleessaa’ fi waltumsaa akka qabaatan ifoomsanii ture. kunimmoo garaagarummaa warra Lixaa waliin qaban waliin qolachuuf irree akka jabeeffachuuti.
Beejing ammalleen Raashiyaan, biyya ilaalcha Ameerikaan waraanan addunyaa gaggeessuuf qabdu harka micciiruu dandeessu jettee yaaddi.
Daldalli warra lamaan gidduu haalan ho’eera. Anniisaan rakasaan Raashiyaan Chaayinaaf dhiheessitu bu’aa Chaayinaan dhandhamaa jirtu keessaayi.
Garuu akkuma waraanni ho’aa dhufeen hariiroon biyyoota lamaanii akka jedhame ‘Daangaa maleessa’ ta’ee itti hin fufne.
Xiinxaalli BBC akka ifoomsetti, jechi hariiroon jara lamaanii daangaa maleessa jedhuyyuu miidiyaaleerraa badee ture.
Akka xiinxalaan Zhao Tong jedhutti, hariiroon biyyoota lamaanii akka jedhame akka hin taaneef Chaayinaan laaffisaa turte.
“Chaayinaan dhiibbaa biyyoota lixaa qolachuu irratti ejjennoo Raashiyaan walfakkaatu qabaatulleen qabxiiwwan Raashiyaan waan kana qolachuuf fayyadamtu akka hidhannoo nukilaraan doorsisuu kana hin deeggartu.”
“Chaayinaan waan daangaa cehe Raashiyaan yoo taasifte maaltu akka ishee mudachuu danda’u waan beektuufis hamma danda’ame daangaa mirgaa fi seeraa qabdu keessatti hariiroo Raashiyaa waliinii cimsachuu barbaaddi,” jedhan..
Mr Shii daawwannaa tibbana gara Awurooppaatti taasisan irratti “Chaayinaan biyya hokkara uumtes miti, hirmaattuu gocha kanaas miti” jedhan. Kuni yaada Chaayinaan lammiileenshees akka beekaniif barbaaddudha.
Lammiileen Yukireen ammayyuu dhiigaa jiru…
Miidiyaaleen Chaayinaa akkaan too’annaan irratti taasifamu ammayyuu haala Yukireen keessa jirurratti yaada walabaa hin tarkaanfachiisan. Midiyaan biyyaalessaa Chaayinaa ammayyuu weerara Raashiyaan taasifte seera qabeessa akka ta’e amansiisuuf dhama’a.
Artistiin Chaayinaa Xu Weixin jedhamu haleellaa cimaa Raashiyaan Yukireen bara 2022 iratti raawwate yeroo fodda TVtin argetti dokumentii kana waraabee kaa’achuu hima.
“ani meeshaa waraanaa hin qabu, garuu kophee qaba,” jechuun Istuudiyoo isaa US jiru keessatti BBCtti dubbate. Suuraan Pirezedaantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskii inni kaasee tures miidiyaa hawaasummaa irratti hedduu jaalatamee turuus hima.
“Erga waraanni suni eegalee guyyaa hunda nan kaasa. Guyyaa tokkoofuu dhiisee hin beeku. Yeroo Koovid-19 sanallen kaasaan ture,” jedha.
Hojiin aartii isaa kuni biyya Chaayinaatti akka hin ilaalamne daangeffamee waan hin jirreef dubdeebiin lammiilee Chaayinaa irraa argatu hedduu akka isa raajus dubbata.
Haata’u malee, haalli amma jiru akka jijjiirame hima. “Homaa miti warra yaada hamaa naaf kenne ‘Block’ godha.
Hiriyoonnikoo kaan ilalcha anaan adda ta’e waan qabataniif hiriyummaa kiyya warri adda kutan jiru. Ani hojii sirrii intala kootif fakkeenya ta’un hojjechaa jira jedheen amana” jedha.
Warri akka Vita Gold, kan ilaalcha Chaayinaan waraana kanarratti qabdu geeddaruuf hojjetan jiraachuun warra Yukireeniif abdiidha. Isheen yeroo waraanichi eegalu Kiiv keessa turte. Dandeettii afaan Mandariin qabduunis oduuwwan Yukireen hiikuun miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodaa turte.
Yeroo Beejing daawwachuuf dhufte yaada BBCf kenniteen,”namoonni dhimma waraana kanaa dhugaa akka beekan gochuu qabna.
Sababnisaas miidiyaaleen Yukireen kan waa’ee yukireen himan Chaayinaa keessa waan hin jirreef” jetti.
Akka isheen jettutti, namootni hanga 100 tahan guyyaa guyyaadhaan oduuwwan idilee, dubbiiwwan Zeleniskii fi seenaa lammiilee Yukireen waraana kana keessatti danqamanii rakkachaa jiranii Afaan Mandariinitti hiikuun warri Chaayinaa akka dhagahan godhu.
Akka yaada isheetti, ogeessoni Chaayinaa Yukireen deemanii akka daawwatanii fi dhugaa jiru ofumsaatinii arganii akka hubatan akkasumsas, Raashiyaa irratti dhiibbaa akka uumaniif imala qopheessuuf yaadaa jirti.
“Lammiileen Yukireen hanga ammaa dararaa hamaa keessa jiru. Ammalleen buqqa’anii dahoo keessa jiru. Ammalleen sireerra ciisanii dhiigaa jiru.
Yukireen Raashiyaarra qoqqobbiin akka kaa’amu malee jechoota babbareedoo miti kan barbaaddu,” jetti.
Pirezedaant Shii, Nagaa eegaa…
Hariiroon daangaa maleessaa Raashiyaaa waliin qabanitti adaba akka godhaniif sagaleen ummataa ka’uun dhageettii argachuu mala yaanni jedhu jira.
Yunvarsiitii Fudantti daayirektara wiirtuu qorannoo Raashiyaa fi Giddugaleessa Eeshiyaa kan tahan, Feng Yujun yaada The Economist irratti barreessaniin Raashiyaan waraana Yukireen kanarratti moo’amuunshee qurxiidha jedhu.
Yaanni kuni Chaayinaa keessattillee waan akkaan irraa dubbatamu. Ta’ulleen Mr Shii nagaa eegaa akka ta’an dubbatu.
Daawwannaa isaa Mooskoo guyyootaan duraan, pirezedaantii Yukireen Zeleniskiitti bilbiluun Chaayinaan “ Yeroo hundumaa gama nagaatiin dhaabbatti” jedhaniin. Chaayinaan karoora waliigaltee nagaa kan qabxii 12 qabuufi fayyadama meeshaalee nukilaraa balaaleffatus ifoomsitee ture.
Ta’ulleen Puutiinii fi Shii miilana yeroo walarganitti imaammata kana dura qabanirraa waan haaraa fiduu kan jedhu ijoon mul’aate hin jiru.
Dhiibbaa Lixaa hammaachaa dhufee fi ga’ee nama ‘nagaa buusuu’ jedhanii hanga ammaatti bu’aa hin fidne madaaluun Mr Shiin, michuu isaaniifi warra faallaa jiran madaala keessa galchuun yaada herreega haara hojjechuus malu.












