Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barbaachi helikoptara pirezidaantii Iraan qabattee kuftee caccabee itti fufe
Hojjattoonni lubbuu baraarsaa helikoptara Pirezidantii Iraan Ibraahim Raa'isii fi qondaaltoota gara biraa qabattee kuftee cacabuun himamee barbaacha bobba'an sadii bakki qaqaban dhabamu dubbii himaan dhaabbata Addeecha Diimaa hime.
Hojjattoonni lubbuu barbaarsaa bakka buteen isaanii dhabame kunneenis tarii bakka helikoptarittiin itti kuftee cacabdeetti dhiyaachuun akka hin ollee dabaluun dubbatan.
Sababii haalli qilleensaa rooba cimaa waliin ''garmalee akka qabbannaa'aa'' eegamuuf, oppareeshinii barbaachaa akka harkiifachiisuu himan.
Helikoptarri pirezidaantii Iraaniifi qondaalota olaanoo biyyattii gara biraa baatee deemaa ture kufee caccabuu miidiyaan biyyattiitu gabaase.
Helikoptarri pirezidantin Iraan Ibraahim Raaisiiin ittiin imalaa turan kun har'a waaree booda daangaa Azarbaajanitti kufee caccabe.
Ibraahim Raa'isiin qondaalota biyyattii olaanoo biroo waliin hidha naannoo daangaa Azarbaajanitti argamu eebbisuuf garas deemanii ture jedhame.
Pirezidaant Ibraahim Raa'isii qofa osoo hin taane, ministeerri dhimma alaa biyyattiifi qondaalonni biroos waliin turan.
Akka gabaasa miidiyaa biyya keessaatti Pirezidanti Ra'iisiin daangaa Azarbaajan irratti hidha lama- Qiz Qalasi fi Khodaafarin jedhaman erga eebbisiisanii booda gara magaalaa Kaaba Lixa Iraanitti argamu Tabriz osoo deebi'aa jiranii balaan kun mudate.
Bakka helikooptarri kun itti kufe bira ga'uuf haalli qilleensaa hedduu rakkiseera.
Akka gabaasaa dhaabbata oduu Fars jedhamuutti iddoo balaan kun itti mudate bira ga'uun waan mudate adda baasuun rakkoo ta'eera.
Iddoo gaarreen fi bosona yabbuun guutame (bakka helikooptarri itti kufe) kana arguufiyyuu meetira shan itti dhiyaachuu qabda jedha gabaasaan kun.
Bakkichi kaaba Tabriz irraa kiilomeetira 50 fagaata.
Tabriz bakka bu'uun miseensa paarlaamaa Iraan kan ta'an Ahmad Alirezabeigi gaazexeessitootatti akka himanitti lubbuu baraartonni ammallee kallattii helikooptarri pirezidanti qabattee turte irratti argamtu sirriitti adda baasuu hin dandeenye.
Akka miseensi paarlaamaa kun jedhanitti Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Hossein Amirabdollahianis helikooptara kana keessa turan.
Helikooptaroonni lameen kaan helikooptara kufte kana waliin turan ammoo nagaan qubataniiru jedhan qondaalli kun.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraan hojjattoonni lubbuu baraaran bakka helikoptarri itti kufe qaqqabuuf yaalaa jiru jechuun, garuu haalli qilleensaa rakkisaa ta'uu ibse.
Waa'ee duree Iraan Ibraahim Ra'iisii qabxiilee muraasa
Ibraahim Ra'iisii bara 2021 pirezidantii Iraan ta'uun filataman.
Garee dureewwan amantii biyyattii keessatti dhiibbaa guddaa uumuu danda'anis turan.
Namni siyaasaa umrii waggaa 63 kun wayita Tahraan keessatti abbaa alangaa ta'an ganaa umriinsaanii waggaa 25 ture.
Bara 2014 ammoo Abbaa Alangaa Waliigalaa Iraan ta'uun muudaman.
Bara 2017 yeroo jalqabaaf wayita filannoorratti hirmaatan lammaffaan xumuran.
Pirezidantiin duraanii Ayaatollaa Kaameenii bara 2019 aangoo biyyattii keessatti olaanaa ta'e duree mana murtii biyyattii gochuun muudan.
Ibraahim Ra'iisii hoogganaa isaan dura turan Ayaatollaa Kameenii akka bakka bu'an inuma beekama ture.
Nama siyaasaa gameessa dhageettii guddaa qaban ta'uunsaanii guyyaa tokko akkuma Ayaatollaa hoogganaa olaanaa biyyattii akka ta'an uummata Iraan irraa abdiin irratti gatameera.
Odeessa haaraa akkuma nu qaqqabeen itti dabalaa waan deemnuuf yoo fuula kanarra jiraattan odeessa haaraa argachuuf irra deebiin banadhaa!