Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin duraanii duguuggaa sanyii Ruwaandaan himatame hidhaa umrii guutuun adabame
Manni murtii Firaans qondaala poolisii duraanii Ruwaandaa yakka duguuggaa sanyiin himatame irratti hidhaa umrii guutuu mure.
Qondaalli poolisii Yugaandaa kun yakka duguuggaa sanyii fi dhiittaa mirga namoomaa waggaa kurna sadi dura biyyattiitti raawwate keessatti hirmaachuun yakkamaa ta'uunsaa mirkanaa'eera.
Filipe Hetgeekimaanaa duguuggaa sanyii bara 1984 gosa Tuutsii fi warra Huutuu ejjennoo giddu galeessaa qaban kuma 800 galaafate keessatti hirmaachuun himatame.
Abbaan alangaa Firaans akka jedhetti qondaalli poolisii duraanii kun ofiisaatii ajjeechaa raawwachuun alatti namoonni kaanillee yakka duguuggaa sanyii keessatti akka hirmaatan kakaasaa ture.
Wayita yakki duguggaa sanyii Ruwaandaa keessatti raawwatetti Filipe'n qondaala poolisii kibba Ruwaandaa naannawa Niyaanzaa jedhamuun beekamuu ture.
Haata'u malee duguuggaa sanyii booda gara Firaansi imaluun waggoota kurnan hedduuf riphee jiraachaa ture.
Namni kun erga Firaansi seenee jalqaba waraqaa baqattummaa argate, boodarra ammoo maqaa Filipe Maaniye jedhuun lammummaa argatee jiraachaa ture.
Firaansi keessatti eegduu yuuniversitii tokkoo ta'ee erga hojjetaa turee booda bara 2017 gara Kaameeruun imale.
Qondaalli poolisii duraanii Ruwaandaa kun namni mufii irraa qabu isa qeeqaa fi himachuuf jiraachuu erga dhagaheeti gara Kaameeruun kan imale.
Miidiyaan Firaansi- AFP jedhamu akka gabaasetti Filipen qabamee to'annoo seeraa jala kan oole magaalaa guddoo Kaameeruun, Yaawundee keessatti.
Isa booda gara Firaansitti geeffamee adeemsa seeraa hordofaa ture.
Namoota yakka duguuggaa sanyiin yakkamoota ta'anii Firaansitti murtee argatan keessaa Filipen nama shanaffaadha.
Yakka duguuggaa sanyii guyyoota 100 keessatti lammiilee Ruwaandaa gosa Tuutsii fi gosa Huutuu yaada walabaa qaban kuma 800 galaafatee fi bara dhufu waggaa 30ffaasaa qabatu keessatti namoota hirmaatan seeraan gaafachuun ammallee hin dhaabbanne.