Ertiraanonni Itoophiyaa jiran hidhaafi rakkinni itti cimuu himatan

Ertiraanonni Itoophiyaa, keessumaa Fifnifnnee jiran hidhaan jumlaa irratti gaggeeffamaa jiraachuu Ertiraanonni Finfinnee jiraatan BBC Tigirinyaa dubbise ibsan.

Mudannoon kana fakkaatu haaraa ta‘uu baatus yeroo ammaa kana hidhaan jumlaa ballinaan gaggeeffamaa jiru garuu yaaddoo guddaafi abdii kutannaa keessa akka isaan galche dubbatu.

Baqattoonni sababoota garagaraatiin Ertiraarraa godaanan akka jedhanitti yaaddoon jireenyasaanii qoru isaan mudachaa akka jiru himuun, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Dhimma Baqattootaa dhimma isaanii kanaaf xiyyeeffannoo akka kennuuf gaafataniiru.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Dhimmoota Baqattootaa (UNHCR) baqattoonni Ertiraa hidhamaa jiraachuu ilaalchisuun odeeffannoo akka qabuufi karaa Ejensii Baqattootaafi Warra Baqannaarraa Deebiyanii Itoophiyaa akka furamu gaafachuusaa BBC Tigirinyaatti himeera.

Hidhaan ibsame kun magaalaa Finfinnee bakkeewwan garagaraatti kan mudate yoo ta’u, isaan keessaa hangi xiqqaan yoo hiikaman kanneen biro garuu ammallee hidhamanii akka jiran maatiin isaanii ni dubbatu.

“Haalli waraanaa” Ertiraafi Itoophiyaa gidduu wagga 20f ture wagga ja’a dura nagana kan furame ta’us erga yeroo dhiyootii asii hariiroon biyyoota lamaanii deebiyee qabbanaa’aa jiraachuun ni himama.

Finfinnee keessa waggoota ja’an darban hojiifi barnootarratti kan dabarse lammiin Ertiraa Hanibaal Mikaa’el, haalli isaa yeroo kamirrayyu caalaa kan hammaateeru ta’uu ibsa.

“Baayyeen hidhamaa kan jiran yoo ta’u, kan caalaa hammaate ammoo maatiifi hiriyyoonni warra hidhaman gaafachuuf deemanis hidhamaajiraachuusaniiti. Hanga ammaa Ertiraanonni dhibbaan lakkaa’aman bakka gara garaarraa hidhamaniiru,” jechuun dargaggeessi kun yaddoo keessa akka jiru ibsa.

Ertiraanota magaalaa Finfinneefi kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessa jiranirratti hidhaafi rakkoon waan qaqqabeef Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hidhaan baqattota Ertiraa akka dhaabbatuuf gaafachuun isa ani yaadatama.

Akka Hanibaal jedhutti obboleettiisaa hidhamte gaafachuudhaaf sanada seera qabeessa kan qabu hiriyyaan isaa yakka tokko malee bakka tursiisa naannawaa Magganaanyaa jirutti hidhamuu dubbata.

Nageenya isaatiif jecha maqaan isaa akka hin eeramne kan gaafate kanaan dura hidhamee kan ture namni Ertiraa tokko, naannawaa Laaftootti akka qabameefi maallaqa kaffalee akka bahes BBCtti himeera.

"Kaaffee keessa osoo jirruu namni uffata sivilii uffate tokko poolisoota waamee hunda keenya fudhatan. Sanada seera-qabeessa ittiin socho'uu dandeenya qabaannullee sababaafi qorannoo tokko malee guyyoota lamaaf mana hidhaa nu tursiisan.

Isaan booda Inispektarri dhimmasaanii hordofu qophaatti isaan dubbisee sanada seera-qabeessa ta'e waan qabaniif walumaagalatti Birrii kuma 13 fi yuro 50 kaffalanii akka bahan ibsa.

Namoonni bifa kanaan hidhaman gadhiifamuuf maallaqa birrii kuma 5 hanga kuma 15 akka gaafatamnis eereera.

Maallaqni hidhaatii ba'uudhaaf kaffalamu kunis akka ragaan hin argamne gochuuf nama diidatti isaanirraa fuudhu qopheessuun maallaqa callaadhaan qofa ta'uu dubbateera.

Mootummaan Itoophiyaa kanaan dura namoota gochawwan seeran alaarratti bobba'an irratti tarkaanfii nan fudhadha jechuun ibsuun isaa kan yaadatamu yoo ta'u, tarii hidhaan amma mudate kunis sababa kanaan walqabatee ta'uu akka danda'us ni dubbatama.

Yeroo ammaa kanatti baqattoonni Ertiraa hedduun Itoophiyaa keessa kan jiran yoo ta'u, tokko tokko Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinii Dhimma Baqattootaan galmaa'anii sanada kan qaban yoo ta'an, kanneen rakkoo Sudaan keessa jiru baqachuun gara Itoophiyaa dhufanis jiru.

Itoophiyaatti keessumaa magaalaa Finfinnee keessatti Ertiraanota akkuma argan qabanii hidhuufi sarabama mirgoota namoomaa isaanirratti raawwatamu ilaalchisiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinii Dhimmoota Baqattootaa (UNHCR) haala jiru kana ilaalchisuun odeeffannnoo akka qabu ibseera.

UNHCR BBC TIgirinyaatiif deebii karaa iimeeliitiin kenneen, mootummaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu gidduu akka seenaniif hubachuusuufi warra hidhaman keessaas hangi ta'e gadhiifamuufi kanneen hafan ammoo akka gadhiifamaniif waajirri dhimma baqattootaa kun yaalii taasisaa jiraachuu eereera.

BBC Tigrinyaa Poolisiin Finfinnee dhimmicharratti yaada akka kennuuf irra deddeebiin gaaffii dhiyeessus deebii kennuudhaaf hayyamamaa hin taane.