Muuziqaan anaaf akka meeshaa waraanaati- Artist Adam Haaruun

Gidduu kana weellisaa gameessa Adam Haarun waliin walqabatee dhimmoonni garaagaraa karaa miidiyaa hawaasummaa odeeffamaa jiru.

Tokko waa'ee amantiirratti yaada inni kenne yoo ta'u, kaan ammoo dhimma fayyaa isaan walqabatuudha.

Viidiyoo miidiyaa hawaasummaarra naanna'aa ture tokkorratti Artist Adam Haaruun aadaa fi duudhaa akkasumas seenaa amantii [Kiristaanaa fi Islaama] hordofee dhufe dura ''kan keenya barachuu qabna,'' jechuun wayita dhaamsa dabarsu mul'ata.

Viidiyoon sun yoom akka waraabame ifa ta'uu baatus garuu dhaamsi inni dabarse artistootaa fi uummata Oromoof akka ta'e ifadha.

Gama fayyaa isaan dhimmoota odeeffamaa turaniin walqabatee, Artist Adam dhibee kantaruu dhiigaa sammuusaa keessatti mudate (Brain Storke) yeroo waggaa tokkotti siquuf dhukkubsataa akka ture BBCtti hime.

''Ammaan tana fooyya’eetiin jira. Kanaadaa deemeen wal’aaname. Dawaas achii fidadheera. Amma nagaan qaba,'' jechuun dhibee kanarraa fayyuu hime.

Weellisaa Adam Haaruun Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal’ootti dhalatee guddate. Achumatti qabsoo Oromootti seenuu hime.

''Yeroo dheeraaf qabsoo Oromoo keessan ture. Ijoollummaadhaanin itti dabalame. Gaafa Jaarraa Abbaa Gadaa humna muraasa Somaaleerraa qabatee dhufen itti dabalame,'' jechuun waan gama aartii kanatti isa galche ibseera.

Yeroo ammaa maanguddoo umrii waggaa 84 kan ta’e Artist Adam Haaruun, dullumaa fi dhukkubaan walqabatee wallee dhaabuu himeera.

''Garuu yoon danda’e walleewwan kiyya durii keessaa walitti qabuun albama tokko irra deebi’ee hojjechuu nan fedha,'' jedhe.

''Albama jalqabaa birrii 3,500n hojjedheen 150tti gurgure''

Walleewwan warraaqsaa, aadaa fi jaalalaan kan beekamu Artis Adam Haaruun sirba Adda Bilisummaa Oromoo keessatti akka jalqabe hime.

''Hawwisoo Gumaa Kafal jedhanii hundeessan tokkon gaggeessaa ture. Yerooma sanin eegale.''

Isa booda Hawwisoo Biiftuu Biyya keenyaa jedhamutti seenuu kan himu Artist Adam Haaruun, ergasii ammoo gara Finfinnee imaluun Baandii Gadaa keessaa hojjetaa ture.

''Dhumarratti Baandii Gammachiis jedhamu keessaan gara Keeniyaa deeme,'' jedhe.

Hoogbarruu sirbaa (walaloo fi yeedaloowwan) ammoo kanuma beektota Oromoottin fayyadama jedhe.

''Keessattuu sammuu beektota Oromoo keessaa gara caalu Abdi Mohammad (Qophee) fayyadamaan ture. Isuma jalan deemaa ture. Akka gaariitti akkan jabaadhu kan na godhe isa.''

Wallee 'Michuu Baayyeen qaba Lixa Biiftuu irraa' jedhuun daran kan beekamu Aadam Haaruun, kan weellistoota kaan waliin sirbe dabalatee waliigalatti sirboota 113 akka qabu hime.

Hojii aartii kana keessa waggaa 55 akka tures hime.

Sirba jalqabaa yookiin albama jalqabaa wayita hojjetu maallaqa ittiin hojjetee gaditti gurgurachuu hima.

''Birrii 3,500 itti baasee hojjedheen birrii 150 qofatti gurguradhe. Sirbi Afaan Oromoo maallaqa guddaadhaan hin gurguramu ture. Afaan Oromoo ammadha kan inni gatii horate.''

''Sirbi kilaashii, boombii, madaafii kiyya''

Artist Adam Haarun biyyarraa eegalee hanga Keeniyaa fi Kanaadaadhaan ba’utti weellisaa akka ture ibse.

Ijoollummaasaarraa walleedhaan qabsoo utubuu kan eegale Artist Adam Haaruun sirbaaf iddoo guddaa akka qabu hime.

''Sirbi anaaf kilaashii. Madaafa, boombiidha. Meeshaa waraanaati. Ani akkasittin ilaala. Quuqama sabaa yoo qabaatte miidhaa saba keerra ga’utu si iyyisiisa. Ustee taa’uu hin dandeessu. Kanaafin sirbi mi’uma waraanaati jedhe.''

Sirbi humna meeshaa waraanaa caalu akka qabutti ibse. Sirbi wal nama barsiisa, akka of hin daganne waa nama yaadachiisa, mirga ofiif akka falmatan karaa bana, tokkummaan kaayyoo tokkorratti akka cichan galtee namaaf ta’a.

Artis Adamiif walleen kana hunda. ''Ana sirbatu uummataan wal na barsiise. Keessattuu sirbi 'Michuu baayyyeen qaba' jedhu Oromoo maraan wal na barsiise.

Artist Adam Haaruun akkamiin akka biyyasaatii baqate wayita ibsu, ''Wayyaaneetu du’a narratti murteessite. Isa booda namichi tika mootummaa ta’e tokko kan maqaansaa Haayila’ab jedhamu odeeffannoo naan ga’e. Gorsa isaatiinan baqadhee ba’e,'' jedhe.

Jalqaba maatiisaa waliin (ijoolleesaa) gara Keeniyaa imaluu kan hime Adam Haaruun, isa dura Keeniyaa kan ture Artist Maahdii Sheekaa akka isa gargaare hime.

Keeniyaan isaa fi Oromootu hedduuf iddoo itti kooluugalan ta’uun oolmaa guddaa akka oolteef hime Adam Haaruun.

''Achirraa ani gara Kanaadaa imale. Maatiin ammoo gara Hoolaand deeman. Achumarraa gargar faffacaane,'' jedhe.

Artist Adam Haarun abbaa ijoollee dhiiraa afuriiti. Isaan keessaa Iskindir namni jedhamu faana abbaasaa hordofee sirbeera. Garuu akka abbaasaa [Artist Adam Haarun] ta'uu hin dandeenye.

''Gosaa fi amantiin qoqqoodamuu dura dhaabbanne''

Bara isaaniitti wayita sirba hojjetaa turan haalli mijataan akka hin turre kan himu Artist Adam Haaruun, artistoonni amma jiran haala mijataa jirutti fayyadamuun tokkummaa fi dantaan uummataa akka mirkanaa’u cichanii hojjechuu qabu jedhe.

''Sabni kun har’a irras boru kana caalaa fooyya’aa akka deemu abdiin qaba. Kutaan Sirna Gadaa keessa hin jiru. Odaatu jira malee. Kanaafuu kutaan wal yaamuun haa hafu.''

''Oromoo keessaa gadi bu’anii gosaan, amantaan nu diigan. Diigama Oromoo kana haa dinnu bakka hundatti. Kun dhaamsa kiyya,'' jedhe.

Xiyyeeffannaan kiyya guddaan waa’ee dhimma aartii fi dhimma sabaati kan jedhu Artist Adam Haaruun, ''Aadaa fi duudhaa ofiirraa maqanii aartii fi saba guddisuun hin taatu. Kanaafuu aartistoonni keenya aadaa saba Oromoo irraa akka hin maqne adaraan jedhaan,'' jedhe.