Dhibamee waggaa lamaaf sireerra kan ture Daagim Mokonnin sirba dhaabuu hime

Godina Wallagga Lixaa Magaala Gimbiitti dhalatee Guddate. Ijoollummaarraa jaalala sirbaatin kan qabame artist Daagim Mokonnin, jaalattoonni isaa maqaa Masoo ‘Kiilolee’jedhuun waamu. Kunis sagaleen isaa bareedaa ta’uusaa ibsuufidha.

“Ijoollummaatti sirba nan jaaladhan ture. Hawwisoo keessatti hirmaachaan ture. sirba raadiyoorraa dhageenya ture. Warra hangafoota akka Zarihun Wadaajoo fi Ilfinash Qannoo jalatti guddanne,” jedha.

Sirba isaa jalqabaa ‘Agadaa Birraa’ jedhuun kan beekame wellisaan kun, sirboota dhuunfaafi wellistoota biroo waliin hojjete dabalatee weelluuwwan 50 ta’an sirbuu BBC’tti himeera.

Dhiibbaa siyaasaa bara ''Wayyaanee'' keessa tureen biyyaa baqachuu kan himu Daaagim, yeroo weellisaa Eebbisaa Addunyaa ajjeefamu namoota itti dhihoo turan keessaa tokko akka tures yaadata.

“Eebbisaa sirba waliin hojjenna ture. Hojiidhumarratti walitti dhufna malee hariiroo cimaa ta’e miti kan qabnu. Nuti lachuu naannoo Shiroomeedaa kana jiraanna. Gaafa ajjeefame kaleessumasaa manakoo dhufee ture.

“Ganama sana buna danfisachaan ture ani. Waliin haasofneema adda baane. Bariisaa Ganama safarri suni jeeqamee waan hundi dhaabbateera. Booda akka ajjeefame dhagahe.” Jedha.

Eebbisaan erga ajjeefamee reeffi isaa Hospitaala Minilik akka geeffamee ture kan himu Daagim, nama Shaambal jedhamuufi gaaazexeessituu tokko waliin jalqaba dhaqanii kan achitti argan isaan ta’uu hima.

“Nu sadantu jalqaba achi gahee reeffasaa arge. Namni Shaambal jedhamu kun isatu saanduqa reeffaayyu bitee reeffi akka gaggeeffamu godhe. Ergasii anis biyyaa baqachuuf dirqame,” jechuun waan keessa yaadata Daagim.

Jireenya baqaafi muuziqaa…

Gargaarsa namoota dhuunfaa nageenya isaatiif quuqamaniin biyyaa baafamuun Ameerikaa akka gale kan himu Daagim, waggoota dheeraafis jireenyasaa achuma taasifate.

Biyya alaatti hojii muuziqaa qofa hojjechuun jiraachuun ulfaataa akka ta’eefi waggootaaf hojii muuziqaa cinaatti jiruu ittiin jiraatu hojjechaa turuu hima.

“Hojii hojjechuun jira, maaatii horachuu, ijoollee guddisuu, barsiisuun jira. Sanaaf jecha, muuziqaa akka duraatti hojjechaa hin turre,” jedha.

Qoqqoodamni ilaalcha siyaasaa hawaasa diyaaspooraa biyya alaa jiran biratti mul’atus hamilee hojii kan namatti hin horre akka tures kaasa.

Dhukkubsachuufi muuziqaa dhaabuu…

Daagim Mokonnin yeroo weerarri dhibee Koronaa mudatee ture keessa rakkoo fayyaa cimaaf saaxilamee turulleen waan inni keessa darbe namuu akka quba hin qabne hima.

“Akka artistii tokkoo, akka nama uummata isaatiif gaara ba’ee bu’e tokkotti waanin keessa ture namni baayyee hin dhageenye. Yeroo Koronaan baduuf jedhu gara dhumaatti dhibee onneetu na mudate.”

“Waggoota lama sireerratti hafeen ciisaa ture. Namni waa’eekoo dubbates hin turre. Ummanni Oromoos quba na hin qabu ture. Waan suni naaf hin galle. Rakkoon yeros keessa darbe hamaadha,” jedha.

Yeroo namni hundi nadagatee turetti Waaqa qofatu cinaakoo ture kan jedhu Daagim, amma fayyee haala fooyya’aarra jiraachuus dubbata.

Rakkoo fayyaa isa mudate kanaan boodas addunyaa sirbaa guutumatti dhiisuun gara amantaatti akka fuulleffates dubbata.

“Muuziqaa dhaabeera. Namni dirqama lammummaasaa bahee jedhee booda gara mataasaatti deebi’a. Anis gara lubbuu kiyyaa, gara Gooftaa Yesuus Kiristoosittin deebi’e. Yeroon dhukkubsachaa turettis isa qofatu na gargaare,” jedha.

Barnoota amantaa barachaa ture xumuruunis tibbana sirna cuuphaa akka raawwate dubbata.

Ammaan booda umrii hafetti hojii hafuuraafi faarfannaawwan hojjechuurratti qofa akka fuulleffatus BBCtti himeera.