Diplomatic Passport maali? Faayidaa akkamii namaa kenna?

Madda suuraa, Getty Images
Muummee Ministiraa Abiy Ahimad tibba kana kaffaltoota gibiraa waggoota afran walitti aanan darban kaffaltii gibiraan sadarkaa pilaatiiniyeemii galmeessaniif mootummaan Diplomatic Passport kennuuf murteessuu ibsaniiru.
Sagantaan beekamtii kaffaltoota gibiraa marsaa 7ffaa fi sagantaa teeknooloojiiwwan bulchiinsa gibiraa ammayyeessan ifa gochuuf Kibxata Onkololessa 7, 2025 bakka MM Abiy argamanitti gaggeeffameera.
Bara kana waliigalatti kaffaltoota gibiraa 700 sadarkaa pilaatiiniyeemii, 105 sadarkaa warqee, 245 sadarkaa meetii, 350 sagantaa beekamtii kaffaltoota gibiraa yeroo torbaffaaf gaggeeffameen beekamtii argataniiru.
Kaffaltoonni gibiraa 30 waggoota afur walitti aansuun sadarkaa kaffalaa gibiraa Pilaatiiniyeemii isaanii eeguu danda'an ammoo badhaasni addaa dhiyaateeraaf.
MM Abiy kaffaltoota gibiraa sadarkaa pilaatiiniyeemii isaanii eegsisan 30f Diplomatic Passport akka laatamuuf murtaa'uusaa beeksisaniiru.
Badhaafamtootni marti lammiilee Itiyoophiyaa yoo ta'an abbaan qabeenyaa ykn hoji gaggeessaa dhaabbatichaa akka filannoo dhaabbatichaatti Diplomatic Passport akka kennamu Ministirri Muummee ibsaniiru.
Biyya keessatti qofa osoo hin taane, hojiif yeroo socho'an Viizaa dabalatee danqaan biraa kamuu akka isaan hin mudanne, abbootiin badhaafamtoota Pilaatiniyeemii addaa ykn CEOn akka filannoo kubbaaniyichaatti Diplomatic Passport kennine akka dippiloomatii kamuutti ilaalamu."
Kaffaltoonni gibiraa sadarkaan meetii fi warqee badhaafaman "lammiiwwan ciccimoo" waan ta'aniif tarminaala VIP Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa keessatti akka keessummeessaman murtaa'uus himaniiru.
Diplomatic Passport maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Diplomatic Passport dippilomaatota mootummaa biyya isaanii bakka bu'anii biyya biraatti ramadamaniif kennama.
Namni paaspoortii dippilomaasii qabu biyya keessa socho'u keessatti bakka bu'aa mootummaa biyya alaa ta'ee fudhatama.
Namni paaspoortii dippilomaasii qabu qajeelfama mootummaa biyya isaa hordofuuf itti gaafatamummaa qaba.
Yeroo tokko tokko seera biyyattii irratti hundaa'uun maatii dippilomaasiitiifis paaspoortiin dippilomaasii ni kennamaaf.
Haa ta'u malee, qondaalli tokko paaspoortii dippilomaasii erga argateen booda maatiin isaa battalumatti paaspoortii argachuuf mirga ni qabaatu.
Namni paaspoortii qabate imala kan hin jirre yoo ta'e, qaama paaspoorticha kenneef deebi'uu qaba.
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, abbootiin murtii Manneen Murtii Heeraa fi Ol'aanaa, hoggantoonni dhaabbilee amantaa, jeneraalonni waraanaa fi admiraalonni, hoggantoonni biyyaa duraanii fi ammaa, ministiroota muummee fi kkf paaspoortii dippilomaasii argachuu ni danda'u.
Namni paaspoortii dippilomaasii qabu tokko yeroo idil-addunyaatti imalu dambii imalaaf kan saaxilamu yoo ta'u, eegumsa dippilomaasii abbootiin paaspoortii idilee hin arganne ni argata.
Haa ta'u malee, kun imaammataa fi dambii immigireeshinii biyya deemtu ykn keessa jiraattu irratti hundaa'a.
Namoonni ragaa dippilomaasii qabaniifi paaspoortii dippilomaasii qaban carraa himannaa malee imaluufi biyya jiraatan keessatti gibira irraa bilisa ta'uu ni argatu.
Biyyoonni tokko tokko namoota dhuunfaa paaspoortii dippilomaasii qaban viizaa malee akka seenanii fi bahan hayyamuun sakatta'iinsa immigireeshinii salphisu.
Haa ta'u malee, kun kan hojjetu biyya dippilomaatichi biyya isaa bakka bu'ee akka hojjetu hayyamameef qofatti.
Namoonni paaspoortii dippilomaasii qaban hojimaata buufata xiyyaaraa irratti raawwatamu bira darbuun rakkina tokko malee socho'uu ni danda'u.
Kana jechuun waan hunda cabsa jechuu osoo hin taane, yeroo hojimaata akka mi'a sakatta'uu fi eenyummaa mirkaneessuutti buufata xiyyaaraatti dabarsan hin dheeressu jechuudha.
Kana malees, biyyoonni biroo akkaataa Konveenshinii Hariiroo Dippilomaasii Viyeenaa (VCDR) tiin ergama biyya alaa isaanii keessattis ta'e biyya keessaatti imalaaf qondaaltota dippilomaasii akka seenan hayyamuu qabu.
Namoonni dhuunfaa paaspoortii dippilomaasii qaban yeroo gara biyya biraa imalanitti imala gibira irraa bilisa ta'e irraa fayyadamoo ta'u, qilleensa irraanis ta'e lafoon.
Mootummoonni garee namoota malu jedhanii yaadaniif paaspoortii dippilomaasii kennuu danda'u, garuu faayidaa dhuunfaa ykn itti fayyadama sirrii hin taaneef itti fayyadamuun isaanii biyya keessummeessituu waliin waldhabdee dippilomaasii fiduu danda'a.
Paaspoortii dippilomaasii qabaachuun biyyi keessummeessituu yoo fudhatte malee ofumaan bilisummaa hin kennu.
Mootummaan ergamtoota addaa, ambaasaaddaroota nagaa, ambaasaaddaroota aadaa dantaa biyyattii bakka bu'anii fi jila ofiisaatiif paaspoortii dippilomaasii kennuu ni danda'a.
Itoophiyaan paaspoortii dippilomaasii eenyuuf kenniti?
Itoophiyaan lammiilee isheetiif paaspoortii gosa sadii kenniti.
Kunis paaspoortii idilee, dippilomaasii fi paaspoortii tajaajilaa jedhamuun beekama.
Itiyoophiyaatti ulaagaan paaspoortii dippilomaasii kennuu labsii baheen kaa'amee jira.
Akka labsii kanaatti paaspoortiin dippilomaasii ambaasaaddaroota, ergamtoota dippilomaasii, ataachoota, ergamtoota qoonstilaa fi haadha warraa isaanii imbaasii fi ergama dhaabbataa ykn qoonstilaa biyya alaa Itoophiyaa ramadamaniif kennama.
Paaspoortiin dippilomaasii ergamtoota sadarkaan isaanii qajeelfama Ministeerichi baaseen murtaa'ee fi konfiraansii ykn walgahii ykn hojii mootummaa biroof hirmaachuuf mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun biyya alaa imaluufis paaspoortiin dippilomaasii ni kennama.
Kana malees, qondaaltota mootummaa sababoota adda addaatiin biyya alaa imalan, akkaataa qajeelfama Ministeerichaatiin murtaa'een paaspoortiin dippilomaasii ni kennamaaf.
Paaspoortiin dippilomaasii lammiilee Itoophiyaa fi haadha warraa isaanii sadarkaa idil-addunyaa fi ardiitti hojjetaniifi sadarkaa dippilomaatii qabaniif, akkasumas namoota kabaja olaanaa kennameef bu'uura qajeelfama Ministeerichi baaseen ni kennama.
Haa ta'u malee, paaspoortii dippilomaasii kennuudhaaf waajjirri dhimmi ilaallatu ykn akka haala isaatti iyyataan ofii isaatii sababa paaspoortii dippilomaasii kennuu isaa iyyata Ministeerichaaf dhiyaate keessatti ifatti ibsuu qaba.
Gosoonni paaspoortii Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaatiin kennaman yeroo hojiirra ooluu adda addaa qabu.
Haaluma kanaan namni paaspoortiin dippilomaasii kennameef umriin isaa waggaa 25 ol yoo ta'e, paaspoortiin kun waggaa 10 kan turu yoo ta'u, kanneen umuriin isaanii waggaa 25 gadi ta'aniif ammoo paaspoortiin kun waggaa shan qofaaf kan hojjetu ta'a.












