Barataan tokko barattoota 14 ajjeesuun 25 madeesse

Cheek Rippaabilik erga barataan tokko Yuunvarsitii Piraag keessatti namoota 14 ajjeesee namoota 25 ammoo madeessee Sanbata boruu guyyaa gadda biyyaalessaa jechuun labsite.

Pirezidaantiin biyyattii Piiter Paavel ''gadda guddaa'' itti dhagahame ibsachuun haala hin barbaachifneen lubbuu namaa dhabne jedhan.

Poolisiin namni qawwee qabachuun namoota hagas ajjeese kun ''dhabamsiifameera'' jedhe.

Akkasumas namni kun abbaa isaa ajjeesuu hin oolle, ajjeechaa namoota lamaa torban dura raawwate waliinis hidhata qaba jedhe.

Kun ajjeechaa akkaan rifaasisaa dhiyeenyatti Awurooppaatti raawwateedha. Ajjeechaan kun Yuunvarsiitii Piraag, Faakaaltii Aartii kan qixxa lamaan magaalaa Cheek jiru keessatti raawwate.

Namni ajjeechaa kana raawwate daree barnootaa fi koriderii irra deemuun abbuma argatetti dhukaasaa ture.

Hojjettootnii fi barattootni taa'umsa fa'aa fayyadamuun dhokachuufi ofirraa ittisuuf yaalaa turaniiru.

Viidiyoon qoodame akka agarsiisutti namootni bakka gamoo irraa bakka nagaa qaba jedhanitti yeroo utaalan agarsiisaa ture.

Poolisiin akka jedhetti namni ajjeechaa kana raawate barataa ganna 24 achuma yuunvarsiiticha keessaa barataa turedha.

Barataan kun sanaan dura homaa galmee yakkaa hin qabu ture. Garuu ''meeshaa waraanaa hedduutu kutaa isaa keessaa argame jedhe poolisiin.

Ajjeechaa kana osoo hin raawwatiin dura shakkamaan kun magaalaa itti dhiyoo jirtu irraa gara magaalaa Piraagitti of ajjeesuuf jecha imaluu gabaasni na qaqabee ture jedhe poolisiin.

Yeroo gabaabaa booda garuu abbaan barataa kanaa ajjeefamanii argaman.

Namoota dhukaasichaan madaa'an 25 keessaa 10 akka malee warra miidhamanidha.

Ministirri muummee Cheek Rippaabilik Piiter Fiyaalaa: '' Hundi keenyayyuu ajjeechaa kanaan akka malee rifanne'' jedhan.

"Ajjeechaa raawwate kana balaaleffachuuf jechi natti hanqate, gama tokkoon ammoo gadda hawwaasni keenya yeroo ayyaanni Qillee gahaa jiru kanatti isa mudate ibsuun ulfaata'' jedhan.

Cheek Rippaabilik Sanbata boruu guyyaa gadda biyyaalessaa jechuun labsite.

Yuunvarsiitiin Chaarles ajjeechaan kun keessatti raawwate bara 1347 kan hundaa'e yoo tahu baay'ee guddaa fi Awurooppaa keessaas kanneen umurii dheeraa qaban keessaati.