Lammiin gurraachi Ameerikaa yakka hin raawwataniin erga waggaa 48 hidhamee booda bilisa jedhame

Ameerikaa kutaa bulchiinsa Okilamaa keessatti abbaan seeraa nama jaarraa walakkaaf yakka hin raawwatiiniif mana-hidhaatti dabarse bilisa jedhe.

Namni kun bara 1974 yakka ajjeechaa raawwateera jechuun ture mana-hidha kan gale.

Namni maqaan isaa Giliin Siimans jedhamu umuriin isaa waggaa 70 ta'e Adoolessa darbe manni-murtii dhimmisaa akka haaraatti haa ilaalamu jechuu hordofee ture kan bilisa ta'e.

Waggoota 48 mana-hidhaatti kan dabarse Gliin Siimans, seenaa Ameerikaa keessatti nama yakka hin raawwatiiniif yeroo dheeratiif hidhame ta'era.

Haati seeraa olaanaa kutaa bulchiinsa Okilaamaa Emii Paalumbaa, Siimans nama nagaadha jechuun Kibxata darbe labsaniiru.

"Akka manni-murtii kun irra gahetti, yakka ittiin himatame, ittiin itti murtaa'eefi ittiin hidhame Siimans kan raawwate miti," jedhan haati seeraa kun.

Murteen booda gaazexeessitootaaf ibsa kan kenne Siimans, "kun bu'aa ciminaatiifi murannooti," jedhan jechuun Assooshiyeeti Pirees gabaaseera.

"Namni kamiyyu kun hin ta'u akka jedhu hin hayyamiinaaf, sababiin isaa ta'uun isaa hin hafu." Siimans magaalaa Okilaamaa keessa mana gurgurtaa alkoolii tokko keessa saamicha tureen Kaarolaayin Roojars ajjeeseera jedhameet kan itti murtaa'e.

Namni kun waggoota 48 fi ji'a tokkoofi guyyoota 18 mana hidhaatti dabarseera.

Biiroon seenaa namoota yakka hin raawwatiiniin hidhamanii galmeesu akka jedhutti, Siimans seenaa Ameerika keesatti nama waggoota dheeraatiif hidhamee bilisa jedhamedha.

Siimans nama isa gargaaru Doon Roobartis waliin yakka ajjeechaa raawwateera jedhamuunmurtiin du'aa yeroo itti murtaa'e umuriin isaa dargaaggeessa waggaa 22 ture.

Boodarra murtee salphisanii murteen du'aa irraa ka'ee hidhaan umurii guutuu itti murtaa'eera.

Siimans akka jedhutti yeroo ajjeecha sun rawwatametti mana jireenyaasaa Luziyaanaa ture.

Adoolessa darbe manni murtii kutaa bulchiinisichaa akkuma baratame, namni ijaan arge shakkamaa biraa eeree akka ture ragaa agarsiisu abbaan alangaa abokaatoowwan Siimans jalaa dhoksanii ture.

Yakkichi yeroo raawwatametti dargaggeessi achi tureefi rasaasaan rukkutame ragaa kenneen ture Siiman fi Roobartisitti kan murtaa'e.

Haata'u malee, namni ijaan arge jedhe kun shakkamtoota biroos himee ture. Doon Roobartis bara 2008 keessa mana-hidhaatiin akka bahu taasifame.

Namoonni yakka hin raawwatiiniin hidhaman bu'uura seera Okilaamaatiin beenyaa dolaara kuma 173 ni kaffalamaaf.

Marsariitiin Gofund me Siimansiif dolaara kuma hedduu sassaabe namni kun kaansarii tiruu akka qabu eereera.

Maallaqni sassaabames akka ittii jiraatuufi wallaansa fakkaa Kemooteraappii ittii taasifatuuf kan gargaarudha.