Magaalonni Naannoo Amaaraa humnoonni mootummaa to'atan maal keessa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Magaalonni Naannoo Amaaraa guyyoota muraasa darban rakkoo nageenyaan jeeqamaa turan suuta suuta tasgabbiitti deebi'aa akka jiran jiraattonni himan.
Jiraattonni magaalota gurguddoo naannichaa Baahir Daariifi Gondar dabalatee kaanirraa BBC’n dubbise fooyyeen jiraachuu ibsan.
Dhukaasni akka hin dhagahamne, daandiiwwan cufamanii turan akka banamaa jiraniifi humnooti mootummaa sakattaa akka taasisaa jiran dubbatan.
Humnoonni nageenyaa mootummaan federaalaa rakkoo nannicha keessatti mudate to’achuuf bobbaase magaalota jaha hidhattoota Faannoo jalaa 'bilisa baasuu' Roobii ibsaniiru.
Hidhattoonni Faannoo humnoota mootummaa lolaa turan magaalota gurguddoo naannichaa keessa bahuu jiraattonnis himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, tasgabbiin fooyyeen jiraachuu hordofuun namoota nagaa lola kana keessatti ajjeefaman awwaaluun danda’ameera.
Balaliin xiyyaaraa gara Magaalaa Baahirdaar Kamisa eegaluu jiraattonni BBC’tti himaniiru.
Walitti bu’iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo hammaatuu hordofee ture torban darbe Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa Labsii Muddamaa kan labse.
Hidhattoota Faannoo yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa Raayyaa Ittisaa bira dhaabataniifi yeroo ammaa humnoota mootummaa lolaa jiran ''mootummaa naannichaa fonqolchuuf'' yaada qabu jechuun mootummaan himata.
Hidhattooti kunimmoo Raayyaan Ittisaa keessumaa naannolee ollaarraa humna balaa ofirraa ittisuu ummata Amaaraa laaffisuf socho'a jechuun himatu.
Baahirdaar
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC’n jiraattotarraa akka odeeffatetti, balaliin xiyyaaraa adda citee ture eegaleera. Ta’us, tajaajilli geejibaa magaalaa keessa hin jalqabne jedhan.
Sababa kanaaf imaltoonni lafoo gara magaalaa akka seenaa jiran ibsani.
Walitti bu’iinsi magaalaa keessa akka hin jirres himaniiru.
Haalli magaalaa Baahirdaar gara yeroo duraanitti deebi’u baatus jiraattonni magaalatti miilaan sosso’aa akka jiran ibsani.
Amma tasgabbiin hamma tokko bu'uu hordofee yeroo walitti bu'iinsi mudate miidhaa dhaqqabe jiraattonni ibsaa jiru.
Akka jiraataan tokko AP’tti himanitti, lammiileen nagaa 20 ta’an walitti bu’iinsa gidduutti lubbuu dhaban Baahirdaaritti owwaalchi isaanii raawwatameera.
‘’Yeroo waraanni dhufe dhagaafi ulee qabatanii bahan, waraanni itti dhukaasaa ture,’’ jechuun kanneen du’an kan hin hidhanne jedhan.
Jiraataan biraammoo lammiileen nagaa afur ajjeefamuu himan.
Hojjetaan gargaarsa namoomaa, walitti bu’iinsi ture ‘’ hamaa, lammiileen nagaa hedduu kan itti ajjeefaman,’’ ta’uu dubbatan.
Jiraataan biraa AFP'n Baahirdaar irraa dubbisemmoo ''Har'a [Kamisa] callisaadha, nami socho’u hin jiru,’’ jedhan.
''Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalaa keessa sosso’aa jiru…..shakkamtoota barbaacha loltoonni manaa manatti sakattaa taasisaa jiru,’’ jechuun dhukaasi dhagahamu akka hin jirre himan.
Akka jiraataan Baahirdaar jedhanitti, gaafa Roobii galgala lammiilee nagaa ajjeefamaniif owwaalchi taasifameera.
Gondariifi Laalibalaa
Jiraataan BBC’n Gondarirraa dubbise ‘’Amma nagaadha,’’ jedhan. Ta’us konkolaataan akka hin jirreefi namoonni miilaan sosso’aa akka jiran himan.
Jiraataan kuni dabalanii suuqiifi manneen midhaan daakan tajaajila kennaan akka jiran dubbatan.
Roobii eegalee sagaleen dhukaasaa akka hin dhagahamnellee ibsan.
Magaalota Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii akka eegalu ibse keessaa Gondariifi Laalibalaan ni jiru.
Ta'us, guyyaa Kamisaa balaliin akka hin eegalle jiraattonni ibsaniiru.
Gondarittis daandiiwwan sochii humnoota nageenyaa danquuf cufaman banuun akka taasifamaa ture jiraattonni BBC’tti himani.
Gaafa Kibxataa yeroo magaalattii keessa walitti bu'iinsi ture boombiin shamarree ajjeesuufi daa’imnimmoo miidhamee lubbuun hafuu jiraataan tokko AP'tti himani.
Laalibalaattimmoo yeroo walitti bu'iinsi ture akka jiraataan tokko jedhanitti, lammiileen nagaa 12 ol ajjeefamaniiru.
Jiraattonni AFP’n Gondariifi Laalibalaa irraa dubbisee milishoonni Faannoo magaalota keessaa baqachuu himan.
Magaalota Naannoo Amaaraatti miidhaan dhaqqabuu malee lakkoofsa waliigalaa namoota lubbuu dhabanii qaama walabaarraa mirkaneessuun ni rakkisa.
Magaalota kaan
Jiraataan magaalaa Dabra Taabor BBC’n dubbise sochiin magaalaa keessa qabbanaa’uufi namuu yeroon mana isaatti akka galu ibsan.
Jiraataan biraa magaalaa Dajan irraa BBC’n dubbise tajaajilli bishaaniifi ibsaa erga adda citee bubbuluu ibsan.
Jiraattonni haalli Dabra Taboriifi Dajan jiru keessumaa guyyaa Kamisaa tasgabbii kan qabu ta’u ibsan. Ta’us, suuqiiwwan cufaa akka jiran himan.
Sababa rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraa tureen US, UK fi kaan lammiileen isaanii gara naannichaa akka hin deemne gorsaniiru.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Hiyuuman Raayitis Wooch (HRW), hawaasni idil-addunyaa “mootummaan namoota nagaa akka eegu” akka dirqisiisan gaafateera.
Mootummaan federaalaa birmannaa mootummaan naannoo dhiheesse hordofee Labsii Yeroo Muddamaa labseera.
Magaalota hidhattoota keessaa baasetti uggura sochii kaa'uu ibseera. Kana malees, meeshaa waraanaa qabachuufi hiriira bahuun dhorkameera.












