Baadiyyaa Aduwaa hanga waltajjii faashinii adunyaatti - Maa’ireg Maagii

Madda suuraa, Maa'ireg Maagii
Ogummaa modeliingiin sadarkaa idil-adunyaatti kaampaanota beekamoo fi oomisha adda addaa oomishan waliin hojjetti.
Maa’ireg Taaraqa [ Maagii] ‘Baachiler’ jedhamee kan waamamu Reality Show Ameerikaa irrattis hirmaateetti.
Hiriyyoonni ishee waliin baadiyaatti guddatte miila qullaa gara mana barumsaa akka deeman yaadachuun akka laphee ishee cabsu kan himtu Maa’ireg, dubartootni kophee hin qabne akka argatan kan gargaaru dhaabbata tola-ooltummaa hundeessuun hojjechaa jirti.
Maagiin baadiyyaa Itoophiyaatii kaatee hanga wal tajjii idl-adunyaatti waan dabarsite BBC’f qoodeetti.
Akkuma ijoollee baadiyaa kaanii '‘loon eegee, ijoollee waliin taphadhee, akkuma aadaa fi safuu keenyaattan guddadhe,’’ jette Maagiin.
Hireen ishee akkuma naannichaa gaa’ila dhaabbachuu tahuu akka malu yaaduun naannichaa baatee barnoota ishee itti fufuu hawwii ishee akka ture dubbatti.
“Sadarkaa gaarii irra gahuuf, hakiima ykn abbaa seeraa tahuuf barumsakootti jabaadhee barachuu akka qabu waanan amaneef barums airratti xiyyeeffadheen ture.
Dorgommii barattootaa akka naannootti magaalaa Maqaleetti qophaa’u irrattis Aduwaa bakka bu’ee dorgomeen ture jette.
Maagiin kan dhalattee guddatte naannoo Tigiraay magaalaa Aduwaa, Adii Haqqii bakka jedhamtu keessattidha.
Maagiin qabxii gaarii argachuun yuunvarsiitii Gondar galtee barnoota Faarmaasiitiin digirii jalqabaa argateeetti.
'Kopheen kee kan isheeti,’- Maa’irag
Maa’irag jiruun ijoollummaa ishee waan tokko akka hubattufi xiyyeeffannoo akka kennituuf barsiiseera.
'‘Ijoollummaa wayitan turetti kophee hedduu hin qabu. Waggaa tokko guutuuf kophee tokkotu naaf bitama ture.
''Kophee laastikii yeroo dheeraaf hidhatta, yeroo dheeraa keessa wayita dulloome cicitu suphuun baratamaa waan ta’eef, kopheen tokkootu hanga seemisteera tokkoo na tursa.
''Yoo xiqqaate kophee tokkon qaba, hir'iyoonni koo harki caalu garuu kophee hin qaban,’’ jechuun ijoollummaa ishee yaadatte.
Baadiyaatti hir'iyoonni ishee miila qullaa mana barnootaa yeroo dhaqan arguutti gadditi.
Kutaa 5ffaa yeroo barattuurraa kaaste dhimmoonni ishee dhiphisan keessaa kun tokko akka ture BBC'tti himte.
''Ijoolummaa kootti kana ergan argee booda biyya kanaa yoon bahe, ijoollee durbaa magaalaafi baadiyyaa jiraataniif kophee bituun narra jira jedheen waadaa seene,’’ jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaa akkuma dhaqxeen otoo yeroo dheeraa hin turiin bara 2015tti harka qaleeyyiif kophee arjoomuu eegalte. Jalqaba karaa abbaa amantii tokkoon gargaarsicha kennuu eegalte.
'‘Aduwaa yeroon turetti bataskana Kaatolikitti abbaa amantii kan turan ‘Aabbaa Tinoo’ nama jedhamanitu ture. Guyyaa dhalootaa koo sababeeffachuun maallaqa naaf kennu ture.
''Gara Ameerikaa erga deemee booda maallaqni nan barbaachisun jedheen. Maallaqa naaf kennuurra, dubartoota rakkataniif kophee bitaa naaf kennaan jedheen,’’ jette.
Abbaan amantaa kunis kophee bitanii dubartootaniif kennaa turan.
Bara faranjootaa 2015 duula tola ooltummaa '‘Walk with me,’’ jedhamu jalqabuun galii argattuufi namoota biroorra deeggarsa sassaabuun dubartoota harka qal’eeyyiif kennuu eegalte.
Dhaabbanni maqaa '‘Walk with me,’’ jedhuun galmaa’e hojii biraatti bobba’e jiraachu erga hubattee booda maqaa isaa gara ‘‘My Shoes Your Shoes’’ jedhutti geeddaruun dhaabbaticha galmessifte.
'‘Kopheen kee kophee kooti’’ moggaasa jedhu baayyeen jaaladhe. Dhaabbatichi bu’aaf argachuuf jecha kan hundaa’e waan hin taaneef kophee fi meeshalee barnootaa dhiyeessa.
'‘Kaaayyoon keenya daa’imman biyyoota hiyyeeyyii kamiyyuu keessatti argaman gargaarudha,’’ jette.
Hojiin tola-ooltummaa Aduwaafi naannoo isheetti kan eegalte yoo ta’u, deeggarsa hanga Adaamii Tulluu deemtee kenniteetti.
Namoota harka qa’eeyyii biyyoota Afrikaa Indiyaatti argaman gargaaruuf kan karoorsite yoo ta’u, qorumsa lamaatu na mudate jette.
Isaanis weerara Covid-19 fi waraana Kaaba Itoophiyaatti ka’ee jette.
Ammatti garuu humna ishee cimsachuun, qaamolee deeggarsaa baayyifataa hojjataa jiraachu dubbatti.
'‘Kaayyoon koo kophee qofa otoo hintaane meeshaalee barnootaa, nyaataafi dawoo keessa jiraatan dhiyeessudha,’’jette.
Imala gara Ameerikaa
Maa’irag erga eebbifamtee booda yeroo muraasaaf ogummaa faarmaasii baratteen magaaalaa Finfinnee hojjatte.
Sana booda carraa DV argattee Ameerikaa deemte. Maa’irag erga biyyaa baate akka alarra dhaga’aa turte waanti hundi laaftuu hin turre.
'‘Makinaa fi mana waggaa tokko keessatti nan horadheen, mana haadha kootiif bituun yaadaa ture,’’ jette.
Ameerikaa akka qaqqabdeen garuu haalli jireenyaa akka isheen egde hin turre.
'‘Ameerikaan deema malee jireenyi nan rakkisu jedheen yaada ture. Akkuman Ameerikaa qaqqabeen iddoo lama hojjachaan, galgala barachaa ture, haalli jireenyaa ni cima,’’ jette.
Moodelii hojjachuu
Maa’irag ijoollummaa isheerraa kaastee faashinii fi miidhagina akka dinqisiifattu dubbatti.
Ameerikaatti hojii idileen hojjattu irratti dabalataan mana barnoota modeeliingi fi taatummaa seentee baratti.
Ogummaan baratte kunis carraa hojii heddu akka argattu haala mijeesseef.
Faashinii fi modeliingirran hojjachu isheetiin dhaabbilee idil-addunyaa omisharratti bobba’an waliin hojjachaa akka turte himte.
Kanarraa ka’uun barruu beekama Faransaayii Voog jedhamurratti suuran ishee maxxanfamu himte.
Dhaabbilee oomishaa gurguddoo kan akka Nitiroojinaa fi Seraavii jedhaman faana hojjadheera jetti.
Modeeli ta’uu isheef gara biyyoota garaa garaatti imaluurra kan darbe, waltajjiwwan moodelingii fi faashinii hogganuufi kessummaa kabajaa ta’uun hirmaadheera jette.
Waltajjiiwwanii fi agarsiisa TV gargaaraa qindeessaafi hogganaa akka turte dubbatte.
Amma hojii farmaasii fi modeelii walsimsiisuun hojjataa akka jirtu himte.
TV ‘The bachelor’
Kun ta’iwwan dhugumma qaban bu’uureffachuun agarsiisa TV Ameerikaatti qophaa’uu fi biyyoota gara garaatti daawwattoota heddu qabu.
'‘Jaalallee ykn nama gaa’ila waliin dhaabbatan namoonni hin qabne saganticharratti dhiyaatanii nama isaaniif ta’u filatu. Maa’iragillee waraana Tigiraayi dura dorgommichatti seente.
Maa’irag agarsiisa TV The Bachelor kanarra yeroo baatu, maatii ishee Aduwaa jiranitti bilbilte.
Obboleessa fi miseensota maatii ishee birootti bilbilte argachuun hin dandeenye turte. Bilbilli hojjachuu dhabuu isaatti rifadheen ture jette.
Hiriyoota ishee Ameerikaa jiraatanirraa waraanni akka Tigraayitti jalaqabame fi bilbilli akka hin hojjanne dhageesse.
'‘Nan rifadhe iddoo hojii dhaquulle hin dandeenye’’ jette. Maatii isheen haala keessa jiran hubachuu dadhabde turte.
Maa’irag waraanni Tigiraayitti eegalamee ji’oota sadii booda sagalee maatii ishee deebitee dhageesse.
'‘Yeroo sana obboleessi koo quxisuun gara Sudaanitti baqachuun dhaga’e. Warra ollaa ani beeku jalaa ijoolleen isaanii ajjeefamuun dhaga’e.
Obboleessi koo gara Sudaanitti akka baqatee fi beelli akka jiru, namoonni hedduun du’uu haatii koo wayita natti himtu nan gadde,’’ jette.
Maa’irag haala maatiin ishee keessa turan qofa otoo hin taane, haalli hawaasni Tigiraay keessa ture akka ishee dhiphise dubbatte. Dhiphinni kun hojii faarmaasii fi moodelii hojjattaa turteerratti dhiibbaa uumuu dubbatte.
'‘Haalli jiruu kootii baayyee geeddarame. Dur nan taphadha ture, har’a garuu akka durii akka hin taaneen hubadha’’ jette.
Har’as taanaan ani jabduudha. Miira kana balleessuf dhama’aan jira. Taatullee, waraanni erga eegalamee kaasee gaddiifi dhiphinni furii natti darbee, haalli jireenya koo guutummaatti geeddarame,’’ jette Maa’irag.
Dhiibbaa dhiphinni irraan gaheen hojii isheerra fagaatte yeroon turte akka jiru himteetti. Maa’irag amma hojii isheetti deebi’uu himteetti.












