Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akeekkachiisa US boodas Netaaniyaahuun Raafaatti duuluuf namni nagaan akka bahu ajajan
Ministirri Muummee Israa'eel Beenjaamiin Netaaniyaahuu Hamaasirratti duula itti fufuu dura loltootnisaanii magaalaa Kibba Gaazaa, Raafaa keessaa namoota nagaa baasuu akka eegalan ajajan.
Magaalaan Raafaa yeroo ammaa Filisxeemota lola kutaalee Gaazaa biroo keessa jiru keessaa baqatan miliyoona 1.5 ta'an qabatee jira.
Duula Israa'el Raafaatti gaggeessuuf jirtu kanaan Ameerikaan ''balaa guddaa kan qabu'' jettee kan balaaleffatte yeroo ta'u, Gamtaan Awurooppaa fi Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii ammoo baayyee yaaddahuu ibsaniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa gama isaaniin namoota hanga kanaa Raafaa keessaa baasuun waan danda'amu miti jedhu.
Ministirri Muummee Netaaniyaahuun garuu waraanaafi qaamoleen nageenyaa ''karooraa qindaa'aa namootaa nagaa Raafaa keessaa baasuun hidhattoota Hamaas haleeluuf gargaaru'' akka dhiyeessan guyyaa Jimaataa gaafataniiru.
''Hamaasiin dhabamsiisnu malee kutaa waraanaa Hamaas afur Raafaatti dhiifnee, galma waraana kanaa milkeessuun hin danda'amu'' jedhan Netaaniyaahuun ajaja baasaniin.
Gama kaaniin hojii guddaan namoota nagaa Raafaa keessaa baasuurratti hojjetamuu qaba jedhan.
Netaaniyaahuun jalqaba torban kanaatti Raafaatti duula banuuf loltootasaaniin qophaa'aa kan jedhan yeroo ta'u, Israa'eel ''injifannoo guutuu argachuuf ji'oota muraasatu hafa'' jedhaniiru.
Kana kan jedhan wixinee dhukaas yeroo dheeraaf dhaabuu biyyootni akka Masrii, US fi Kataar Isaa'eel waliin qopheessiniif deebii Hamaas kennarratti wayita dubbataniidha.
Dhimma marii dhukaasa dhaabuuf qondaaltotni Hamaas magaalaa guddoo Masrii Kaayiroo kan turan yoo ta'u, marichi iddoodhuma jirutti dhaabatee qondalatotni Kaayerootii bahuu BBC mirakeeffateera.
Hamaas wixinee kanaaf deebii kenneen wanti gaafate wanta Israa'el gochuu feetuun ol waan ta'eef kufaa kan goote yeroo ta'u, ''waraana kana injifannoon goolabuu malee falli biraan hin jiru'' jedhan Netaaniyaahuun.
Sababa waraana kutaalee magaalaa Gaazaa keessatti adeemaa tureen uummatni qe'eerraa buqqa'e hedduun Raafaa keessa godoo pilaastikaa keessa qubatee jiraata.
Raafaan ulaa takkittii Gaazaa fi Masrii walitti baaftudha.
Jimaata darbe kana dippiloomaatii olaanaan Gamtaa Awurooppaa Joseep Boorelyaada miidiyaa hawaasaa isaniirratti maxxansanii gabaasni duula waraanni Israa'el Raafaatti eegaluuf jedhu nama naasisa. Rakkoo namoomaa hamaa ammayyuu uumamee jiruufi du'aatii namoota nagaa hammeessuun balaa guddaa uuma'' jedhaniiru.
Jalqaba torban kanaa ammoo Barreessaa Olaanaan Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii Antoniyoo Gutareez duulli kun rakkoo namoomaa hamaa uuma jedhaniiru. Dubbii himaan isaanii Isteefaan Dujaariik ammoo hiree namoota nagaa Raafaa jiran irratti akka malee yaaddofneerra jedhan.
''Namootni nagaan eegamuu qabu, Uummata jumlaan humnaan buqqisuunis raawwatamee arguu hin feenu'' jedhan.