Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Injifannoon xumuruu malee falli hin jiru'' jedhan Netaaniyaahuun deebii Hamaas booda
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu wixinee dhukaasa dhaabuu qophaaye irratti fooyya'insa Hamaas akka godhamu gaafate kufaa godhuun Gaazaatti ''injifannoo guutuun'' ji'oota keessatti argamuu danda'a jedhan.
Netaaniyaahuun yaada kana kan kennan wixinee deeggarsa Israa'el argatee qophaayerratti Hamaas fedha akka guutamuuf barbaadu erga tarreessee boodadha.
Netaaniyaahuun mariin Hamaas waliin godhamu ''eessayyuu hin gahu'' jechuun waan hin milkoofne akka ta'e dubbatan.
Wixineen biyyoota akka US, Kataar, Masrii fi kaanis irratti hirmaachuun qophaaye waliigaltee dhukaasa daabuu guyyoota 135 turu yoo ta'u waayee hiikamuu hidhamtootaa gama lamaaniin jiru, dhiyeessii waldhaansa fayyaa uummata Gaazaa jiruufi kaanis haasa'a.
Hamaas wixinee kanaaf deebiin kenne torban tokko turee Kibxata dhagaahame. Gaaffiin gama isaan dhiyeesse waliigaltichi akka hin milkoofne gochuu akka danda'u namootni keessa beekan himanii ture.
Netaaniyaahuun ''injifannoo guutuun xumuruu malee falli biraan hin jiru'' jechuun Roobii miidiyaaleetti himan.
Hamaas Gaazaa keessa ni jiraata yoo ta'e dhumaatii kan biraan yeroo eeggata malee waan hafu miti'' jedhan.
Qondaalli Hamaas olaanaan Saamii Abu Zuhrii yaada Rooyitarsiif kennaniin deebiin Netaaniyaahuu kun fedha naannicha keessatti waraana itti fufuuf qaban agarsiisa jedhaniiru.
Maddi Masrii yaada BBCf kenneen ammoo yaada Netaaniyaahuu kun dhagaahamuyyuu mariin jaarsummaa Maasriifi Kataariin Kamisa magaalaa Kaayerootti qophaa'e ni gaggeefama jedhanii akka abdatan himan.
Masriin qaamoleen lamaanuu waliigalteerra akka gahan ejjennoo isaanii akka laaffisan gaafatteetti.
Netaaniyaahuun yaada Hamaas dhiyeesse fudhatama haa dhabsiiftuyyuu malee lola kana dhaabuuf jaarsummaatti kan jirtu Kataar deebii Hmaasiin faara gaarii qaba jettee ture.
Yaada Hamaas marii nagaa gaggeessuuf dhiyeesse Rooyirasi argatee jira. Karoorri Hamaas dhiyeesse marsaa sadii kan qabu yoo ta'u kan jalqabaa guyyoota jalqabaa 45 keessatti hidhamtootni gama lamaaniinuu jiran yeroo itti hiikaman ta'a.
Marsaa lammaffaan yeroo hidhamtoota wal jijjiruun raawwatee Israa'eel loltootashee Gaazaa keessaa baaftu ta'a.
Inni Sadaffaan ammoo reeffa lammiilee isaanii waliif dabarsanii kennuudha.
Dhuma guyyaa 135ffaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu ni goolabama yaada jedhu dhiyeesse.
Waraanni Gaazaa Onkololessa 7 hidhattootni Hamaas daangaa ce'uun Israa'el wayita haleelan jalqabe. Haleellaa kanaan lammiileen Israa'el 1,200 ol ta'an ajjeefamanii namoonni 240 ta'an ammoo butamanii fudhataman.
Haleellaa kana booda Gaazaatti waraana Israa'eliin banameen hanga ammaa Filisxeemonni 27,700 ajjeefamaniiru. Kan miidhaman ammoo 65,000 ta'u.
Sadaasa darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban tokkoof tureen gama Israa'el irraa Filisxeemonni 240 hidhaa tran yeroo gadhiifaman, Hamaas ammoo namoota 105 Israa'elii butee ture gadhiiseera.
**Odeessa kana gulaallii lakoofsaa taasifameera.