'Yunaayitid hiree Chaampiyoonsi Liigiif qabsaa'a'-Ten Haag

Eriik ten Haag

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii bara dhuufurratti hiree hirmaachuu argachuuf akka qabsaa'aan leenjisaan Maanchistar Yunaayitiid Eriik ten Haag dubbate.

Darbii Maanchistar 3-1n kan injifatame Yunaayitiid taphni 11 osoo hafuu arfaffaarra kan argamu Astoon Viilaarraa qabxii 11n fagaatee argama.

Dhiyeenya hiree abbummaa Yunaayitiid kan bitatan Sir Jiim Raatkiliif galmi isaanii hiramaannaa dorgommii Awurroopaa argachuu akka ta'e ibsaniiru.

Haata'u malee Dilbata galgala Siitiidhaan injifatamuun hiree kana harkaa dukkaneesseera. Abdiin qabu Astoon Viilaan akka malee injifatamee akka mucucaatu eguu ykn liigicharraa kan Champiyoonsi Liigiitti hirmaatu garee sadarkaa shanaffaan xumurus akka dabalatu ta'uudha.

Isumaafiyyuu amma shanaffaarra kan jiru Tootenhaam, kan qabxii jahaan irraa fagaatee jiru, qabxii akka gatu eega.

Leenjisaa ten Haag taphoota amma boodaa akka xumuraatti lakkaa'uun Totenhaamiifi Astoon Viilaatti siquu akka qaban dubbate.

''Shanaffaa bahuun hiree Chaampiyoonsi Liigii argamsiisuun carraa gaariidha, taphoota keenya injifannee isa milkeessuuf hojjenna.''

Kilaboota lamaan Yunaayitiid akka qabxii gatan eegu Viilaa fi Tootenhaam waliin yeroo lama taphatee raawwachuun silaa carraa qabxii sadii irraa argachuu danda'u dhabsiiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareeleen piriimiyeer Liigii bara kana dorgommiiwwan Awurooppaa sadan irratti tokkoffaa ykn lammaffaa ta'anii yoo xumuran liigii Ingilaand kanarraa gareen shanaffaan hiree Chaampiyoonsi Liigii argata.

Ammatti hiree kanaaf kan dhiyoo jiruu gareelee Xaaliyaaniif Jarmaniidha. Abdiin Yunaayitiid morkattootnisaa Siitiifi Liivarpuul jabaatanii gareeleen Seriyaa A fi Bundasliigaa laafuu isaaniiti.

Kana hundarra osoo ta'eefi Yunaayitiid Viilaa fi Tootanhaam qaqqabuutu salphata ture. Iniyyuu garuu waan ta'u hin fakkaatu.

Gareen ten Haag Dilbata galgala Etihaaditti gahumsa gaarii hin agarsiifne. Golii Raashifoordiin dursus kubbaa hedduu to'achuu hin dandeenye. Kubbaa goolii taateen alttis yaalii goolii milkaahaa hin taasifne.

Faallaa kanaan Yunaayitid irratti yaaliin goolii 27 yaalameera. Walumaa galatti bara kna hanga ammaattii yaalii goolii 444 keessummeessuun Weestihaam, Luutaniifi Sheefilditti aanee arfaffaadha.

Yunaatiid galgala bara kana yeroo 11ffaaf injifatame. Kunis isa bara 2022 fi 2013/14 irraa tokko qofaan hanqata.

Leenjisaa ten Haag ''kubbaan miilaa waayee kubbaa hanga to'atte(possession) qofa miti'' jedhe. Dhugaadha goolii galchiuuf kubba to'achuu qabda, daqiiqaawwan jalqabaa 20 carraa gaarii uumnee ture, yeroo kubbaa dhabnus akka gaariitti ittisnerra'' jedhe.

''Yeroo murteessaatti garuu kubbaa of biraa abaachaa hin turre. Garuummoo injifachuuf ykn yoo xiqqaate qabxii qooddachuuf dhiyaannee ture.''

Gahumsa Yunaayitiid agarsiisaa jirurraa kan ka'e leenjisummaa ten Haag irratti gafafiin ka'uu erga eegalee bubbuleera. Yunaatiid abba qabenyaa haara argachuuf turtiin keessa darbe yeroo dheeraa booda raawwateera.

Ammammoo daayireektara Ispoortii haraaa muduuf adeemsa jiru yoo goolabe hireen ten Haag murtee argata.

Ogeeyyiin kubaa miila xiinxalan garuu ammayyuu abbootiin qabeenyaa kilabichaa murteessuu hin oolan jedhu.

Ten Haag kilabichi daandii qajeelaatti dhufaa jira jedha.