Gaardiyoolaan morkii Siitii fi Yunaayitid irratti 'tasgabbiitu barbaachisa' jedhe

Peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa morkii Maanchistar Yunaayitiid waliin Dilbata taasisan irratti gareensaa tasgabbiin mala taphaarratti xiyyeefachuu akka qabu ibse. Miiraan guutamu hanqisuun barbaachisa jedhe.

Siitiin Onkololessa keessa Yunaayitidiin dirreessaatti goolii 3-0n injifateera. Amma ammoo Siitiin Yunaayitid irraa qabxii 15niin fagaatee argame.

Gareen lameenuu gahumsisaanii tibba kanaa gaariidha. Sadarkaa lammaffaarra kan jiru Siitiin taphoota darban 18 irratti hin injifatamne. Yunaayitid ammoo bara 2024 keessa takkaa qofa Fuulhaamiin injifatame.

''Wantin muuxannookoorraa baradhe taphni akkasii tasgabbii, bilisa ta'uu, waayee waan baayyee dubbachuu dhiisuu barbaada'' jedhe Gaardiyoolaan.

''Mala taphaarratti xiyyeeffachuun, isaan injifachuuf jabaattee hojjechuu barbaachisa'' kan jedhe Gaardiyoolaan, ''miiraan guutamuun hin ta'u inni silaayyuu shakkii malee ni jiraata'' jedhe.

Abbaan qabeenyaa Sia Jiim Raatikiliif qooda Yunaayitid erga bitatanii gareen lamaan yeroo walitti dhufan kan jalqabaati. Waggoota dhufan sadii keessatti Siitii iddoo jirurraa buusuu akka barbaadan dubbataniiru.

Siitiin baroota Piriimiyeer Liigii jahan darban keessatti yeroo shan shaampiyoonaa ta'eera.

''Saddeettamootni kan Liivarpuul ture, sagaltamoonni kan Yunaayitid, ammammoo nuti waggoota 11 moo 12 keessatti yeroo torba injifanneerra'' jedhe Gaardiyoolaan.

Ammoo baroota 50 fi 60 darban biyya gareen tokko itti fufiinsaan olaantummaa argatee itti jiraate hin jiruu jechuun ''nuti dhaabbata kanatti olaantummaa keenya baroota dhufan hedduuf itti fufsiisuu hamma dandeenyutti ni yaalla'' jedhe.

''Sar Jiim Raatikliifi namootni isaa biroon waldhaansa gareesaaf barbaachisu ni beeku. Ani waayee kilaba sanaa homaa hin beeku'' jedhe Gaardiyoolaan.

''Isaan waggaa lamaafi sadiitti iddoo sana geenya erga jedhanii faallaasaanii dubbachuuf ani eenyu?''

Leenjisaan Yunaayitid Eriik Teenhaag ibsa Kamisa kenne irratti ''gahumsa gaariirra jirra, akka gaarii deemaa jirra. Miirri jirus gaariidha. Tokkoomneerra. Amma karoora taphaa gaarii baasuu qabna.

''Akka gaariitti ni qophoofna taphattootni qophiin eegaa jiru anis waan gaariitu natti urgaa'a. Kaka'umsa guddaan qaba.''

''Waan dandeenyu hunda gochuun tapha garee jabaa agarsiisuu akka qabnu ni beekna'' jedhe Tenhaag.