Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan akkamiin icciitii teeknolojii Ameerikaa jalaa fudhatti?
Namni lammummaa US qabu jedhamu dhaabbata Ameerikaa guddicha teeknolojii omishuun beekamu General Electric Power (GE) jedhamuuf qacaramee hojjata ture. Haata'u malee, hojiin isaa inni guddaan icciitiwwan teeknolojii Ameerikaan ittiin badhaate bifa dijitaalan hatee Chaayinaaf dabarsuudha.
Akka qorannoo yakkaa Biiroo Haqaa UStti namni lammummaa Ameerikaa qabu kun dokumentiiwwan icciitii bifa dijitaalan hata.
Malli inni fayyadamu kun ammoo Isteganogiraadii jedhama. Kunis odeeffannoo faayila tokkoo koodii faayila biraa keessa dhoksuu jechuudha. Kanaanis Zheng yeroo garaa garaatti dhaabbata General Electric Power jalaa icciitii teeknolojii heddu hatee Chaayinaaf kenneera.
General Electric Power dhaabbata teeknolojii fayyaa, anniisaafi daandii qilleensaa keessatti gumaata teeknolojii heddu gumaachu yoo ta'u firiijii hojjachuu kaasee hanga motora xayyaarotaatti omisha.
Iccitin Zheng dhaabbaticha kana jalaa hate ammoo dizaayiniifi omisha tarbaayinii boba'aafi istiimii fa'aa wajjin kan wal qabatuudha.
Ragaan icciitii inni hate kun [dolaara] miliyeena hedduttu kan shalagamu yoo ta'u dabarsee Chaayinaatti erguun mootummaa, kampaaniwwan Chaayinaafi yuunivarsiitonni dhimma akka itti bahan godha.
Jalqaba ji'a kanaa Zheng hidhaan waggaa lamaa itti murtaa'era. Ji'a Sadaasaa keessa ammoo namni lammii Chaayinaa basaasaa teeknolojii hojiiti jedhame Xu Yanjun qabamee hidhaan waggaa 20 itti murtaa'ee ture.
Xu Yanjun General Electric Power dabalatee kampaaniwwan daandii qilleensaafi aviyeeshinii keessaa icciitii daldalaa hatuuf yaale jedhameetu kan itti murtaa'e.
Chaayinaan diinagdee ishee teknolojiin utubdee dirree siyaasaa irratti dorgomaa taatee mul'achuuf tooftaa kanatti fayyadamti, US ammoo gama isheen kan ishee dorgomu hambisuuf ni dhamaati.
Icciitii daldaluun baay'ee hawwisiisaa ta'aa dhufeera, sababni isaa biyoonni ofii isaanii baay'ee osoo itti hin baasiniifi yeroo itti hin gubin salphaatti dorgomaa addunyaa akka ta'an BBCtti hima Economist Intelligence irraa kan ta'e Nik Marroo.
Ji'a Adoolessaa keessa daayireektara FBI kan ta'e Kiristofar Raayi Landanitti wal gahii gaggeessitoota biizinasiifi beektotaa irratti Chaayinaan argannoo teeknolojii biyyoota lixaa "saamun" guddina industirii isheef oolchitee idustiriiwwan ijoo ta'an to'achuu akka barbaaddu dubbatee ture.
Chaayinaan gama isheen maqaa ishee balleessun sammuu "Waraana Gololaa" irraa bilisa ta'uu dhabuu akka ta'e ibsite.
'Chaayinaan gulantaa keenyarraa nu darbachuu barbaaddi'
Namni lammii US icciitii teknolojii hatee Chaayinaaf kennuun itti murtaa'e kun, Zheng, injinara tarbaaayinii beekamaadha.
Tarbaayiniiwwan gaazii xayyaaraf anniisaa kennan guddina aviyeeshinii Chaayinaatif bu'uura.
Meeshaalen eeroo ispeesii fi aviyeeshinii seektaroota Chaayinaan irratti xiyyeeffattuudha. Kuni ammoo hirkattummaa teeknolojii biyyoota lixaa jalaa baatee of danda'uun boodarra isaan caaluf kan isheen hojjataa jirtuudha.
Ray Wang dhaabbata Silkan Valley kan hundeessefi gaggeessadha. Dhaabbanni isaanii misooma teknolojii farmaasii, injinaringii, meedikaalaa, huccuu, konkolaatawwanii fa'aa irratti xiyyeeffata.
Ray Wang akka jedhutti basaastonni teeknoljii Chaayinaaf hojjatan bakka hunda jiru.
Niik Marroo akka jedhutti kanaan dura basaastonni teeknollojii yaaddoo ta'anii turan kan biyyoota akka Jappaan, Kooriyaa Kibbaa, Taayiwaanfi Singaappor fa'aa turan.
Kampaaniwwan biyyoota kanneenii erga cimaa akkasumas kalaqa garaa garaatin of cimsaa deemanii as yaaddon sun hir'ataa dhufe.
"Dhaabbileen Chaayinaas kalaqa garaa garaatin of jabeessaa deemuu irraa kan ka'e mira abbuummaa kalaqaa isaanii biyya isaanitti akka galmaa'uf cimsaa dhufan," jedha Niik.
Hanna teeknolojii biyyoota birootin hamatamtus Chaayinaan yeroo hunda akka harka keessaa hin qabne waakkatti.
USfi Chaayinaan teeknolojii akka wal hin hanne waliigaluun 'qoosaadha'
Bara 2015 USfi Chaayinaan hanna icciitii teeknolojii saayibariidhan deeggarame walirratti akka hin gaggeessineef walii galanii turan.
Waggaa tokko booda Ejansii Nageenya Biyyaalessaa US walii galtee cabsuudhan Chaayinaan icciitii teeknolojiifi daldala Ameerikaa hatuuf akka yaaltu himate.
Haa ta'u garuu xinxaaltonni akka jedhanitti walii galteen biyyoota lamaanii kun "qoosaa" fakkaata. Sababni ammoo jijjiirama hammana jedhamu fiduu hin dandeenye jedha Ray.
Hanni teeknolojii Chaayinaan US irratti raawwattu hanga laaboratoorii wiirtuwwan qorannootti kan fulla'eedha. "Gola biizinasiiwwan biyyoota lixaa hundumaa lixxeerti [Chaayinaan]," jechuun BBCtti hime Ray Wang.