Tiraamp viidiyoo Baraak fi Misheel Obaamaa jaldeessa fakkeessee agarsiisu erga maxxansee booda haqe

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidant Doonaald Tiraamp, pirezidantii duraanii Baaraak Obaamaa fi Giifti-duree duraanii Misheel Obaamaa viidiyoo jaldeessa godhee agarsiisu qabiyyeen isaa arrabsoo sanyii ta'e fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti erga maxxansee booda balleesse.

Viidiyoon kun walumaagalatti sekondii 62 kan dheeratu yoo ta'u, muuziqaa 'The Lion Sleeps tonight' jedhuun kan dabaalamedha.

Dhuma viidiyoo kanaarratti kutaan Baraak fi Misheel jaldeessa fakkeessee agarsiisu ni mul'ata.

Tiraamp Viidiyoo qabiyyee filannoon bara 2020 gaggeeffame waliin dha'ameera jedhu qabu miidyaa hawaasaa isaarratti qoodeera.

Tiraamp ibsa gaazexeessitootaaf kenneen,"dogoggora tokkollee hin hojjenne.

''Ergan kutaa jalqabaa viidiyichaa qofa ilaaleen booda hojjettoonni waajira koo kan maxxansan. Baraak Obaamaa fi Mishel Obaamaa kutaa akka sanatti agarsiisu qabaachuu isaa hin beeku," jedheera.

Senaatariin Rippabilikaanii gurraacha Ameerikaa Tiim Iskoot, "wantan Waayit Hawusitti arge baayyee sanyummaa hamaadha," jechuun qeeqeera.

Waayit Hawus gara jalqabaa warra qeeqaniin "dheekkamsa sobaa irra deebisanii hin ho'isiinaa" jechuun busheessus, dheekkamsi yeroo cimaa dhufe ammoo viidiyoon sun fuula miidiyaa hawaasaa Truth Social irraa akka badu murtaa'eera.

Waayit Hawus booda viidiyoon sun "dogoggoraan' akka maxxanfame ibseera.

Viidiyoo namni sanyummaa leellisu Zeeryaas hojjetee X irratti qoodu, kan ummata gurraacha jaldeessa waliin wal fakkeessuufi qabiyyee arrabsoo sanyii qabudha.

Aleksaandiyaa Okaaziyoo - Kurteez, Kantiibaan Niiwu Yoork Zoohiraan Maamdaanii fi ministirri dhimma alaa duraanii Hilaarii Kilintan bineensota garagaraa waliin dorgomsiifamaa viidiyoo kana keessatti ni mul'atu.

Pirezidantiin duraanii Joo Baayidanis akka jaldeessaatti yeroo muuzii nyaatan ni agarsiisa.

Baraak Obaamaa fi Misheel Obaamaa hanga ammaatti yaada hin kennine.

Tiraamp xiyyaara Airfoce One irra ta'uun ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, "wantoota kumaatamaan lakkaa'amanan arga. Viidiyoo kana xiqqoo ergan ilaaleen booda guutuu isaa akka ilaalaniif warra isaan ilaallatutti kenneera," jedhe.

Filannoon waliin dha'amuu ilaalchisee ergaa viidiyoon sun dabarse sirrii akka ta'es dubbateera.

Deeggartoota Tiraamp osoo hin hafiin viidiyoon sun sanyummaa waan agarsiisu ta'uu ibsuun fuula isaaniirraa akka haqamu hubachiisaniiru.

Rippabilikanni bakka bu'aa Niiwu Yoork ta'e Maayik Laawur, "baayyee dogoggoraafi qabiyyee fokkisaa kan qabudha. Hatattamaan dhiifama gaafachuu qaba," jedheera.

Erga viidiyoon kun fuula Tiraamp irra abu'ee boodas qeequun itti fufeera.

Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS akka gabaasetti, michuu Tiraamp kan ta'e bakka bu'aan Filooriidaa Biraayen Doonaaldis erga viidiyoon kun maxxanfamee booda Waayit Hawusitti bilbilee akka dheekkame ibseera.

"[Dogoggora] hojjetaa Pirezidantichi itti-gaaftamummaa itti kenne hin ba'annedha'' deebii jedhamu akka kennameef gabaafameera.

Qabiyyeewwan fuula Tiraamp irratti maxxanfaman adeemsa qulqulleessuu akkamii keessa akka darban BBCn Waayit Hawusirraa ibsa gaafateera.

Pirees Sekireetaariin Waayit Hawus Kaalolaayin Leeviit, "viidiyoon kun pirezidant Tiraampiin mootii godhee kan agarsiisuu fi Dimokiraatota 'taatoowwan fiilmii 'Lion King' waliin wal dorgomsiisudha.

''Dheekkamsa sobaa gabaasuu dhiisaatii waan ummata Ameerikaaf bu'aa buusurratti xiyyeeffadhaa" deebii jedhu BBCf kennite.

Itti gaafatamaan Pirezidantii National Association for the Advancement of Coloured People, Deerek Joonsan viidiyoon kun haqamuun dura "fokkisaa fi qaanessaadha' jechuun balaaleffateera.

Tiraamp sanadoota Jeefrii Eppistiin irraa xiyyeeffannoon akka ka'u gochuuf yaalaa jiru jechuun qeeqaniiru.

Himannaan filannoon pirezidaantummaa bara 202o waliin dhahameera jedhu soba akka ta'ee, irra deddeebiin ibsameera.

Pirezidant Tiraamp Baaraak Obaamaa fi Mishel Obaamaa qeequun beekama.

Baraak Obaamaa kan dhakate Keeniyaatti oduu sobaa jedhu tamsaasee akka turelleee ni yaadatama.

Baraak Obaamaa garuu kan dhalate Hawaay keessatti yoo ta'u, lammummaan isaas Ameerikaadha.