Hogganaan paartii mormituu filannoo pirezidantummaa Somaalilaand mo'an

Filannoo pirezidantummaa Sadaasa 13 bara 2024 Somaaliilaand gaggeessiteen kaadhimamaan paartii mormituu Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii (Iroo) injifachuu Komishiniin Filannoo Somaaliilaandi ibse.
Obbo Abdirraahimaan kaadhimamaa paartii Waddaanii yoo tahan, morkataa jabaa tahuun dhiyaatan.
Paartii Kulmiyyee bakka bu’uun kan dorgoman pirezidantiin Somaaliilaand amma aangoorra jiran Musee Bihii injifatamaniiru.
Paartii 'Justice and Development' irraa kaadhimamaa kan turan Fayisal Alii Waraabee filannoo kana irratti hin milkoofne.
Wanti ifa ta'e tokkoofi eenyullee filatamu kan irratti waliif galan waliigaltee Somaalilaand Itoophiyaa waliin mallatteessite kan hin mormine ta'uusaaniiti.
Filannoon Somaaliilaand kun silaa bara 2022 taasifamuu qaba ture. Ta'us, yeroos Boordiin Filannoo Somaalilaand dhimma ‘’maallaqaafi teknikaan’’ filannoo dheeresse.
Aangoon pirezidantiifi miseensota paarlaamaas waggoota lamaaf dheerate. Kunis paartilee waliin muddama uumee ture.
Inumaa paartileen pirezidantii ta’uuf dorgomaa jiran Musee Bihiitiin si’achi akka pirezidantiitti hin ilaallu jedhaniis turan. Booda mariin furame.
Abdirraahimaan Mohaammad eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Morkataa pirezidanti Musee Bihii kan ta'an Abdirahaaman Mohaammad Abdullaahii dorgomaa ijoo turan. Maqaa masoo ‘’Irro’’ jedhamuunis beekamu.
Paartiin isaanii Wadaanii jedhama. Kanaan dura filannoo bara 2017 dorgomee mo'ameera.
Amma garuu filannoo kana irra aanuu Komishiniin Filannoo Somaaliilaandi ibseera.
Qondaalli kuni kana dura dippiloomaatii Somaaliyaa ta’un tajaajilaniiru. Eegasii Somaalilaanditti deebi'un Paartii Waadaanii hundeessan.
Waggoota 11'f af-yaa’ii mana maree biyyattii ta’uun kan tajaajilan Obbo Abdirraahimaan, bulchiinsi isaanii beekamtii idil-addunyaa akka argattu akka hojjetan waadaa seenaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaalli kun mariin kana dura Somaalilaand 'biyya walabaa' ta’uu ishee ilaalchisee mootummaa Somaaliyaa waliin taasiste irra deebiin ilaaluu barbaadu.
Somaaliyaa waliin taa’anii mari’achuun akka barbaachisuufi yoo filamanis kana akka godhan waadaa seenanii ture. Amma sagalee caalmaa argachuun pirezidaantii biyyattii tahuuf jiru.
Waa’ee waliigaltee ulaa galaanaa ilaalchisee yeroo gaafatamanitti, Somaalilaand biyya kamuu waliin waligaltee waloo raawwachuuf mirga akka qabdu dubbatani.
Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaan Somaaliilaand waliin mallatteesiteefi Somaaliyaa dheekkamsiise akkamiin furu kan jedhu ammatti ifatti beekamuu baatus, faayidaa biyyaalessaa yeroo dheeraa karaa qabuun muddamicha furra jedhanii ture.
Somaalilaand waggoota 33 dura ani biyya jechuun labsituus biyyis ta’e dhaabbati idil-addunyaa beekamtii idil-addunyaa kenneef hin jiru.
Ta’us, akka biyya of dandesseetti of ilaalti. Maallaqa, waraana, paasportiifi kaan kan ofii qabdi.
Dhaabbilee siyaasaafi dimookiraasii ofiis ijaarratteetti. Filannoo naga-qabeessa gaggeessuun karaa nagaan aangoo walirraa dabarsitis.
Ummanni Somaalilaandis eenyus injifatu fedhiin isaanii ijoo beekamtii idil-addunyaa argachuudha.
Yeroo duula filannoo ajandaan biroo ka'an dimookiraasii fi dinagdee cimsuudha.












