Itoophiyaan waliigaltee Somaaliilaandi haqxu malee qaama nagaa kabachiisaa haaraa hintaatu- MM Somaaliyaa

Madda suuraa, ATMIS
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
Itoophiyaan waliigaltee wal hubannoo Somaaliilaandi waliin galte haqxu malee qaama ergama nagaa kabachiisaa Somaaliyaa isa haaraa hin taatu jedhan Ministirri Mummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii.
Aanga'aan kunis Itoophiyaan qaama nagaa kabachiisaa Somaaliyaa tahuuf jalqaba walabummaa fi tokkummaa daangaa biyyattii kabajuu qabdi,'' jechuun fuula X [Tiwiitera] isaanii irratti barreessan.
''Yoo waliigalticha keessaa hin baane qaama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa haaraa hin taatu'' jedhan.
Itoophiyaafi Bulchiinsi Somaalilaand kan gamtokkeen walabaa waliin waliigaltee, Itoophiyaan akka ulaa galaanaa argattuufi deebiisaa ammoo Itoophiyaan beekkamtii kennuuf ta'u ibsame Amajjii darbe mallattaa'een booda Somaaliyaafi Itoophiyaa jidduutti muddamni umamee turuun ni yaadatama.
MM Somaaliyaa kana kan jedhan, yeroo Masiriin ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa haaraa keessatti loltootashee gara Mooqdishootti bobbaasuuf gaaffii dhiyeessitettidha.
Ergamni Ce'umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa [ATMIS] Somaaliyaa keessaa hanga Mudde bara 2024tti akka dheereffamu Manni Maree Nageenyaa UN murteessera.
Manni marichaa ergamicha dheeressuuf kan murteesse Al-Shabaab nageenyaafi tasgabbii uummata Somaaliyaaf ammayyuu yaaddoodha jechuun.
Wixinee mana marichaa 2748 [2024] jedhamuun bahe miseensonni Gamtaa Afrikaa ergama nagaa kabachiisaa Somaaliyaa keessaaf kan tahu, hanga loltoota 12,626tti bobbaasuu danda'u jedha. Kun garuu hanga Mudde 31 bara 2024 qofa kan turudha.
Garuu ergamni kun yoo xumurame loltoonni haaraan galuun mootummaa Somaaliyaa gargaaruun hidhattoota Al-Shabaab kan waraanan taha.
Itoophiyaan Ergama Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa keessaa loltoota 3000 qabdi. Isaan malee waliigaltee mootummaa Itoophiyaa fi Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa 5,000-7,000 tahan Somaaliyaa keessa jiru.
Al-Shabaab nageenya biyyaalessaa Itoophiyaafis yaaddoo waan taheef waggootaaf humna waraanaa ishee daangaa biyyoota lameenii irratti bobbaasuun lolaa turteetti.
Al-Shabaab yeroo adda addaatti daangaa Itoophiyaa galuun haleellaa raawwachuuf yaalus akka hin milkoofne himamaa ture.
Loltoota Itoophiyaa Somaaliyaa tiksan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Loltoonni Itoophiyaa ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaa naannoo Hirshabelleetti bobba'an naannichatti nagaa fi tasgabbii deebisuun hedduu galateeffamaniiru.
ATMIS marsariitii isaa irratti akka barreessetti loltoonni Itoophiyaa hidhattoota Al-Shabaab adamsuun bakka dhokatee baasuun haleeluun shoora olaanaa bahachuu ibse.
Ajajaa Waliiagalaa ATMIS, Birg.Jeneral Kinduu Gazzuu Buufata Oppireshinii Mahaas [FOB] jedhamutti argamauun, loltoota Itoophiyaa ergama waggaa tokkoo xumuraniif badhaasa medaaliyaa kennanniiru.
Naannoo Hiiraan keessatti jaalalaa fi hariiroo isaan hawwaasa naannichaa waliin qabu gaarii tahuu kaasaniiru.
''Yeroo loltoonni Itoophiyaa Mahaas keessaa bahan viidiyoo agarsiisu ilaaleera. Miira hawwaasa naannichaa ilaalee onneekoo na tuqe. Hariiroo jabaa isaan waliin qaban irraa kan ka'e jaalala qabaniif agarsiisaa turan.
Humna nageneyaa Somaaliyaa deeggaruun nageenya uummatichaa deebsiuu keessatti shoora olaanaa bahachuu ibsan Kinduu Gazzuu.
Loltoota ergama isaanii wagga atokkoo xumuraniif gaggeessaan kan godhame yoo tahu ajajaan Sektera 4 jedhamuun beekamuu Kolonel Waabeerii Haaruur Humni Ittisaa Itoophiyaa Somaaliyaa keessatti tasgabbii fideef galateeffataniiru.
Akkaataa ergama nagaa kabachiisaa ATMIS Somaaliyaa keessaatti Sekter 4 kan jedhamu naannoo loltoonni Itoophiyaa fi Jibuutii buufatanidha.
Teessoon waajjira isaanii olaanaan magaalaa Beletwayinii bakka jedhamudha.
Ergamni ATMIS yoo xumuramu Gamtaan Afrikaa, Mana Maree Nageenyaa UN waliin tahuun ergama nagaa kabachiisaa haaraa kan bobbaasu taha.
As keessatti gaheen loltoota Itoophiyaa maal akka tahu hin baramne.
Mootummaan Somaaliyaa loltoonni Itoophiyaa ergama Gamtaa Afrikaan ala biyya ishee keessa jiran akka bahan jechaa turte.
Itoophiyaa fi Somaaliyaan muddama sababa hulaa galanaa argachuuf Itoophiyaan Somaaliilaandi waliin waliigaltee mallattessu isheef dhalate furuuf mari'ataa turan.
Tarkiin jaarsummaan biyyoota lameen wlaitti fidaa turte. Marii marsaa lama gaggeeffameen waliigaluu hin dandeenye. Somaaliyaan akka Itoophiyaan waliigalticha haqxu barbaaddi.
Itoophiyaan uummata miliyoona 120 qabdu guddia dinagdee isheef hulaa galaanaa argachuu barbaaddi. Kana ammoo karaa wla dhabdeen osoo hin taane karaa faayidaa wlaoo eeguu danda'uun argachuu aka feetu MM Abiy AHimed dubbataa turan.












