Somaaliyaan waraanni Itoophiyaa ergama haaraa Gamtaa Afrikaan ala ta'uu beeksifte

Loltoota Itoophiyaa, Somaaliyaatti nagaa kabachiisan

Madda suuraa, Getty Images

Ministeerri Raayyaa Ittisaa Somaaliyaa waraanni Itoophiyaa ergama deeggarsaa fi nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa haaraan ala ta’u ifatti beeksise.

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa wagga 15 oliif Somaaliyaa keessatti nagaa kabachiisuun hirmaataa ture. Haa tahu malee, mootummaan Somaaliyaa daangaa isaa keessaa akka bahu irra deddeebiin gaafataa turuun ni yaadatama.

Murtee Somaaliyaa kanaaf ammo sababii inni ijoon Itoophiyaan Somaalilaand kan walabummaashee labsite waliin ulaa galaanaa argachuuf akkasumas beekkamtii biyyummaa kennuuf waliigaltee erga mallatteessanii boodadha.

Pirezidantii biyyattii Itoophiyaan walabummaa sarbuudhaan himataa turan dabalatee aanga’oonni olaanoon Somaaliyaa baatiiwwan darban Itoophiyaan loltootashee daangaa biyyattii keessaa akka baaftuuf irra dedebiin gaafataa turan.

Humni kabachiisa nageenyaa Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamataa Afriikaa kan bakka bu’iinsisaa Amajjii dhufaatti xumuramu kan bakka bu’uu, Ergamni Deeggarsaa fi Tasgabbii Gamtaa Afriikaa keessatti waraanni Itoophiyaa akka hin hammatamne Somaaliyaan Ifa taasifteetti.

Maddi oduu Mootummaa Somaaliyaa Sonaa fi AFP akka gabaasaniitti, Ministirri Raayyaa Ittisa SOmaaliyaa, Abdukaadiir Mohaammad Nuur raayyaan Ittisa Itoophiyaa ergama itti aanuun ala ta’u mirkanneessaniiru.

Erga Gamtaa Afriikaa bara haaraa (Amajjii) keessa Somaaliyaatti bobbaafamu keessa ‘‘humnoonni Itoophiyaa akka hin hirmaannee ni mirkanneessina’’ jechuun dubbatan ministirichi Moqaadishootti guyyaa Sambata kaleessaa.

Murtee Somaaliyaa kanaafis sababiinsaa ‘‘Itoophiyaan birmadummaafi tokkummaa daangaa Somaaliyaa sarbuushee’’ ta’u kaasuudhaan, tarreen maqaa biyyoota ergama Deeggarsaafi Tasgabbeessuu Gamtaa Afriikaa haaraa keessatti loltoota isaanii bobbaasanis dhiheenyatti ifa akka ta’u ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaa dabalatee loltoonni biyyoota Gaanfa Afrikaafi Baha Afriikaa waggootaaf Gamtaa Afriikaa jalatti Somaaliyaa keessatti bobba’anii turan, garee Alshabab kan Al-qaa’idaa waliin hidhata qaba jedhamu waraanaa fi motummaa Somaaliyaa eegaa turunsaanii ni yaadatama.

Itoophiyaan karaa Gamtaa Afriikaatiin loltoota kuma sadii akkasumas waliigaltee mootummaa Somaaliyaa waliin qabaniin ammo loltoota gara kuma torbaatti dhiyaatan kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti bobbaasuun akka argamtu gabaafama.

Ministirri Raayyaa Ittisaa Somaaliyaa af-gaaffii TV irratti taasisaniin, biyyoota Somaaliyaa keessaa loltoota qaban keessaa ‘‘hanga ammaatti akkuma beeknu ergama Gamtaa Afriikaa keessatti kan hin hirmaanne Itoophiyaa qofaadha’’ jechuun murtee mootummaasaanii beeksiisaniiru.

Sababii Itoophiyaan waliigaltee Somaaliilaand waliin taasifteetiin wal dhabdee keessa kan seenan biyyoonni lamaan, wal dhabdeensaanii cimaa adeemuun, sababii hidha guddichaatiin waggootaaf Itoophiyaa waliin wal gaarreefannaa keessa kan turte Masriin karaa Somaaliyaatiin jidduu galuunshee gaanfa Afriikaa keessatti muddama uumeera.

Masriin waliigaltee Itoophiyaan Somaaliilaand waliin mallatteessite mormuudhaan Somaalii maddii dhaabbachuun alattis, biyyoonni lamaan waliigaltee waraanaa waliin mallatteessuudhaan baatiiwwan darban keessa karaa galaanaafi karaa qilleensaatiin Marsiin deeggarsa meeshaa waraanaa gara Somaaliyaatti eerguu eegaluunshee ni beekama.

Kana malees, Masriin ergama Deeggarsaa fi Tasgabii Gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessatti bobbaafamu keessatti loltootashee bobbaasuuf fedhii akka qabdu ibstee, Somaaliyaadhaanis fudhatama akka argate gabaafamaa tureera.

Itoophiyaa ammoo haalli kun yaaddoo nageenyaa akka itti uumuu fi qaxanichattis tasgabbiin akka hin jiraannee akka taasisuu ibsuun mormiishee dhageessifte.

Ergama Gamtaa Afriikaa keessatti loltootashee bobbaasuuf hayyamamtuu kan taateefi adeemsichi yaaddoo kan itti uumee Itoophiyaan, ergamichi kan biyyoota naannichaa fi yaaddoo biyyoota loltootasaanii humna Somaaliyaa keessatti boba’eef ergamii kan hubannoo keessa galche ta’uu qabaata jechuun akeekkachiiftee turte.

Somaaliyaan amma ifatti loltoonni Itoophiyaa ergama Gamtaa Afrikaa haaraa keessatti akka hin hammatamne ibsuun torban tokkoon dura, minisitrri dhimma alaa bobbaa ergama kabachiisa nageenyaa Gamataa Afriikaa ittaanu keessatti biyyoonni kami loltootasaanii akka ergan Somaaliyaan akka murteessitu ibsee ture.

Biyyoonni loltootasaanii ergan ilaalchisee murteen kennamu ‘‘faayidaa biyyaaleessaa Somaaliyaa fi walabummaa kabachiisuun kan wal simu ta’u qabaata’’ jechuun murtee mootummaa Somaaliyaa ittaanu ibsanii ture.

Ministirri raayyaa ittisa Somaaliyaa Abdukaadiir Mohaammad Nuur, biyyoota ergama haaraa Amajjii dhufaarraa irraa kaasee waggoota afuriif kan turu keessatti hamamtaman afferuudhaaf mootummaansaanii adeemsicha ifa akka taasisuu ibsan.

‘‘Yeroonsaa yoo qaqabuutti biyyoota duraan turan keessaa kan ergama haaraa keessatti hirmaataniifi kan hin hirmaannee akkasumas mootummoota haaraa itti makaman ni beeksiifna’’ jedhan.

Ergama Gamtaa Afriikaa duraaniif haaraa jidduu ‘‘garaagarummaa ifaan’’ akka jiraatu kan akeekkan ministirri ittisa Somaaliyaa, baay’inni loltoota bobbaafamu akka hir’atu akkasumas eddoowwan itti bobbaafaman murtaa’aa akka ta’u dubbatan.

Yeroo ammaatti Somaaliyaa keessatti biyyoonni loltootasaanii bobbaafamanii kan argaman Itoophiyaa, Jibuutii, Keeniyaa, Buruundii fi Yugaandaadha