Ijoollee dahuun umurii gabaabsuu danda'aa? Seenaan maal hima?

Ragaalee seenaa akka agarsiisanitti haadhotiin tokkoo tokkoo daa'ima dahaniitiin umurii isaaniirraa ji'a ja'a akka hir'atu agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Ijoolleen yeroo waan harkatti qabatan darbatan, hin nyaannu yeroo jedhan ykn rafuudhaaf yeroo rakkisan haadholiin 'na gubdan, umurii koo malee na dulloomsitan' jechuun baayyee aaruu danda'u ta'a.

Qorannoowwan haaraa bahanis kan agarsiisan qormaanni ijoollee guddisuu keessa jiru dubartoota keessa darbaniif kun dhugaa ta'uu danda'a.

Ragaaleen seenaa akka agarsiisanitti, haadhotiin tokkoo tokkoo daa'ima dahaniitiin umurii isaaniirraa ji'a ja'a akka hir'achuu danda'u dubbatu. Dubartoota haala baayyee rakkisaa ta'e keessa jiranirratti ammoo dhiibbaan kun akka caalaa hammaatu eeru.

Qorattoonni jijjiirama tirataa ammoo galmeewwan odeeffanno dhalootaa du'aa manneen amantaa sakatta'aniiru. Galmeen kun bara 1866 hanga 1868 bara beela hamaa Finlaand dubartoota lubbuun turan 4,684 walitti qabeera.

Neezerlaandis Yunivarsiitii Girooniinganitti gaggeessaan garee qorannoo kanaa Dr. Iiyun Yaang Tii kun "seenaa Awurooppaa dhiyoo keessatti beela hamaafi rifaasisaa mul'ate keessaa tokkodha," jedha.

Haadhotiin yeroo beelaa dahan umuriin isaanii tokkoo tokkoo ijoollee dahaniif ji'a ja'aan hir'achuu Dr. Yaang fi waahellan isaa arganiiru.

Kun kan ta'u danda'eef haadhotiin humna isaanii ittiin seelii qaama isaanii ittiin ijaarrachuunn isaanirra ture gara hmna ittiin dahuutti jijjiiruufi boodarra ammoo carraan dhukkubaan qabamuu isaanii olaanaa akka ta'u gochuusaa eeraniiru.

Hata'u malee, beela sana duras ta'e booda umurii dubartootaafi dahumsa gidduu hariiroon tokkollee hin turre.

"Jijjiirama kana kan arginu waqtii beelli kun itti uumame keessa dubartoota turanirratti qofaadha," jedhe Dr. yaang.

Kun kan agarsiisu dubartoonni yeroo dahumsaa naannoon jiraatan dhimma ijoo ta'uu isaati.

Dahumsi umurii irratti maaliif dhiibbaa fida?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Agarsiistuun tokko naannoo rakkisaa ta'e keessatti daa'ima dahuun rakkoo fayyaa yeroo dheeraa fiduu danda'a kan jedhudha.

Yeroo dheeraa dura haadholiin dhukkuboota onnee fi idda dhiigaa, akkasumas daakama soorataa waliin walqabatee jiruuf carraan saaxilamuusaanii guddaa akka ta'e beekamaadha.

Kun ammoo gariin sababa ulfaatinni dabaluufi muddama qaamaatiin kan dhufudha.

Dr. Yaang itti dabaluun, "yeroo kana keessatti ulfaa'uun, harma hoosisuuniifi daa'imman guddisuun humna haadhattii akka dhumu gochuusaa ragaan qabatamaa agarsiisu ni jira".

Ulfaa'uufi harma hoosisuun humna guddaa gaafata.

Kana jechuun ammoo haati kun yeroo beelaatti qaamnishee dandeettii dhukkuba ittisuu cimsachuuf humna dhaba jechuudha.

"Haadhotiin bakka beelli jiru keessatti dahan yeroo dandamachuu gaha aosoo hin argatiin hafuu isaaniitiin dhiibbaan fayyaa isaanirra gahu hammaachuu danda'a," jechuun ibsa Dr. Yaang.

Haata'u malee, qorannoon kun ragaalee seenaa qofa qorachuun, laaboraatooriitti yaalii dabalataa gochuun ragaa haaraa hanga fidutti waan mirkanaa'edha jechuun akka hin danda'amne dubbate.

Dubartii Sudaan daa'ima waliin

Madda suuraa, Getty Images

'Jijjiirama umurii' baayina ijoollee waliin

Argannoon kun haadhotii daa'imman baayyee qabanirratti sirriitti mul'ata. Haata'u malee, dubartoonni hunduu walqixa akka hin miidhamne agarsiisa qorannoon Dr. Yaang.

"Maatii guddaa warra qabaniifi beelli mudachuu kan jedhu yaadawwan alama ni jiraatu," jechuun ibsu Dr. Yaang.

Saayintistoonni waggootaaf bineeldota umurii gabaabaa qabaniifi daa'imman hedduu dahan ( antuutaafi ibisota), akkasumas xiqqoo dahanii waggoota dheeraa lubbu-qabeeyyii jiraatan (arba, qurxummii guddicha fi nama) ilaalchisuun bitaa itti galaa tureera.

Yaadni ka'umsaa jiru tokko humni seelota ijaaruuf gargaaruuf ture gara dahusaaf gargaaruutti jijjiiramuu isaatiin ta'uu agarsiisa; kun ammoo dullumaaf gahee ni qabaata.

Dubartoonni ammayyaa haala walfakkaatu kanaan ni miidhamuu?

Argannoowwan dubartoota waggaa 200 dura turanirraa fudhatame haadhotii jaarraa 21ffa keessa jiranirratti kan raawwatu ta'uu danda'aa?

"Sirnoonni eegumsa fayyaa hangas mara cimaa wayita hin turretti seenaa sana keessatti waan kana arguun barbaachisaadha," jedha Dr. Yaang.

"Dubartoonni yeroo sana keessa turan giddu-galeessaan ijoollee afur ykn shan kan qaban yoo ta'u, kun ammoo baayyina ijoollee yeroo ammaa jru waliin walirraa fagoodha."

Baroota 1800oota keessaa kaasee, lakkoofsi ijoollee maatii keessa jiranii addunyaarratti baayyee hir'ateera.

Bara 2023 keessa giddu-galeessaan dubartiin tokko ijoollee lamaa ol qabdi.

Jijjiiramni kun ammoo barnoota waliin gahuutiin, dhiyeessii malawwan ulfa ittisuutiin, akkasumas du'aatiin daa'immanii hir'achuutiin kan wal qabatudha.

Haata'u malee, biyyoota akka Niijer, Chaad, Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa keessa dubartoonni jiraatan ammayyu taanaan yoo xiqqaate ijollee afur dahu.