Dubartoonni maaliif dhiirota caala infekshinii ujummoo fincaaniin qabamu?

Dubartii miira dhukkuubbiitiin teessoo mana fincaanii irra taa'aa jirtuudha.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Infekshiniin ujummoo fincaanii haala jireenya dubartootaa haalaan miidha

Mana fincaan waan isin muddee isiniitti fakkaatee yoo mana fincaanii geessan garuu omtuu bahaa hin jiruu? Yoo fincaan fincooftan miira qaama keessa gubuutu isiniitti dhagahamaa jiraa?

Kun tarii mallattoolee infekshinii ujummoo fincaanii (urinary traction infection (UTI)) keessa tokko ta'uu mala. Yeroo tokko tokkos kan yaadameen ol cimaa ta'e isin dhiphisuullee danda'a.

Addunyaarratti waggaatti namoonni miiliyoona 400 ta'an infekshinii ujummoo fincaanii akka qabaman tilmaamama.

Infekshiniin kunis saala lamaaniifi daa'imman kan qabu yoo ta'u, yeroo baayyee dubartoota irratti hedduumata. Addunyaarratti dubartoonni wallakkaan jireenyasaanii keessatti yeroo ta'e infekshinii kun ni mudata.

Dhukkuubni gosoota infeekshinii addunyaarratti baraman keessaa baayyee kan barame ta'e kunis, gaaffiin bara ammaa yeroo baakteeriyaan farra qoricha dandamatu itti baayyatu kanatti attamiin haala mirkaa'een ofirraa ittisuun danda'ama kan jedhu kaasaa jira.

BBCn waa'ee dhukkuba kanaarratti maal hubachuu akka qabnuufi ofirra ittisuuf maal gochuu akka qaburratti ogeessa dubbiseera.

Maddi Infekshiniin Ujummoo Fincaanii (UTI) maaliidha?

Infekshiniin ujummoo fincaanii kan sirna fincaanii jechuunis, kalee, afuuffee fincaanii fi ujummoo fincaan haalaan miidhuu danda'a.

Yeroo baayyee infekshiniin ujummoo fincaanii kan mudatu baakteeriyaa karaa ujummoo fincaanii (urethra)n seenutiin.

Keessattuu baakteeriyaan sirna bobbaa keenya keessatti argamu fi (E.coli) jedhamuun beekamu kanaaf madda ijoodha.

Sababii ujummoon fincaansii dubartootaafi shamarranii kan warra dhiiraa irra gabaabaa ta'ef infekshinii kanaaf saaxilamoodha.

Akkasumas durbatoonni yoo umurii dahumsaa keessaa bahaniitti sababii sadarkaan ostrojiniin isaanii gad bu'uuf carraa infekshinii ujummoo fincaanii kanaaf saaxilamu isaanii olaanaadha.

Hormoniin ostirojiin kunis akka naannawa qaamaa wal hormaataatti baakteeriyaan fayya qabeessoo ta'an akka baayyatan gochuurratti gahee qaba.

Kana jechuunis ostirojiiniin gadi bu'uunsaa ammoo carraan saaxilamuu dubartoonni sun qaban dabala.

Mallattooleen isaa maaliidha?

Mallattooleen infekshinii ujumoo fincaanii namootarraa namatti garaa garadha. haata'u malee, mallattoleen UKtti Tajaajilli Fayyaa Biyyaaleessaa kaa'e baraman jiru. Isaanis:

  • Yeroo fincaan fincaa'amu guubuu ykn dhukkubbii
  • Kana barameen ala dafanii ykn yeroo baayyee fincaa'uu barbaaduu
  • Fincaan boora'aa ykn
  • kan dhiigaan makame fincaa'u.
  • Miira cinniinnaa garaa gadiirratti, dugda rratti dhagahamu
  • Gubaa qaamaa cimaa fi qorri namatti dhagahamu ykn kirkirsuu
  • Dadhabbii namatti dhagahamu

Maanguddoonni infekshiniin ujummoo fincaaniin qabaman tarii miirri burjaaja'u mudachu danda'a. Daa'imman ammoo bakka rafaniitti of jalatti fincaa'uu ykn ol deebisiisuun mallattoolee infeekshinii keessaa muraasa ta'u mala.

Infekshiniin kun ofumasaatiin baduu danda'aa?

Dubartii garaan kan dhukkube fakkaatuu fi kiniinii harkatti qabattee taa'aa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Antiibaayitiksiin qorichoota infekshiniin kun itti yaalamu kan duraati
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hospitaala gadaameessaafi ulfaa Landaniitti argamu Wiintingatanitti ispeshaalistiifi gorsaa kan ta'an Dr Raajishiindar Kaahisiriyaa, ''dubartoonni muraasni wallaansi omaatuu hin barbaachisu. Dandeettiin dhukkuba ittisuu isaanii akka infekshiniin ujumoo fincaanii akka fayyu taasisa. Dubartoonnu muraasni ammoo qoricha fudhachutu isaan barbaachisa'' jedhan.

Maaliif haalli kunneen lamaan akka jiraatan irratti garuu hanga ammaatti ifa miti.

Addunyaarratti baakteeriyaan qorichoota dandamatan dabalaa dhufuusaatiin wal qabate, qorattoonni gaaffii kana gaafatu.

Dhukkubsattoota qorichi farra baakteeriyaa ajajamuuf keessaa infeekshiniin ujummoo fincaanii kan duraa yoo ta'u, filmaata biraa barbaacha qorannoon hojjatamaa jira.

Dr Kaatiriin Keenaan Baha Afriikaa Taanzaaniyaa, Keeniyaa fi Yugaandaa keessatti infekshinii ujummoo fincaanii qoricha dandamatan irratti qorannoo gaggeessaniiru.

Namoota wallaansa barbaacha gara dhaabbilee fayyaa dhaqaniifi qorannoodhaaf fincaan isaanii fudhatame keessaa wallakkaa kan ta'an qofti infekshinii qorichoota adda addaa dandamatuun qabamaniiru.

Qaaniifi saalfiidha jedhamee yaadamunsaa waa'ee dhukkubichaafi mallattoolee isaa irratti akka hiriyoota waliin hin mari'annee akkasumas wallaansa barbaacha gara hospitaalaa deemurraa dhorkeeniira.

Dr Keenaan ''mallattooleen isaanii kan quunnamtii saalaa waliin wal qabatu ta'u danda'a jedhanii yaaduudhaan ykn hiryaa gaa'ilaasaanii irraa akka itti darbe ykn nama biraa bira dhaquudhaan ykn hiriyaa gara biraa qaba jedhamee waan yaadamuuf wallaansaafis ta'e dubbachu irraa of qusatu'' jedhan.

''Namoonni 'qqama koorratt rakkoon attamiin akka jiru hin beeku, rakkoon na mudataa jira.' Loogeeffamuufi abdiii kutannaa akkasii waliinan jiraadha.''

Kanneen umuriinsaanii waggaa 50 ol ta'e fi kanneen infekshinii ujumoo fincaanitiin dhukkubsatan ammoo mukaa'uu, dhiphinaaf kan saaxilaman ta'usaanii qorannoowwan ni agarsiisu.

Infekshiniin ujummoo Fincaanii ni darbaa?

Infekshiniin ujumoo fincaanii kan namootarraa namatti hin dabarree fi dhibee karaa quunnamtii saalaatiinis kan hin dabarreedha.

Haata'u malee quunnamtii saalaa raawwachuun baakteeriyaan akka karaa bobbaa irraa gara gara qaama fincaanii seenu ni taasisa.

Tajaajilli Fayyaa Biyyaaleessa UK, quunnamtii saalaa akkuma raawwataniin battalumatti fincaan fincaa'uun akka baakteeriyaa ujumoo keessa seene baasaniif ni gargaara jedha.

Namoota irra dedebiin infekshinii ujumoo fincaanitiin dhukkubsataniif, ogeessoonni fayyaa quunnatii saalaatiin booda batalatti qoricha farra baakteeriyaa akka fudhataniif ajajuu danda'u.

Infekshiniin kun attamiin wallaanama?

Dubartii saamuda fincaanii harkatti qabate tokko

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doktarri tokko saamuda fincaanii kee akka laaboraatoorii keessatti akka xiinxalamu akka kennitu si gaafachuu danda'a

Infekshinii Ujumoo Fincaanii adda baasuudhaaf 'malli gaariin' qorannoo fincaanii taasisuu yoo ta'u, kunis baakteeriyaan kun amma infekshinichaaf sababii ta'e fi qorichi kam fayyisuu akka danda'u sirriitti adda baasuuf gargaara.

Bu'aa kanarratti hundaa'unis ogeessoonni fayyaa dhukkubsataa qorich kam haala gaariin gargaaruu akka danda'u murteessu.

Ogeessoonni tokko tokko garuu infekshinii kanaaf qorannoo taasisuun kan yeroo irra darbeedha jechuun falmu.

Kanarra hakiimoonni mallatoolee dhukkubsattootaa fi seenaa wallaansaa ilaaluu qabu jedhu.

Qorannoon fincaanii bara 1950motatti kan saayintistii Edwaard Kaasiin argame yoo ta'u, yeroo sanatti haala odeeffannoo dubartii ulfaa infekshinii kaleetiin qorannoo taasisuu egalaniiru.

Dr Kaahisiriiyaan ''ulaagaa walfakkaatu fudhachuudhaan dubartoota ulfa hin taane qoranna. Dubartoota umurii kam keessattuu argaman, dhiiroota, daa'imman, dargaggoota, nama kamuu ni qorannaa'' jedhu.

Yoo akka infekshiniin kanaan dhukkubsachuu kan shakkitan ta'e, ogeessi fayyaa maal gochuu akka qabdan gorsa gaafachu qabdu.

Infekshinii UTI irra dedebiin mudatu attamii haa ittifnu?

Ciinfaa kiraanbeerii infeekshiin kana ni fayyisa ilaalcha jedhutu jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ciinfaa kiraanbeerii infeekshiin kana ni fayyisa ilaalcha jedhutu jira

Dubartoonni parsantaa 25 ta'an infekshiniin ujumo fincaanii kun irra dedebiin akka mudatu amanama.

Waggaatti yeroo sadii ykn baatii jahatti yeroo lama kaan ammoo isaan oli akka isaan mudatu amanama.

Infekshinii dubartoota ulfa hin taane irratti mul'atu ittisuudhaaf cuunfaani Kiraanbeerii gaarii ta'u odeeffannoon agarsiisuu jiraatulleen, qorattoota hunda biratti irratti walii hin galamne.

Tajaajilli Fayyaa Biyyaaleessa UK infekshinii Ujumoo Fincaanii ittisuudhaaf akkas jechuun ummata gorsa:

  • Erga mana fincaanii fayydamtaniin booda gara boodeetti qulleeffachuu ykn xaragachuun tamsaasa baakteeriyaa ni ittisa.
  • Naannoo qaama saalaa gogaa fi qulqulluu taasisuu
  • Dhangala'aa gahaa keessttuu bishaan baayinaan dhuguu. Kunis baakteeriyaa sirna fincaanii keessaa baasuuf ni gargaara.
  • Yoo fincaan isin qabuutti osoo hin qabatiin yeroo fincaa'u, afuffee fincaanii guutummaatti duwwaa taasisuu.
  • Quunnamtii saalaa duraafi booda fincaa'uun baayyee barbaachisaadha.
  • Paantiiwwan jirbiirraa hojjataniif kan nama hin qabneetti fayydamu.

Infekshinii irra dedebiin mudatu ittisuudhaaf qorichoota farra baakteeriyaa xixiqqaa fudhachuun filmaata ta'usaa dhaabbanni Ingiliiz 'Health and Care Excellence (NICE)' ni gorsa.

Infekshiniin ujumoo fincaanii hundee fageeffate maaliidha?

Infekshiniin Ujumoo Fincaaniin yeroo garaa garaatti irra dedebiin mudatu akkuma jiru hundaa, kan hundee gadi fageeffate jedhamu ykn kan yeroo dheeraaf turu ykn infekshiniin ujumoo fincaanii namoota waliin yeroo dheeraaf jiraatu jira.

Mallattoonni namoota infekshinii akkasiitiin qabamanii yeroo ueroon jijjirama.

Qorannoowwan akka agarsiisaniitti haalawwan tokko tokkootti baakteeriyaawwan afuuffee fincaanii weeraruudhaan seelii qaama keessa keessa dhokachu danda'u.

Baaketeriyaawwan keenyaa fincaaniitti maxxanuudhaan haguuggii ittisaa baayoofiilm (biofilm) jedhamu jala dhokachuu danda'u. Kunis qaamni keenya dandeettii dhukkaba ittisuu fi farra baakiteeriyaa akka dadhabu taasisa.

Namni tokko infekshinii ujumoo fincaanii hundee gadi fageeffate (chronic) ta'e attamiifi maaliif akka qabame doktar kaahisiriyaa fi qorattoonni biraa dhimma adda baasuuf barbaadaniidha.

''Infekshinii ujumoo fincaanii irratti qorannoon gahaan waan hin hojjatameef hanqinni odeeffannoo kan jiru natti fakkaatu. fayyaa dubartootaa irratti qorannoo gahaan hojjatame hin jiru'' jedhan.