MM Bangilaadesh Sheek Hasinaa mormitoonni masaraa weerarraan biyyaa baqatan

Ministirri Muummee Bangilaadash Sheek Hasiinaa hiriirtonni masaraa mootummaa weerarraan aangoo gadhiisanii biyyaa baqatan.

Bara 2009 aangoo kan qabatan MM Hasiinaa battala mormiin hammaatee, hiriirtonni masaraa mootummaa seenanitti helikooptaraan gara Indiyaa magaalaa Agartala akka balali'an BBC Bengali gabaaseera.

Taatee kana booda Hoogganaan humna waraanaa biyyattii Jenaraal Waker-Uz-Zaman lammiilee biyyattiif haasaa taasisu jedhamanii eegamaa jiru.

Garuu yeroon qondaalli waraanaa kun haasaa ni taasisu jedhamee eegame barfateera.

Barfannaasaanii kanaaf wayita deebii kennan, ''qaamolee dhimmi ilaallatu'' waliin mari'achuu waanan qabuuf jedhan.

Boodarra garuu ibsa kennaniin mootummaan ce'umsaa akka uumamu beeksisan.

Pirezidantii biyyattii Mohammad Shahabuddiin waliin mari'achuun haala akka aanjessan fi dhuma guyyichaatti biyyattiif furmaata akka argamsiisan dubbatan qondaalli waraanaa kun.

Paartilee morkattootaa waliinis dubbachuu himan. Garuu eenyu akka mootummaa hoogganu hanga ammaa ifa miti.

Hiriirri Bangilaadash erga eegalamee bubbuleera, har'a garuu magaalaa Dhakaa keessatti wayita mormitoonni kumaatamaan lakkaa'aman ba'an ministirri muummee biyyattii aangoo gadhiisanii baqachuuf murteessan.

Taateen kun mudachuu guyyaa tokko dura poolisoonni namoota hiriira ba'aniin walitti bu'uun hiriirtota keessaa yoo xiqqaate namoonni 90 ta'an du'aniiru.

Hiriirtonni gariin mana jireenyaa Ministira Muummee Hasiinaa kan magaalaa Dhakaa keessatti argamu haleelaa turan.

Hiriirtonni iddoo jireenyaa mm Hasiinaa seenuun weeraruu qofa osoo hin taane saamaa turan.

Suuraalee fi viidiyoon idodo jireenyaa mm Hasiinaa magaalaa Dhakaatti argamu keessaa ba'aa jiran wayita hiriirtonni ol seenuun meeshaalee garaagaraa fudhatan mul'isu.

Gariin teessumaa fi soofaa akkasumas meeshaalee kaan iddoo jireenyaa Ganabhaban keessaa guurratanii wayita ba'an mul'atu.

Hiriira mormii ji'a darberraa eegalee gaggeeffamaa tureen aanga'oonni mootummaa hiriirtota irratti humna fayyadamuun hanga yoonaa namoota 300 ta'an ajjeesaniiru.

Hiriirri mormii kun mootummaarratti kan eegale ji'a darbe keessa yoo ta'u ka'umsi isaas gaaffii barattoonni hojii mootummaa kootaadhaan kennuun akka hafu gaafatanirraati.

Hiriirri kun wayita jalqabu naga qabeessa ture. Booda garuu guutummaa biyyattiitti hiriirri mormii mootummaarratti eegalame.

Hiriirri kun babal'achuun kutaalee biyyattii keesatti hookkara uume. Ministirri Muummee biyyattii akka aangoo gadhiisanis gaaffiin eegalame.

MM Sheek Hasiinaa maaliif gara Indiyaatti baqachuu filatan?

Gabaasonni ba'aa jiran Ministirri Muummee Bangilaadesh Sheek Hasiinaa gara biyya ollaasaanii taate Indiyaatti baqachuu mul'isu.

Waggoota darbaniif Indiyaan michuusaanii turte, michummaan kun amma bu'aa buuseef.

Bangilaadesh kutaalee kaaba-baha Indiyaa hedduu waliin daangaa qooddatti. Bulchiinsonni Bangilaadesh daangaa Indiyaatti argaman hedduun hidhattoota waliin wal'aansoo keessa turan.

Indiyaa waliin hariiroo mishaa qabaachuun gama kanaan Bangilaadesh fayyadeera.

Sheek Hasiinaan wayita bara bulchiinsa isaanii keessatti hidhattoota Bangilaadesh keessa jiraatanii faallaa Indiyaa dhaabbataniin lolaa turan.

Kun ammoo michummaa Delhii waliin qaban akkaan cimse.

Sheek Hasiinaan bara 2022 wayita Indiyaa daawwatanitti biyyi,mootummaa fi humni waraanaa Indiyaa, erga bara 1971 Bangilaadesh walabummaashee gonfattee kaasanii, akkamiin akka isaan cinaa dhababachaa turan uummatasaaniif ibsanii ture.

Haata'u malee michummaan isaan Delhii waliin qabanii fi gargaarsi isaan argatan kun mormitoota biratti hedduu qeeqameera.

Rogeeyyiin akka jedhanitti Indiyaan paartii osoo hin taane uummata Bangilaadesh gargaaruu qaba ture.