Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wal-himannaan Itoophiyaafi Ertiraa maaliif amma hammaate, garamitti deemaa jira?
Mootummaaan Itoophiyaa Ertiraan loltootashee daangaa Itoophiyaa keessa seeraan ala jiran akka baastu waamicha dhiheesse.
Xalayaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaan barreeffamee gaafa Guraandhala 7,2026 bahee fi mallattoo Ministira Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ofirraa qabu Ertiraan loltootashee Itoophiyaa keessa tursiisuun kan dubbii hammeessu ta'uu ibse.
Ertiraan waraanni koo daangaa Itoophiyaa hin seenne, hidhattoota Itoophiyaas hin deeggarre jechuun waakkatte.
Gaafa Sambataa Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa gita isaanii Ertiraa Osmaan Saaleef xalayaa barreessaniin, Ertiraa badiin himataniiru.
Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaas mariin furuuf yaada dhiheessiteetti.
Ertiraan garuu ibsa baasteen himannaa Itoophiyaa ''hiika hin qabu'' jechuun deebiste.
Mootummaan Ertiraa deebii kenne kanaan himannaan Itoophiyaan 'loltoonni Ertiraa daangaa koo keessa jiru' jedhu, "sobaafi dhugaarraa kan fagaatedha" jechuun xalayaan Itoophiyaan ittiin gaffii dhiyeessite kun "akkaataan itti dhiyaateefi qabiyyeen isaa kan nama ajaa'ibu" akka ta'e ibseera.
Yeroo biyyooti kuni wal himataa jiranitti ammoo TPLF mootummaan federaalaa waraana marsaa biraa Tigraayitti banuuf qophaa'aa jira jechuun himate.
Gareen kun ibsa Wiixata, Guraandhala 09 baaseen kana kan beeksise yoo ta'u, naannoo Tigraay keessatti waraana marsaa biraa eegaluuf mootummaan federaalaa qophii guddaa gochaa akka jiru himeera.
Biyyoota lamaan gidduu haalli jiru amma maaliif hammaate?
Saayinsii siyaasaan barataa digirii sadaffaa kan ta'an Darajjee Yimar, xalayaan kuni waan hin eegamne jedhu.
Loltoonni Ertiraa kanaan duras daangaa Itoophiyaarra akka turan yaadachiisuun, amma maaliif gama Itoophiyaan himannaa banuun akka barbaachise xiinxalaniiru.
Itoophiyaan Galaana Diimaa ija irra buufatteerratti haala mijeessuuf yaaddeetu jedhu.
Haatahu malee, Galaana Diimaa sababa gochuun lolatti galuun hawaasa idil-addunyaa irraa mormii hordofsiisuu danda'a jedhan.
''Seera idiladdunyaan, waliigaltee Aljeers kanaan dura tureen wal qabatee Itoophiyaa rakkoo keessa galchuu waan danda'uuf kanaan lolatti seenuun ishee hin baasu.''
Sababni lolatti galuuf Itoophiyaan fayyadamuu dandeessu waan chaartara UN irra taa'edha jedhan xiinxalaan kuni.
''Biyyi tokko walabummaasheerra balaan aggaamameera taanaan battala kamirrattiyyuu aangoo guutuu sana ofirraa deebisuu qabdi,'' jechuun ibsu.
Itoophiyaan birmadummaan ishee balaarra akka bu'e eeruun mootummaan Ertiraa Itoophiyaa waan seeneef humna kamuu yoo fayyadamte balaaleffannaa ''hawaasa idila addunyaa irraa ishee eeguun dabalataan dhiibbaa dippiloomaasii itti hin fidu,'' jedhan.
Gama kaaniin, Xiinxalaan Siyaasa Gaanfa Afrikaafi dhimma Itiyoo-Ertiraa irratti digirii isaa sadaffaa kan qorate Dr Nagaraa Guddataa mootummaan Itoophiyaa walitti bu'iinsa lixa Tigraay tibbanaa addatti Ertiraan harka qabdi jedhee yaada jedhu.
Lolli isaan jedhan kunis isa torbee tokko dura TPLF, mootummaa federaalaafi humnooti TPF Affaar keessa buufatan lixa Tigraayitti wal haleelanidha.
Gama biraan ''loltoonnifi basaastonni Ertiraa qabamaniiru odeeffannoon jedhus waan jiruuf mootummaan sodaachisuudhuma barbaadeti,'' jechuun ibsu.
Hayyuun kuni Itoophiyaanis tahe Ertiraan waraanatti seenuudhaaf ''qophii waan qaban natti hin faakkatu,'' jedhan.
Inumaa ibsa walirratti baasuu, agarsiisi waraanaa, meeshaalee waraanaa fe'anii olii gadi marmaarsuun ''waraana jalqabuuf osoo hin taane waraanni akka hafuu gochuufis ammoo ni akeeka,'' jechuun ''adabadhu jechuun wal doorsisuuf'' tahuu mala jedhan.
Amalli mootummaa Ertiraa wal nama hin gaafachiisu kan jedhan Dr Nagaraan ''Ertiraan biyya biraa keessaa giddu hin galtu mormiin jedhu hin jiru,'' jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa ammoo ''yeroo dheeraaf obsumaan darbuu waan filate fakkaata,'' jechuun, ''amma gidduugaltummaan isaanii waan dabaleef xiqqoo dubbii jabeessuu waan barbaadan fakkata,'' jedhan.
Daawwannaa Ministirri Hajaa Alaa Sa'udiitti taasisan booda ibsi kuni bahus sababa tokko tahuu malas jedhan Dr Nagaraan.
Irra caala garuu Ertiraadhaaf ''akeekkachiisa dhumaa tahuu danda'a kan jedhan jiru'' jechuun haalicha ibsu.
Itoophiyaan kanaan duras UN dabalatee qaamota kaanitti Ertiraa himachaa turte.
Wal-hubannaa mootummaa Saa'udii waliin qabaniin mootummaa Ertiraa wajjin kallattiin dubbachuu waan fedhan fakkaatas jedhaniiru.
Warri Ertiraas kanaan dura yeroo mootummaan Itoophiyaa ibsa baasu isa akka qoosaatti ilaalu ture amma garuu motumma Itoophiyaa jedhanii ''afaan dippiloomaasii qulqulluu fayyadaman,'' jedhu Dr Nagaraan.
Saa'ud Arabiyaan gidduu seentee tasgabbeessa waan turteef akkasumas waraana bobbaasuufi ibsa baasuun biyyoota lamaanii kunis ''qaamni biraa gidduu seenee akka tasgabbeessuuf tahuu danda'a,'' jedhan.
Dhaaboti idli addunyaafi naannoo kanneen akka IGAD, Gamtaa Afrikaafi UN boodana biyyoota lameen kana maaliif ''dhiisaa'' jechuu didan jechuun Dr Nagaraa BBC'n gaafateera.
Itoophiyaafi Eritiraan irra deddeebiin waggoota lamaan darbaniif ibsa walitti baasaa waan turaniif dhaaboti kunneen ''waan kuni waan qabatamaa tahuuf dhiisuu waan baruu dadhabaniif callisuu malu, nuffaniis tahuu danda'a'' jedhan.
Kana malees dhaaboti kanneen akka UN fi Gamtaa Afrikaa yerootti diinagdeedhaan laaffataa dhufaniifi dhimma Sudaan, Yukireeniifi Gaazaan kan ko'ommatan tahuu ibsan.
Haa tahu malee nageenya naannoo sanaaf biyyooti lamaan ''waraan cimaa qabu jedhamanii waan yaadamaniif,'' dhaabonni kunneen ibsa baasuu haa baataniyyuu malee hinuma hordofu jechuun ibsan.
Xalayaan kallattiin ministara Dhimma Alaa Itoophyaan barraa'e, kuni waan akeeku qabaa jechuun BBC'n xinxaalaa kana gaafateera.
Ministirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saaleh kana dura ejjennoo Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti mul'isaniin mootummaan isaanii mufatee ture.
Xiinxalaan deebii kana yoo deebisan akkaataa adeemsa dippilomasiitti kuni baratamaa ta'u himu.
Ta'us, aangawaan hajaaa alaa Ertiraa aangoo hammana qabu jedhanii akka hin yaadne himu.
''Osmaan Saaleh irra Ministira Odeeffannoo Ertiraatu aangoo guddaa qaba fakkaata,'' jechuunis himu.
Kunis ta'u, duree biyyaatti aanee aangoon guddaa Ministira Dhimma Alaa bira akka jiru eeruun ejjennoon xalayaan mul'ate gatii waan dhabe miti jedhu.