Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ertiraan gaaffii Itoophiyaan akka loltootashee baastuuf dhiyeessiteef deebii kennite
Ertiraan loltootashee akka daangaa Itoophiyaa keessaa baastuuf gaaffii mootummaan Itoophiyaa dhiheesseef deebii kennite.
Ertiraan deebii kennite kanaan atakaaroo biraa keessa seenuun dubbii hammeessuu hin barbaadu jechuun, gaaffii Itoophiyaan dhiyeessite fudhatama dhabsiisteetti.
Mootummaan Ertiraa deebii kenne kanaan himannaan Itoophiyaan 'loltoonni Ertiraa daangaa koo keessa jiru' jedhu, "sobaafi dhugaarraa kan fagaatedha" jechun xalayaan Itoophiyaan ittiin gaffii dhiyeessite kun "akkaataan itti dhiyaateefi qabiyyeen isaa kan nama ajaa'ibu" akka ta'e ibseera.
Mootummaan Itoophiyaa karaa xalayaa Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii barreesseen loltoonni Ertiraa akka ba'an akeekkachiiseera.
Xalayaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaan barreeffamee fi mallattoo Ministira Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ofirraa qabu Ertiraan loltootashee Itoophiyaa keessa tursiisuun kan dubbii hammeessu ta'uu ibse.
Xalayaan Guraandhala 7, 2026 akka barreesse ibsu kun ''humnoonni Ertiraa erga karaa daangaa waloo keenyaan lafa keenyatti ce'anii qubatanii turaniiru. Mootummaan Ertiraas hidhattoota adda addaa Itoophiyaa keessa socho'an tumsaa tureera, tumsaas jira,'' jechuun himata.
''Sarbamni daangaa fi birmadummaa biyya keenyaa kun akka dhaabbatu, haalonni akka sirratan waamicha dhiheessaa turreerra. Garuu Eertiraan waamicha kanaaf bakka hin kennine,'' jedha xalayaan kun.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa erga xalayaan kun ba'ee booda deebii kenneen, qabiyyeen xalayaa kanaa himannaa sobaa bu'uura hin qabnee fi arbeeffamee haala nama ajaa'ibsiisuun kan barreeffamedha jedhe.
Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa, xalayaan kun yoo ilaalan qabiyyeensaa bareedaa fi waan waliigalaa waan qabate fakkaata jedhe. Haata'u malee, haala nama gaddisiisuun himannaa fudhatama hin qabne kan Ertiraarratti dhiheessedha jedheera.
Inumaa xalayaan kun duula jibbiinsaa fi balaaleffannaa waggoota lamaan darban Ertiraa irratti gaggeeffamaa ture keessaa akka tokko ta'etti fudhatama jedheera.
Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa kun, mootummaan Ertiraa atakaaroo kan biraa keessa seenuun rakkoo jiru daran hammeessuu fedhii fi karoora akka hin qabne ibse.
Akka xalayaan Itoophiyaan Ertiraaf barreessite ibsutti, guyyoota dhihoo as taateewwan mudataa jiran ammoo Ertiraan dubbii qabbanneessuurra dubbii hammeessuu filachuushee mul'isa jedha.
Loltoonni Ertiraa karaa kaaba bahaan Itoophiyaa seenuu fi kallattii kaaba lixaan ammoo hidhattoota faana shaakallii fi leenjii waraanaa gaggeessuu himate xalayaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa kun.
''Gochi Ertiraa kun dubbii kakaasuu qofa osoo hin taane weerara kallattiin raawwatamaa jiruudha,'' jechuun himata.
Gocha fudhatama hin qabne kana hambisuuf mootummaan Ertiraa loltootasaa hatattamaan akka daangaa Itoophiyaa keessaa baasuu fi deeggarsa hidhattootaaf taasisu kamiyyuu akka dhaabu gaafateera xalayaan kun.
Xalayaan Itoophiyaa kun seenaan hariiroo biyyoota lameenii walakkaa jaarraaf waraanaan kan walqabatu ta'uu eeruun, rakkoo waggootaaf hundee jabeeffate kanas marii fi marabbaadhaan furuun akka danda'amu kaaseera.
Mootummaan Itoophiyaa akka walabummaan daangaa fi birmadummaan biyyasaa kabajamuuf gaaffii gaafateef yoo deebii sirrii ta'e argate dhimmoota dantaa biyyoota lamaa ta'an hundarrattuu mari'atee waliigaluuf qophii ta'uus ibsa xalayaan kun.
Biyyoonni lameen yeroo waraanni Kaaba biyyattii Tigraayitti gaggeeffamu waltumsaa turan. Amma wal himannaa cimsaniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad kora paarlaamaa biyyattii Kibxata, Guraandhala 3, 2026 taa'amerratti wayita haasawa taasisan loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay keessatti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu himaniiru.
Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa sababa Itoophiyaan ulaa galaanaa gaafatteef osoo hin taane, yeroo waraanaa waan adeemaa tureen rakkoo seenuu dubbatan.
Waraanni Ertiraa Tigraay keessatti badii raawwataa ture mormuun irra deddeebiin jila gara Asmaraa erguu dubbatan Ministirri Muummee Abiy.
Aksum dabalatee, ajjeechaa raawwachuun yeroo jalqabaaf waraana Ertiraa kan yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa isaan dura dhaabate himataniiru.
MM Abiy wayita waraanni gaggeeffamaa ture sanatti loltoonni Ertiraa yeroo qabeenya kaan saamaa, kaan ammoo barbadeessaa, akkasumas namoota ajjeesaa turanitti Itoophiyaa waliin wal dhabaa turuu kaasan.
Wadhabdeen keessa keessa hammaataa dhufe sun ammoo gaafa waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'ee waraanni dhiiga dhangalaasaa ture dhaabbate Ertiraan waraanni maaliif dhaabbataan ifatti mormite.
Ertiraan dubbii gaggeessaa Itoophiyaa kanaaf deebii kenniteen, mootummaann Itoophiyaa yeroo waraanichi gaggeeffamu Ertiraa galateeffataafi medaaliyaa badhaasaa ture amma Ertiraa maqaa balleessaa akka jiru ibsite.
Ministiira Odeeffannoo Ertiraa kan ta'an Yamaanaa Gabramasqal X gubbaatti Itoophiyaa qeequun ibsa kennaniin, mootummaan Itoophiyaa paarlaamaa irratti dhiyaatee sobaafi waan dhugaarraa fagaate dhiyeessaa akka ture ibsan.
Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 20 ta'anif nagaanis waraannis hin jirre keessa erga turte booda MM Abiy Ahimadin araara buusanii ture.
Waliigaltee Piritooriyaa waraana Kaaba Itoophiyaatti dhiiga dhangalaase dhaabsiseen booda garuu hariiroon biyyoota lamaanii deebiyee hammaataa dhufeera.