Shamarree nama ishee gudeede ajjeeste irratti adabbiin murtaa’e

Amerikaatti shamarree nama ishee gudeede waraantee ajjeeste tokko irratti hidhaa waggaa shanii murteessuu manni murtii bulchiinsa Iowa beeksise.

Waggaa shanitti hidhaa baatus manni murtii ishee hordofa.

Shamarreen Piipar Leewis jedhamtu nama ganna 17 yoo taatu maatii nama ajjeefameef adabbii maallaqaa dolaara 150,000 akka kaffaltus itti murtaa’eera.

Namni na gudeedera jettee isheen ajeeste kun Zakaarii Biruuk yoo jedhamu bara 2020 yeroo isheen ganna 15 turteedha taaten kun kan raawwate.

Taatee kana kan raawwate namni kun humnaan waan isheetti dhufee fi osoo beektuu ofirraa ittisuuf akka goote mana murtiitti iyyattee turte.

Garuu kan isheen goote seeraan kan gaafachiisu fi hidhaa waggaa kudhanii kan adabsiisudha jedhame.

Hidhaa yeroo yaalii isheedhaaf kenname yoo cabisitee argamte ammoo hidhaa waggaa 20'tu ishee eeggata jedhame.

Hidhaan yeroo yaalii kun Fulbaana 13, 2022 kan itti murtaa’e yoo ta’u mana jireenyaa keessatti hordoffiidhan akka turtuu fi meeshaa ittiin sochii ishee to’atan akka godhattus itti murtaa’uu abbaan murtii mana murtii dhaddacha Kaawuntii Poolk, Deevid M Poortar himaniiru.

“Jireenyikee waggoota shanan itti aananii seerota ati itti walii hin galleen akka kabajjuun kan guutameedha. Kuni carraa lammaffaa ati kadhattee siif kennameedha. Carraa sadaffaan siif kennamu hin jiru,” jechuun abbaan murtii Deevid itti himan.

Qarshii maatii Biruukif akka kaffaltu itti murtaa’e ilaalchisee akka seera Ayowaatti “manni murtii kun filannoo biraa hin qabu” jechuun dubbatan.

Barruu Asooshiyeetid Pirees irratti akka barreeffametti, “Lubbuun koo na keessatti dhiphattee jirti, hafuurri koo boba’aadha, akka abiddaa. Garuu ammoo osuma na arganuu nan ifa, nan guddadha,” jette Piipar Leewis.

“Ani nama [gudeeddii] irraa baraarameedha,” jechuun dabaltee dubbate.

Bara 2020 keessa Piipar Leewis namichi wayii daldala saal-qunnamtiif ishee fuudhee qaama biraatti ishee dabarsee ture.

Isheenis namoota miidhaa irraan gahan kana harkaa baduun bakka nageenyi isaa hin eegamne varandaa manaa wayiirra rafti ture.

Akka isheen mana murtiitti himtetti namoota kana keessaa kan yeroo heddu ishee gudeede nama Biruuks jedhamu kan ganna 37 ture.

Yeroo umuriin ishee ganna 15 bara 2020 ji’a Waxabajjii keessa namicha ishee gudeede kana si’a 30 ol waraanun ajjeefte.

Shamarreen namicha ishee gudeeduf jedhe ajjeesuu amanuun sababa ajjeeftef irratti gochaan ishee sirrii ta’uu isaa falmitee turte.

“Ani nama lubbuu namaa baasera. Guyyaa sana lubbuu namaan ajjeesa jedhee itti yaadee hin baane. Sammuu keessatti nageenyi akka natti hin dhagahmnee fi rakkoo guddaa keessa galee akkan jirun hubadhe. Kana jechuun yakki hin dalagamne jechuu koo miti,” jette.

Poolisoonni fi abbootin alangaa shamarree irra miidhan saal-qunnamtii fi yakki daddabarsa saal-qunnamtii irratti raawwachuu mormii hin kaasne.

Qorattoonni yakkaa kun akka jedhanitti, namichi ajjeefamu Biruuks yeroo sana rafaa akka turee fi yaaddoo akka isheetti ta’ee hin turre mana murtiif dhiyeessan.

Bulchiinsota US heddu keessatti namni yakki daddabarsa saal-qunnamtii irratti raawwate tokko of oolchuf jecha tarkaanfii yoo fudhate seera bilisa isaan godhu hojiirra oolchanii qabu.

Haa ta’u malee seerri kun ammayyuu Isteeta Ayowaa keessatti falmisiisaa ta’ee itti fufeera.