Awustiraaliyaa: Aappiin saal qunnamtiif eeyyama kennuu agarsiisuuf qophaa'e falmii kaase

Torbaanoota dhihoodhaa asitti, haleellaa fi xuxxuqaa saalaa akkasumas miidhaa dubartoota irra ga'uu Awustraaliyaatti ijoo dubbii ta'eera.

Wiixata darbe namootii kumaatamaan lakkaa'aman haleellaa saalaa irratti mormii dhageessisuuf hiriira gaggeessaniiru.

Hiriira kana hordofee, komishiiniin poolisii Niiw Sawuuz Weelsi (NSW) dirqiin gudeeduu hirrisuuf appii saal qunnamtiif eeyyama kennuu agarsiisu itti fayyadamuuf yaada dhiheesse.

Komishinar Miik Fuular namootni saal qunnamtii raawwachuun dura walii galtee isaani appii kan keessatti galmeessisuu qabu jedhu.

Himannaa miidhaa saalaa mana murtiitti dhiyaatu irratti eyyama kennuufi dhiisuu mirkaaneessuun rakkoo ta'eera, appiin kun namoota miidhamaniif haqa kennuuf ni gargaara jedhu Fuular.

Himannaa haleellaa saalaa 15,000 bara darbe poolisii NSWtti gabaasaman keessaa %10 gadi kan ta'an qoofaatu seeraan himati irratti baname jechuun dubbatan.

Gartuuleen mirga dubartootaaf falman garuu appiin kun darbeeyyuu rakkoo dabalataa uumuu danda'a jechuun mormii isaanii dhageessisaniiru.

Waligalteen erga galmaa'ee booda namni tokko yaada isaa yoo geeddare bu'aa hin qabaatu ykn ammo sobaan namni eyyamaa sana galmeessuu danda'a jedhu.

"Namni gudeeddii raawwatu dirqisiisee eyyama sana galmeessuu danda'a," jechuun hoggantuun taajajila dubartoota haleellaa irraa kunuunsu NSW Tiwiitara gubbaatti barreessiteetti.

Dubartoonni ogeeyyii seeraa ta'anis dubartoota miidhaan irraa ga'eef seera foyyeessuufi beekumsa kennuu waliin yoo madaalamu appiichi bu'aa kan hin qabne jechuun mormaniiru.

"Appii kana hin barbaanuu, fedhii hin qabnu, wantii nu barbaanuu fooyya'uu eyyama seeraa, barnoota, dhiiroonni waan fedhan argachuu danda'an yaadni jedhu akka dhaabatudha" jedhan Miseensi Paarlaamaa Jeenii Liihong.

Erga Denmaark waliigaltee ifatti raawwatuun ala saalqunnamtii raawwatu yakka erga jette booda appiin walfakkaataa dhaabbata dhuunfaatiin biyyattii keessa gadhiifamee ture. Ta'us guddaa qeeqame.

Awustiraaliyaatti tibbana himannaa gudeeddii paarlaamaa, manneen barnootaafi bakka hojiitti raawwataman jedhaman miidiyaalee gubbaa dhihaataa jiru.

Bulchiinsa guddoo Awustiraaliyaa, NSW'tti, shamarran fedhaan saal qunnamtii raawachuurratti kaarikulamii [sirna barnootaa] mana barumsichaarratti sirreeffamni akka taasifamu duula gaggeessaa jiru.