Karadeemaa waliin jiraachuun maaliif waan mijuu qabu tahaa dhufe?

Qaala'insi jireenyaa dabalaa waan dhufeef biyyoota lixaa keessatti nama kana dura hin beekne wajjin jiraachuun baramaa dhufeera. Hawaasa fedhii isaaniin karadeemaa wajjin mana tokko jiraatan faayidaafi dhiibbaa haala jireenyaa akkasiirratti dubbisneerra.

Karadeemaa wajjin jiraachuu? Mana fincaanii waloo, qodaa hin dhiqamne, otoo ati rafuu barbaadduu sirba sagalee guddiftuun mataa kee irraa sirbisiisuu fa'i danda'uu qabda.

Gatiin mana kiraa qaalii tahuu dabalataan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qofummaan dhimma fayyaa yaadessaa tahaa dhufe jechuun labseera. Karadeemaa waliin mana kireeffatanii jiraachuun dhimma xiyyeeffannoo miidiyaa argachaa jiru dha.

Namoota kaan wajjin mana qoddachuun badiisaarra gaarummaansaa caala taha, gaaffiin garuu hawaasni kanaaf qophii dhaa waan jedhu dha.

Roozii Keet shamarree ganna 30 Landan jiraattu yoo taatu waa'ee nyaataa katabuun ammoo oguummaasheeti. Bara 2020tti jaalalleeshee wajjin yeroo adda baate iddoo buufattu haaraa otoo barbaadduu gamoo durii tokko miidiyaa hawaasaarraa argatte.

Gamoo yeroo indaastirii biyyattiitti babal'atee ijaarame kana keessa jiraataa 100 oliitu jira. Akkaataan isheen mana argatte garuu adda dha.

Walgahii yeroo yerootti taasifnuun hirmaannaa hojii mana keessaa irratti namni itti hin tolle yoo jiraate ni mariyanna jetti.

Rooziin namoota jaha umriin isaanii waggaa 20 fi 30 keessa jiru wajjin jiraatti. Nyaata dabalatee baasii mana keessaaf torban torbaniin Yuroo 25 akkaawuntii baankii waloo keessa keewwatu.

Dabaree naqachuun guyyaa guyyaatti nyaata walii bilcheessu. Garee miidiyaa hawaasaa irratti miseensonni irbaataaf dhufuufi dhiisuu mirkaneessu. ''Nyaata naa hambisaa ykn immoo keessummaa fideen dhufa,'' jedhaniis himachuu danda'u.

''Namoota kaan wajjin jireenya waloo qabaachuun waan gaariinsaa tokko yeroo hunda namni naannoo kee jira,'' jetti Rooziin. Kireeffattoonni si waliin jiraatan akkuma maatiiti jechuun ibsiti.

''Namoota kanaan dura wajjin jiraadherraa miira gaarii akkasii argadhee hin beeku. Landan keessa kiraan manaa qaalii waan taheef iddoo bufattu argachuun rakkoo dha. Anaaf haalli itti jiraachaa jirru kuni sirna jireenya sitti ulfeessu malaan itti fayyadamuu dha,'' jetti.

Haalli jireenyaa kuni dhiibbaa mataasaas qaba. Rooziin yeroo qofaashee dabarsitu argachuuf ni rakkatti. ''Gabatee namni irratti walitti qabamerraa ka'anii deemuun anaaf rakkisaa dha. Otooma dhiistee baateeyyuu wacni waan sitti dhagahamuufi jeeqamuun waan hin oolle dha,'' jetti.

Manni fincaaniifi dhiqannaa lama jira, maashiniin qodaa miicu garuu tokko waan taheef rakkisaa dha jetti.

Kanneen haala Rooziidhaan jiraatan waggaa muraasaaf turu. Mana jireenyaa qooddachuun jireenya waloo dhaabbataa tahe kan qabanis jiru. Kiriyaal Ziiriing abbaa warraafi intalashee waggaa sadii waliin Maadisan US keessa mana jireenyaa waloo hawaasaa keessa jiraatti.

''Abbaan warraa koo mana guddaa irraa kutaalee warra jalqabaa bitee, namoota manicharra jiraatan waliin wajin jiraachuu jalqabne, amma akkatti jiraannu jaalanneema jiraachaa jirra, nuu taheera,'' jetti.

Manneen waloo The Arbco jedhamu keessa namoonni 100 ol kan jiraatan yoo tahu, manneen kunneen kutaalee ciisichaa, dhaqna dhiqannaa fi nyaata itti bilcheessan qofaatti qabu.

'Filannoodhaan jirrenya qooddachuu'

Kiriyaal, ''haalli manneen kanaa akka kondominiyeemiiti. Manni kan keeti garuu ji'a ji'aan gatii manichaa kaffalta,'' jetti.

Hawaasni manneen kana keessa jiraatan torbee muraasa muraasaan nyaata walitti fiduun waliin qooddatu, ji'a keessaa takkaa ammoo sirba qopheessuun waliin shubbisu.

''Ani hojii idileen qaba, namoonni as jiraatan baayyee ammoo kan soruma bahan waan tahaniif waan namatti tolu baayyee gochaa kan oolan natti fakkaata, '' jetti.

Miseensi manneen jireenyaa kana keessa jiraatu ji'a keessaa sa'atii shan kennuun irra jiraaata.

''Dhimmi akka malee natti tolu hawaasa gaarii namoota ijoollee qabaniitu jira,'' jetti Kiriyaal. Yeroo daa'ima godhadhe gorsi isaanii akkaan na fayyadeera,'' jechuun ibsiti.

Hojiirraa gaafa deebitus daa'imashee fuutee goorro duuba ijoollee kaan wajjin akka taphattu gochuu danda'uunishee, hiriyaa akka garaa argachuusheen gammadduu akka taate himti.

Tahus waan hundi wal-qixxaataa miti. Dhimma hirmaannaa irratti namoonni boodatti hafan jiruu, kaan immoo hawaasichaaf waan danda'an hunda raawwatu.

''Abbaan warraa koo yeroo garagaraa adeemsa geeddaruu akka qabnu waan dubbateef kanneen walgahiif dhufanirraa diddaan isa mudateera,'' jetti.

Dhaabbata manneen jireenyaa waloo Diggers and Dreamers jedhamu keessatti miseensa boordii kan taate Peenii Kilaarki karadeemaa wajjin jiraachuu kana ibsun rakkisaa akka tahe himti.

Gama tokkoon, ''mana fedhiin namni wal-hin beekne shan caalaa keessa jiraattu dha, gama biraan immoo mana of-danda'e qofaatti yoo qabaattu manichuma keessa iddoo waliin qooddattu immoo qabaatta.

Filannoon inni sadaffaa ammoo mana sana waloodhaan dhuunfachuu dha. Garuu inni kuni akka warra kaanii miira hawaasummaa qabaachuu dhiisuu mala,'' jetti.

Namoonni haala akkasiin karadeemaa wajjin jiraachuun dhiibbaa kamiyyuu malee fedhiin waan raawwatamu gatii taheefi miseensota muraasa qabuuf akka hawaasa filannoon jireenya hundeessetti ilaalamuu mala jetti.

Akka qorannoowwan agarsiisanitti fedhiin hawaasa jireenya qoodataniii namoonni jiraatan akka namoota gammadoo kaanii gammachu qabu.

Peeniin gatiin mana jireenyaa akkaan waan qqlii tahaa dhufeef namooni gara jireenya walootti deebi'uun hin hafu jetti.