Kiloop 'yoon gadhiisi jedhame' malee Liivarpuuliin gadhiisuuf yaada hin qabu jedhe

Yaargan Kiloop

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Liivarpuul Yaargan Kiloop ''yoo gadhiisi jedhame malee'' leenjisummaa kilabichaarraa akka hin dheessine dubbate. Kilabicha keessatti bona dhufu jijjiiramni akka jiraatus dubbate.

Yaadni leenjisaa lammii Jarman kun kan dhagaahame Liivarpuul gahumsa gad-aanaafi qabxii dhabuun itti fufuu isaa hordofeeti.

Kilabichi amma hiree afraffaan xumuruuf qaburraa qabxii 10'n fagaatee gabatee sadarkaa liigichaa sagalaffaarra jira.

''Yookaan bakka leenjisaatu jijjiirama yookan ammoo wantoota biroo hedduutu jijjiirama'' jedhe Kiloop.

''Waayee koo ilaallatee namni biraan akkan deemu yoo natti hime male ani ofiin hin deemu'' jedhe.

''Yeroon wantoota hedduu itti jijjiirru ni jiraata. Inni fuula duraafi ni ilaalla. amma miti. Ani itti yaaduuf yeroofi haala mijaahaa nan qaba'' kan jedhu leenjisaa Kiloop amma ''kubbaa gariitti taphachuu qabna'' jedhe.

Kiloop jifataa dhiyoo PSV irraa malleessifatan Koodii Gaakpoon booda taphataan haaraan mallateesiftan akka hin jiraanne akeekeera.

Taphattootni sarara gidduu Jeemsi Miilneer, Naabiiy Keeyitaa fi Oxileed Chaambarliin fa'aa taphataa sarara duraa Roobertoo Fimiinoo dabalatee koontaraata isaanii Bona dhufu xumurama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Liivarpuul Sanbata darbe Biraayitaniin 3-0'n injifatamuu gahuumsa ''akka malee badaa'' jechuun kan ibse Kiloop gareen isaa gahumsa isaa fooyyessuuf wantoota bu'uuraa kubbaatti deebi'uu akka qabu dubbate.

Kibxata har'aa Liivarpuul tapha marsaa sadaffaa FA Cup'n Woolviiz waliin morkata.

Kiloop tapha kana dura yaada kenneen taphattoota garee isaa gariiniif amanamumaa hangaa olii qaba jechuun komii dhiyaatu kufaa godheera.

''Eyyen dhagaheera. Amma dura dhagaheen ture akkasii miti.''

''Rakkinichi walxaxaadha.'' Taphattoota ciccimoo amma dura waan gaarii dalagan osoo jiranii taphattoota haaraa fiduufi taphachiisuurratti wantootni garaagartummaa uuman jiraachuu dubbata.

Liivarpuul gahumsa badaa agarsiisaa jiraachuuf ragaan taphoota 35 darban keessaa 21 irratti dursee gooliin irratti lakkaawwame. Onkololessa darbe irraa kaase osoo gooliin itti hin lakkaawwiin hafee hin beeku.

Kiloop yaada taphattootni isaa gariin isa dhagahuu dhiisaniiru jedhuun walii hin galu.

''Haalli yeroo gaarii hin taane wanta ta'u nan beeka'' kan jedhu Kiloop taphattootatu leenjisaa hagahuu dida jechuun haalli akkasii akka hin mudanne ibse.