Maallaqa guddaan hanga bara 2031'tti Cheelsiif kan mallatteesse Mykhailo Mudryk eenyu?

Madda suuraa, Chealse Football Club
Chelsiin taphataa kiliba Yukireeniif malee kan biraaf hin taphanne tapha piroofeeshinaalaa isaan goolii 12 callaa lakkoofsisee Mykhailo Mudryk paawundii miiliyoona 62 itti baasee waggoota saddeettan dhufanii kan ofii godhateera.
Arsanaal taphataa kana bitachuuf yeroo adda addaatti maallaqni dhiyeesse kufaa osoo godhamuu gidduutti harka Cheelsii bu'e.
Ofii maaliif akkanitti ija kilaboota hedduu gale?
Jifataa sarara bitaa ganna 22 kan ta'e Mykhailo Mudryk Yukireeniif si'a saddeet taphateera. Gabaa isaa kan kaaseef garuu hirmaannaa kilabni isaa Shaktaar Dooneesk hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argate irratti gahuumsa agarsiisedha.
Hanga bara dorgommii kanaatti dargaggoon kun kilaba biyya isaa sadiif taphoota 47 irratti hirmaatee goolii lama qofa lakkoofsise.
Barana garuu gahuumsa gaariirra jira. Chaampiyoonsi Liigii irratti tapha ramaddii Leepziig waliin ture irratti goolii sadii lakkoofsise. Achii ammoo Seeltiik irratti lama galche.
Taphataan Cheelsii goolii hammannaa barana lakkoofsise hin jiru. Kubbaa gooliif mijaa'an lamas kenneerra.
Cheelsiin taphataa kana harka Arsenaalii kan butate waliigalatti baasii yuuroo miiliyoona 100'ni.
Mykhailo Mudryk taphataan kun hanga bara 2031 Cheelsii turuuf mallatteesse. Jajjabeessituuwwan Paawundii 27 ta'us Chelsiin ni ida'a.
Dargaggoon kun liigii Yukireen keessatti taphoota darban saddeet irratti gooliiwwan torba lakkoofsii kubbaa goolii ta'an jaha ammoo mijeessee kenneera.
Gidduugaleessaan carraan goolii keessatti hirmaachuu isaa daqiiqaa 65 keessatti yeroo tokko jechuudha.
Mudryk taphataa hamilee guddaa qabuudha, gaafa tokko Ballon d'Or akka injigfatu torbee kana keessa dubbatera.
Kilaba isaa Shaaktaar Doneeski keessatti yeroo lamaaf taphataa cimaa jedhamee filatameera.
Leenjisaa lammii Xaaliyaan amma Biraayitaniin leenjisu Robeertoo de Zerbiin bara 2021-2022 leenjisaa Shaaktaar yeroo ture taphataa kana sirriitti beeka.
''Mudryk fuula duratti Ballon d'Or ni injifata jedheen yaada'' jedha. win the Ballon d'Or in the future."
Chelsiin taphataa isaa haaraa kanaan taphataa oogummaa qabu, saffisaadha Awuurooppaa keessatti taphattoota fuulaa fuulatti yeroo bahamuuf baayyee sodaachisan keessati'' jedheera.
Taphataa kana mallatteesifachuun isaanii ammaafii baroota dhufanitti garee Cheelsii waan cimsuuf gammadoo ta'uus ibsaniiru.
Pireezidantiin Shaaktaar taphataan isaanii duraanii kun saffisa isaan, teeknika fi tapha isaa miidhagaan deeggartoota kubbaa miilaa addunyaa ni booji'a yaada jedhu kennaniiru.












