Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal Aston Viilaa mo’atee Liigicha dursuu itti fufaa?
Kilaboota Piriimer Liigii kokkee walqabaa jiran sadan keessaa dhum-torbee kanarra Arsenaal tapha cimaatu eeggata. Kilabiin Mikeel Arteettaa kun Aston Viillaa gara Emiretis dhufu mo’atee Liigicha dursuu isaa itti fufamoo carraasaa lamaffaafi sadaffaarra kan jiran Liiverpuul fi Maanchester Siitiif dabarsee kenna?
Piriimer Liigiin Ingiliz torban 33ffaa guyyoota sadan dhufan: Sambata, Dilbataafi Wixata gaggeeffama.
Sambatarra taphoonni ja’a ni gaggeeffamu, Dilbata ammoo taphoota sadiitu gaggeeffama. Taphni tokko hafe kan Chelsiifi Everten gidduutti akka gaggeeffamu sagantaan qabame ni mul’isa.
Taphoota dhum-torbee kana gaggeeffame keessaa kan kilaboonni sadan dursaa jiran taasisan haalaan eegamu.
Arsenaal v Aston Viilaa, Liiverpuul v Kiristaal Palaas, akkasumas Maanchester Siitii V Luuton waliin taphatu.
Eenyuti mirgaan gala? Ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan tilmaama taphoota torban 33ffaa kana akka itti aanutti kaa’eera.
Niiwukasil V Tootenhaam
Tapha ajaa'ibaa goolii baayyeen itti uumamu ta'a jedheen eega.
Niiwukasil sadarkaa irra jiru foyyeeffatee xumuruudhaaf kaka'umsa qabu torban darbe Weest Haam boodarraa ka'ee mo'achuu isaatiin agarsiiseera.
Tootenhaam ammoo bara dhufutti hirmaannaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa mirkaneeffachuudhaaf walqixa ba'uudhaaf miti kan taphatu.
Tilmaama: 2 -3
Bireentifoord v Shefiild Yunaayitid
Kufuun isaa waan hin oolle ta'ullee Shefiild Yunaayitid hanga dhumaatti falmachuusaa ittuma fufa.
Torban darbe Cheslii waliin walqixa bahuu danda'anillee amma garuu mo'achuudhaaf xiyyeeffannoo kennanii ni taphatu.
Bireentifoord taphoota sadan darban walqixa bahullee Liigicha keessaa akka hin baane mirkaneeffachuutti dhiyaateera.
Tapha kanaanis Shefiild Yunaayitid caalaa taphattoota gaggaarii waan qabuuf qabxii sadan isaa ni milkeeffata.
Tilmaama: 2 - 0
Barnilee V Biraayitan
Barnileen Liigicha keessa turuudhaaf taphoota isa hafu ja'a keessaa afur mo'achuu qaba. Gareen kun taphoota 32 taphate keessaa afur qofa mo'achuun isaa yeroo ilaalamu kun waan milkaa'uuf hin fakkaatu.
Tapha kanarraa garuu qabxii tokko argachuu danda'a.
Leenjisaan Barnilee Viinsent Kompaniin taphoota ja'a darban keessaa tokko mo'achuu akka qaban dubbatullee, ammas tapha kanaan qabxii sadii waan argatu hin fakkaatu.
Tilmaama:1 -1
Maanchester Siitii V Luutan
Maanchester Siitiin tapha kana mo'achuudhaan dursaa Liigichaarratti carraa dhiibbaa uumu kennaaf. Ta'us garuu Luutan salphaatti harka hin kennu.
Torban darbe boodarraa ka'anii Bornmaawoziin mo'achuun isaanii kaka'umsa itti uumeera.
Maanchester Siitiin gahumsa isaa ajaa'ibaarra ta'uu baatus, Luutan itti hin ulfaatu.
Tilmaama: 3 - 0
Nootingihaam V Woolviz
Torban darbe Tootenhaamiin kan mo'ame Forestiif taphni kun murteessaadha.
Warri Wolviz taphoota shanan darban keessaa tokko qofaa mo'atanis, karra eegaarraa kaasee hanga jifataatti garee ijaarame qabu.
Tilmaama: 1 - 1
Bornimaawoz V Maanchester Yunaayitid
Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Eriik Ten Haag taphoota Bireentifoord, Chesliifi Liiverpuul waliin taphatan mo'achuun nurra ture jedha.
Dandeettii irrra jiraniin yeroo ilaalamu garuu maal arganii kana jedhan kan jedhu gaaffii kaasa.
Tapha Liiverpuul waliin turerratti caalamaniiru. Tapha Bireentifoord waliin turerratti ammoo Maanchester Yunaayitid carra qabeessa ta'eeti kan walqixa xumure. Chelsii waliin ammoo carraa dogoggora ittisaatiin argataniin ture gara taphaattiyyu deebiyuu kan danda'an. ።
Bornimaawoz Olldtiraaford irratti 3-0n waan mo'ateef tapha kanaanis ni mo'ata. Teen Haag waggaa dhufu Maanchester Yunaaytid waliin hin turu.
Tilmaama: 2 - 1
Liiverpuul v Kiristaal Palaas
Liiverpull Maanchester Yunaayitid waliinqabxii waan gateef, taphni cimaanis fuuldura isaan eeggataa waan jiruuf tapha kana mo'achuu qabu.
Mohaammad Saalaah erga miidhaarraa deebiyee akka duraaniitti goolii lakkoofsisaa hin jiru.
Taphoota shanan darban mo'achuu kan hin dandeenye warri Kiristaal Paalaas, qabxii argachuu qabaatanis garuu Anfiild irratti waayyu hin argatan.
Tilmaama: 3 - 0
Weest Haam v Fuulhaam
Bara kana keessa goolii lakkoofsisuun Weest Haam keessatti dursaa kan jiru Jaarod Booween, sababa miidhamaan tapha kanarraa hafuu danda'a.
Torban darbe Fullhaam baayyee eegee turullee Niiwukasiliin mo'ameera.
Taphni kun qabxii walqixaan kan xumuramu yoo ta'u, goolii baayyeetu irratti lakkaa'ama.
Tilmaama: 2 - 2
Asenaal v Aston Viilaa
Arsenaal tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaarratti qeeqamanillee hangas mara waan laafoo hin turre.
Bukaayyoo Saakaa daqiiqaa dhumaarratti miilla isaa karra eegaa warra Baayer Muniikitti buusuu dhiisee osoo lakkoofsisuuf yaaleera ta'ee Arsenaal silaa mo'achuu ni danda'u ture.
Kun Arsenaaliif tapha cimaadha. Gareen leenjisaan duraanii Arsenaal Unaayee Emirii kun yeroo jifatan cimoodha.
Aston Viilaan goolii lakkoofsisuu danda'anillee Arsenaaliin mo'achuu garuu hin danda'an.።
Tilmaama: 3 - 1
Cheslii v Everten
Waa'ee Cheslii gamagamuun ammallee ulfaataadha.
Taphoota torba darban mo'amuu baatanillee afur walqixa bahaniiru.
Everten ammoo torban darbe Barnilee mo'atanillee amma kana waan itti fufsiisan hin fakkaatu.
Chesliin ammallee garee ijaaramaa jiru ta'uu isaarraa kan ka'een, taphni kun qabxii walqixaan xumurama.
Tilmaama:1 - 1