Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imala ABO waggaa 50: Oromiyaa of dandeesse ijaaruu, qoqqoodamuu, baqa, biyyatti deebi'uufi kaan
Bu'uurri Adda Bilisummaa Oromoo rippaablika Oromiyaa ykn Oromiyaa of dandeessee ijaaruuf bara 1973 keessa kaa'ame.
Paartilee Itoophiyaa keessatti umrii dheeraa qaban keessaa tokko kan ta'e dhaabni kuni yeroo ammaa waggaa 50ffaa isaa kabajataa jira.
Hundeessitoonni dhaaba kanaas rakkoon yeroo sana akka sabaatti qaban walitti isaan fiduun yaada kana akka bu'uureessan himu.
Dhaabni kun yeroo hundaa'u ummata Oromoo biratti fudhatama argachuuf yeroo itti hin fudhanne.
Haata'u malee, sochiin isaa lafa osoo hin qabatiin qormaanni alaafi keessaa itti hammaachuun galma hundeeffameef milkeessuurratti hudhaa itti ta'uu hundeessitoonni dhaabichaa dubbatu.
Wantoota hundeeffama ABO'f bu’uura ta'an
Namoota jalqaba yaad-rimee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) bu’uuressan keessaa tokko kan ta’an Obbo Leencoo Lataa, hundeeffamni ABO qabsoo bara 1960 keessa biyyoonni Afrikaa kolonii jalaa bahuuf sochii taasisaa turaniin walfakkaata jedhu.
''Sochii bara 1960oota keessa akka biyyaa fi akka Afrikaatti turetu uumamuu ABO'f ka’umsa. Bara sana biyyoonni Afrikaa hedduun kolonii Awurooppaa jalaa ba’anii walabummaasaanii gonfachaa turan.''
Yeroo sana Itoophiyaa keessatti ammoo taateewwan gurguddoo lama turuu ibsu.
''Tokko waldaa Maccaa-Tuulamaati. Waldaan misooma hojjechuuf hundeeffame kunis akka waan siyaasaaf hundeeffameetti fudhatamee mootummaadhaan rukutame,'' jedhan.
Kunimmoo yaada 'bilisummaan argamtu malee Oromoo fi Oromiyaa misoomsuun hin danda’amu' jedhu uume jedhu.
''Yerooma sana Kibba Oromiyaa Baaleetti lolli hidhannoo kan dhibdee ganda keessaa irraa madde jalqabame. Mootummaan ammoo sanuma fuudhee akka waan Oromoon hundi lola baneetti itti duule.
''Booda waldaa Maccaa Tuulamaa fi sochii Baalee gidduu quunnamtiin uumamuu eegale. Dhaamsis gidduu deddeemaa ture,'' jechuun bu’uurri achirraa eegaluu ibsan.
Obbo Leencoon akka jedhanitti, kanneen dhaamsa gidduu deddeebisaa turan keessaa tokko Kabiir Huseen Suraati.
Wayita roorroon miseensotaa fi hooggantoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti hammaatu Kabiir Somaaliyaa seenee achumarraan Yaman, Adan deeme.
Adan yeroos teessoo qabsaa’ota biyyoota garaagaraa turte. Kan Paalastaayin [Filisxeemii], Eertiraa fi dhaabonni garaagaraa kan bilisummaa ofiif lolan achi turan jedhu.
''Kabiir Huseen akkamitti ijaaramna kan jedhurratti falmiitti seene. Ijaarama sana keessatti qabsaa’onni beekamoon akka Haayilee Fidaa, B/Masqal Raddaafaa akkanni maqaa Itoophiyaan gochuu qabu dhiibbaa gochaa turan,'' jedhan Obbo Leencoon.
''Maqaa Itoophiyaa malee maqaa Oromoon ijaaramnaan rakkina seenta jechaanii turan. Kanaan jaarmiyaa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (Ethiopian National Liberation Front) akka ijaaru ta'e.''
Kabiir Huseen fi jaarmiyaan isaa warra biyya keessaa socho’an kanneen akka Baaroo Tumsaafaa waliin quunnamtii iccitii qabaachaa turuu himan Obbo Leencoon.
''Adanitti ammoo namoota akka Elemoo Qilxuu, Bakar Yuusuuf waliin maqaa Itoophiyaan ijaaramuun kun hin baasu jechuun falmii keessa ture Kabiir.
''Akkanatti osoo qabsaa’uu bara 1974/75 iccitiidhaan biyya galee, Elemoo Qilxuu fi Yuusuf Bakaris waliin biyya seenanii falmiin biyyatti cimee itti fufe.''
Akka Obbo Leencoon jedhanitti, maqaa Itoophiyaa jedhuun ijaaramuun nu hin baasu kan jedhu sagalee guddaa argate.
''Kabiir garuu akka waan jaarmiyaansaa ragga’ee ofii barreessaa ta’ee filameetti of ibsee garuu iccitiidhaan ammoo qabsoo ABO jabeessuu itti fufe,’’ jedhan.
Baroota 1974 fi 1975 keessa sagantaan siyaasaa ABO bocamee iccitiin irratti mari’atamaa ture, walga’ii sirnaa bara 1976 yeroo jalqabaaf gaggeeffamerratti bu’uureffamee hojiitti galame jedhu.
''ABOnis kora duraa magaalaa Finfinneetti taa’amerratti hooggantoota ofiisaa filatee sagantaa raggaasifatee dhaaba ta’ee hundaa’e.''
ABOn Waxabajjii 19, 1976 kora bu’uuressaa dhaabichaa kan jalqabaa Finfinneetti taa’erratti sagantaa siyaasaa isaa maxxanfate jedhan Obbo Daawud Ibsaa, Dura Taa'aan ABO.
''Sana dura koreen bu’uuressituu ABO bara 1973 dhaabbatte, dursitee hojii hojjetaa turte. Booda waxabajjii 19, 1976 ABOn sagantaa siyaasaa bocate,'' jedhan.
Kaayyoon ABO ganamaa maali?
Obbo Leencoo Lataa akka jedhanitti, wayita ABOn hundeeffamu sagantaan siyaasaa ragga’e Oromiyaa of dandeesse (Rippaablika Oromiyaa) ijaaruu ture.
''Yoo haalli mijate ammoo saboota biroo wajjin federeeshinii, konfedereeshinii akkasumas yuniyenii qabaachuu dandeenya kan jedhutu kaa’ame,'' jedhan.
''Sabni hunduu of bilisoomsee isa boodammoo qabsoo impeeriyaalizimii irratti godhamu keessatti waahila waliif ta’a kan jedhuun bu’uureeffame.''
Obbo Daawud gama isaaniin ABO'n ''Rippaabilika Dimokiraatawa Oromiyaa'' ijaaruu qofarratti hin daangeffamne jedhu.
''Imaammata dhimma alaa isaa keessatti humnoota dimokiraatawoo biroo waliin hojjechuuf balballi isaa banaa ture,'' jedhan.
Akka Obbo Leencoon jedhanitti, yeroo sana qabsoon gaggeefamaa ture bifa lama qaba ture, qabsoo sabaafi qabsoo gitaa jedhama. ABOn ammoo lamaanuu wal tumsee deemuu qaba jedha.
Kanaaf Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo sabaafi kan qabsoo gitaa gaggeessuu kaayyoosaa godhatee bu’uureffame jedhan.
Jaarmiyaaleen akka MEISON fi EPRP Itoophiyaaf qabsoo gitaatu barbaachisa malee qabsoo sabaa miti jedhu, ''ABO fi boodarra kan hudeeffame TPLF ammoo qabsoon sabaa ajandaa ijoo godhatan,'' jedhan.
''Bara sana ABOtti qormaata guddaa kan ture EPRP osoo hin taane MEISON ture.''
Dhaaba MEISON keessa qabsaa'onni mirga Oromoof qabsaa'an hedduu waan turaniif isaan waliin falmii guddaa keessa seenanii turu kaasu.
Boodas hooggansiifi miseensi iccitiin magaalaa taa’ee dhaabicha hoogganu bara 1977/78 keessa tokko tokkoon qabsoo hidhannootti nam’e.
''Magaalaa baanee daggala seenuu sana gidduutti qormaata baay’eetu nu mudate, mootummaan namoota hanga adda baafate inuma fixe,'' jedhan.
Kora bu’uuressuu ABO irratti qabsaa’onni gameeyyiin kanneen akka Baaroo Tumsaa, Diimaa Nooggoo, Mubee Abdoo, Abboomaa Mitikkuu, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaafi anatu walga’e jedhan Obbo Leencoon.
Dr Diimaa Noggoo Dura Taa'aa jalqabaa Adda Bilisummaa Oromooti.
Obbo Daawud ABO hundeessuuf qormaata dhaabicha mudate wayita ibsan, rakkoo Somaaliyaa, Yaman, Sudaan, Ertiraatti hundeessitoota dhaabichaafi miseensota mudate yaadatu.
''Jalqaba gareen haala mijeessu gara Somaaliyaa ergame, isaanis gameeyyii akka Galaasaa Dilboo, Muhee Abdoo, Mulugeetaa Moosisaa, Nagarii Fayyisaa, Damisee Tacaanee (Gadaa Gammadaa), Abboomaa Mitikkuu fa'i. Gariinsaanii haarsaa guddaa kaffalanii gara Oromiyaa deebi’an. Hedduunsaanii ni wareegaman.''
Garee gara Somaaliyaa ergaman keessaa kan darbanii gara Yaman deemanii haala mijeessaa turanis jiru jedhan Obbo Daawud.
''Kunis sababa yeroo sana mootummaan Somaaliyaa lafa Oromoo hedduu weeraree waan tureef ofitti fudhachuu diduusaarraa kan ka’eedha,'' jedhan.
Kora jalqabaa mana Baaroo Tumsaa
ABOn akka dhaabaatti sagantaasaa raggaasifatee, hoogganasaa filatee yeroo jalqabaaf waggaa tokkoon booda, bara 1977tti mana Baaroo Tumsaatti iccitiidhaan walga’e jedhan Obbo Leencoon.
''Sochii gama siyaasaan jiru cinaatti tattaaffiin qabsoo hidhannoos deemaa ture. Jaarraafi Mullis baadiyyaa Harargee keessa qubatanii haala mijeessaa turan. Isa booda 1977/78 keessa hooggansi magaalaadhaa ba’ee walduraa duuba bosona seene,'' jedhan.
Erga gadi dhaabbatee boodas goflaa (wing) dargaggootaa hundeeffachuufi isaanis garee kana keessaa tokko akka turan himan Obbo Daawud.
Gameeyyii dhaabicha keessatti maqaansaanii adda durummaan ka’u Badhoo Dachaasaa, Dheeressaa Qixxee, Abeel Mitikkuu, Isheetuu Latuufi kaan waliin akka turan himan.
Kora tokkoffaa bara 1977 taa'ameerratti hirmaachuu kan himan Obbo Daawud, ''kora kanarratti haalli siyaasa Itoophiyaa qabsoo karaa nagaaf waan hin eeyyamneef qabsoo hidhannoof bosonatti galuun akka barbaachisu murtaa’e,'' jedhan.
Wayita kana ajaji olaanaan dhaabichaa tokko (One Political Command) ykn kaawunsiliin tokko dhaabbate jedhan.
''Dura taa’aan Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee), barreessaan Leencoo Lataa, Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) ittaanaa, Baaroo Tumsaafi Muhee Abdoo ammoo miseensota turan.''
Hoogganoonni kunneen Finfinnee keessa taa’anii qabsoo gaggeessuun ulfaataa waan ta’eef miseensota gameeyyii waliin ta’uun gara dirree bahaatti qajeelan.
Obbo Leencoonis jijjiirama magaalaa ba’uudhaan bosona seenuuf taasifame keessatti qormaata guddaatu dhaabicha mudate jedhan.
''Mootummaan namoota adda baafate hunda walitti qabee hidhe. Kan bosona seenan ammoo gariin Somaalotaan, kaan ammoo akka tasaa ajjeeffaman.''
Bosona seenuu hanga bara chaartaraa
Qabsoo dirreettis ba’amee osoo baayyee hin turin qormaanni gurguddaan mudate jedhu Obbo Daawud.
''Baaroo Tumsaa ajjeefamuun, qabsoo dhaabichaa (kan dirree) qormaata hamaa keessa galche. Kaan ammoo bara 1980 gara Somaaliyaa imalanii achitti dhuman.''
Ebla15, 1980 hooggannaa dirreefi ittaanaa dabalatee, hoggantoonni ABO 10 ol gara Somaaliyaa osoo imalanii bakka Shinniigaa jedhamutti haala suukanneessaan ajjeefamuu ibsan.
Magarsaa Barii, Yiggazuu Bantii, Aboomaa Mitikkuu, Gadaa Gammadaa, Muhee Abdoo, Caccabsaafi Irranaa Qaxalee dabalatee namoota jajjaboo dhaabichaa 13 ta’an guyyaa tokkootti bakka tokkotti ''Shiftoota Somaaleetiin'' ajjeeffaman jedhan.
ABO hundeessuu keessatti gumaacha guddaa kan taasisan Obbo Baaroo Tumsaa akkamiin akka ajjeefame ilaalchisee odeeffannoo guutuu akka hin qabne himuun, ''garuu rakkinuma dhaaba keessa tureen ajjeeffaman,'' jedhan Obbo Daawud.
''Baaroon ummata Oromoof qofa osoo hin taane sirna federaalizimii dimokiraatawaa ta’efi tokkummaa saboota Itoophiyaa hundaaf beekamtii kennee of keessatti hammatu akka uumamuuf nama jalqaba qabsoo eegale.
''Saboonni kaanillee akka ija banatan nama taasiseedha. Nama akkasii dhabuun qabsoo ABO’s ta’e siyaasa biyyattii guddoo jijjiire.''
Hooggansa magaalaa bahuun bosona seene 'jajjaboo jedhaman' keessaa nama tokko qofatu lubbuun hafe kan jedhan Obbo Leencoon, hooggana bakka buusuurratti falmii guddaatu mudate jedhan.
''Bara 1981-1988tti hooggana dhume bakka buusuurratti hojjenne. Wayita kana dirreen qabsoos lamatti ba’eera. Qabsoon dirree bahaa akkuma bosona seenneen eegalamte. Bara 1980/81 ammoo dirree lixaatti eegalame.''
Dhaabichi hanga 1988 hooggana hir’ate bakka buufachuufi qabsoo dirreetti muddamee turuu kan himan Obbo Leencoon, ''1988 dirree lixaatti hooggana filatee, booda ammoo dirree bahaatti korri taa’ee hooggana filatame raggaasise. Akkasitti hanqina hoogganaa mudaterra aanuu eegalle,'' jedhan.
Wayitasaan dhimma kanatti muddamaa turanitti kaabaan TPLF [wayyaanee] fi shaabiyaan [dhaaba Ertiraa] mootummaa giddugalaa kuffisuuf qophii cimsanii turuu yaadatu Obbo Leencoon.
''Nuti osoo dargiin waggaama lamaan sadan tokko nuuf turee feena turre. Silaa dhaaba keenya ni cimsanna turre. Karaa waraanaas namoota cimsataa turre. Siyaasas barsiifataa turre. Osoo nuti kanatti jirruu, warri duraan qophaa’e dargii kuffiisuurratti qophii xumurate. Dargiinis kufe.''
Mootummaa ce'umsaa: 'Qophii malee seennee qophii malee baane'
Dargiin akka kufeen qophii ga'aa malee dhiibbaadhaan mootummaa ce’umsaa keessatti akka hirmaatan taasifamuu himan.
''Osoo hin qophaa’in mootummaa ce’umsaa seennee, lolaafis osoo hin qophaa’in keessaa baane.''
Obbo Daawud akka jedhanitti, 'ABOn yeroo dargiin kufee mootummaan ce’umsaa biyyattii keessatti hundeeffame affeeramee dhihaate' kan jedhu seenaa dogoggoraan hubatamedha.
''ABOn Chaartara bara ce’umsaa bocuurraa eegalee qaama mootummaa ce’umsaaf galtee guddaa ta’e ture. ABO’n sagantaa siyaasaasaa kan saboota kaanis hin qoollifanne qabatee dhihaate.''
Walta’iinsa umuun adda durummaan kan dhihaatan ABO fi TPLF kan jedhan Obbo Daawud, ''kunis sababa humnoonni lameen qaama hidhate qabaniifidha, hidhataa muraasa kan qaban warri Ogaadenis turan,'' jedhan.
Obbo Daawud's akkuma Obbo Leencoo Lataa, rakkoo bara Chaartaraa dhaaba isaanii mudateef ''shira TPLF xaxe'' komatan.
''Waraanni TPLF waraana biyyaalessaa jedhamuun waraanni bilisummaa Oromoo ammoo seeraan ala jedhamuun lola bal’aa uume.''
Waraanni dirree dhiisee mooraatti galuun filmaati akka gaggeeffamu waliigalamee, kan isaanii galchanis, kan TPLF garuu hin galiin hafu yaadatu.
''Maddi rakkoo keenyaa yeroo sana ganamuu keenya. Kan nu gane ammoo warra waan kana hojiirra oolchina jedhanii ofitti fudhatan: Imbasii Ameerikaafi warra Ertiraati. Isaanis dirqama sana ba’achuu dadhabuudhaan warra nu ganan keessaa tokko.''
Ta'us mootummaa ce’umsaa keessatti yaada Chaartara qabatanii dhihaachuun injifannoo dhaabichi fedhu keessaa isa guddaa ta’uu eeran Obbo Leencoon.
''Hirmaachuu keenya qofaan injifannoo siyaasaa gurguddaa galmeessine. Osoo nuti seenuu baannee wayyaaneenuu OPDO hin hundeeessitu turte.
''Dhaabi wayyaaneen hundeessite kun ummanni mirgasaaf akka hin falmanne hacuuca. Kun ammoo ummanni dhaaba dhugaan naaf qabsaa’u qaba jedhee akka nu faanaa hiriiree hafu taasise,'' jechuun ibsu.
Boodas OPDO hundeeffamuun qabsaa’onni quuqama sabaa qaban suuta suuta keessaa falmachuun, jijjiirama siyaasaa 2018, kan seenaa biyyattii keessatti murteessaa ta’e, fiduu keessatti qooda akka gumaachan taasiseera jechuun ga’een OPDO’s salphaa akka hin urre kaasu Obbo Leencoon.
Waraannisaanii rasaasa dhabee harka duwwaatti hafuusaatiin hoogganootaafi miseensotarra miidhaan akka ga’e himan Obbo Daawud.
''Haala kanaan dhiibamnee Chaartara keessaa baafamne. Ergasiis diddiigamuun caasaafi daddaaqamni dhaabicha mudachuu eegale,'' jedhan.
Qoqqoodinsaafi jireenya baqaa
Bara 1992-1997 keessaa karaa bahaafi lixaan lola ciccimaarra akka turan himan Obbo Daawud.
Chaartaraan booda ABOn sababii miidhaa mudateerraa kan ka’e akka dhaabaatti kan lafaa ka’ee of ijaaru hin turre jedhan.
''Garuu murannoofi cichoominni qabsoo bilisummaa Oromoo onnee qabsaa’otaa keessaa hin dhabamne waan ta’eef osoo miidhamnuu qabsoo jabeessinee wal ijaarre.''
Hidhaa, saamicha, ajjeechaafi dhiittaan mirga namoomaa hammaataan miseensotaafi hoogganoota akkasumas Oromoo guutuu irratti ni ulfaate jedhan.
Yaada bu’uuraa irraa hanga sagantaa siyaasaa bocuun qabatanii chaartara irratti dhihaachuutti ga’ee kan taphatan Obbo Leencoo Lataa, akkuma dhaabni chaartara keessaa ba’een hooggansa keessa hin turre.
''Yeroo Chaartaraa waan irratti kufne sirreeffannee, akka of jijjiirree qabsoo keenya jabeessinu yaadni qajeelaa dhiheesseen ni burjaaja’e,'' jechuun haala yeroo sanaa himan.
''Itoophiyaan jijjiiramtee jirti waan ta'eef, akkaataa itti qabsoofnuufi gaaffii keenya itti gaafannu akka jijjiirru nu gaafata. Ertiraan biyya taatee, Somaaliyaan biyya turte diigamte turte. Haala kana keessatti sagantaa siyaasaa keenya akka fooyyeffannu yaada dhiheessaa, barruu garaagaraas qopheessaan ture,'' jedhan.
Garuu hooggansi yeroo sanaa yaadasaanii sana waan dideef keessaa of baasuuf akka dirqaman ibsan.
Obbo Leencoon dhaaba jalqabarraa keessa turan keessatti dhageettii dhabaa, kaan waliin wal-qoccolaa jiraachuun miidhaan xiinsammuu guddaan irra ga’uu himuun, hooggansa keessaa baafamuutti akka gammadan himan.
''Ummanni waa hedduu nurraa eega. Nutimmoo homaatti hin jirru. Qabsoo hidhannoo haasofna garuu dirree jabeessaa hin turre. Kanaaf hidhamuu Obbo Ibsaa sababeeffachuun hooggansa keessaa ba’e,'' jedhan Obbo Leencoon.
Dura Taa'aan dhaabichaa yeroo sanaa Obbo Galaasaa Dilboo, xalayaadhaan Obbo Leencoo Lataa Dura Taa'aa I/Aanaa ABO irraa kaasuu ibsan.
''Sababni isaas yeroo sanatti Obbo Leencoon marii ykn beekamtii dhaabaatiin alatti mootummaa Itoophiyaa waliin araara barbaacha gara biyyaa deebi'uu isaanitiif ture,'' jedhan.
''Yeroo sanatti Obbo Ibsaa Guutamaa jila ABO bakka bu'anii gara biyyaa dhufnaan mootummaan hidhee ture, isaanan hiiksisa jedheeti kan gara biyyaatti deebi'e.
''Mootummaa Itoophiyaa waliin wallollee walbiraa deemne. Dhimmi Jaal Ibsaa hiiksisuufis yoo ta'e ammoo hunda keenya ilaala malee addatti itti aanaa hogganaa qofa hin ilaalu ture,'' jechuun sababa tarkaanfiin fudhatame ibsu.
Obbo Leencoon hooggansa keessaa ba’anis miseensummaan garuu dhaabicha keessa turan, akka miseensaattis akkaataa qabsoo akka qajeelfatan afaaniinis ta’e barruudhaan gorsaa turuu himan.
Dhumarratti miseensummaan dhaabaarraas akka mulqameefi dhaabicha keessaa gaggeeffamani.
Yeroo haalli kun isaanirra ga’utti dhaabichi bakka saditti ba’ee jiraachuu kan yaadatan Obbo Leencoon, ''dhaabicha keessaa baafamuutti sammuun akkaan na miidhame. Waanan godhun wallaale. Dhiiseen taa’amoo, dhaaba biraan uumamoo, ABO maqaa jedhuunan kophaa koo itti fufamoo? kan jedhu gidduuttin dhiphadhe,'' jedhan.
Boodarra Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO) hundeessuun hoogganuu eegalan. Dhaabni isaan hanga biyya galanitti gaggeessaa turan kun federeeshinii sab-daneessatti kan amanuufi qabsoo hidhannoo kan hin deeggarre ta’uus ibsan.
Hanga dhaabichi kora gaggeessee Obbo Daawud Ibsaa filatutti dursaa kan turan Obbo Galaasaa Dilboos, waahillan isaanii waliin ta’uun Adda Bilisummaa Oromoo Qaama Ce’umsaa hundeessan.
Chaartara keessaa erga baafamanii biyya keessa socho’uun yoo ulfaatu hoogganoonni humna hanga murtaa’e qabatanii gara Somaaliyaa akka bobba’an taasifame jedhan Obbo Daawud.
''Somaaliyaanis yeroo sana lola hamaa wal waraanaa keessa turte. Garuu gosti tokko karaa baneefii seensise. Achitti erga of dandamachiisuun raawwatee booda biyyatti deebi’an.''
Dhaabichi bara 1998 kora taa’uun hoogganoota jalaa miidhamaniifi faffaca’an kan koree hoji-raawwachiiftuu fi koree giddugalaa bakka buufachuun deebisee of ijaaruu himan.
Obbo Daawud Ibsaa bara kana kora sabaa taa’amerratti dursaa (hayyu duree) ABO ta’uun filataman.
Mootummaanis Somaaliyaatti duuka bu’ee akka dhiibbaa irraan ga’e kan himan Obbo Daawud, ''mootummaan Ertiraa waan carraa nuuf kenneef garas imalle,'' jedhan.
Turtii Ertiraa keessaa
ABOn bara 2000 irraa kaasee hanga 2018 waamicha mootummaan Itoophiyaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin durfamuun taasifamuufiitti Ertiraa turuu kaasuu Obbo Daawud Ibsaa.
''Ertiraatti fayyadamneerras miidhamneerras. Humna guddaa qabsoo hidhannoo gaggeessu leenjisnee biyyatti bobbaafneerra. Kana gochuuf Ertiraan giddu-gala nuuf taateetti.''
Waraana kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa socho’u Ertiraa taa’anii ajajaa akka turan himan.
''Dirree kibbaa, lixaafi bahaa keessa waraana jiru asii quunnamuun ajajaa turre. Qaamaan walbira jiraachuufi halaala irraa ajajuu gidduu garaa garummaan jiraatus.''
Obbo Daawud akka jedhanitti, bara mootummaa Dargiirraa eegalee hanga bara Chaartaraan ba’utti hariiroon Ertiraafi ABO walmakaadha.
Yeroo Ertiraa turanis miiruma walfakkaataatu ture jedhu.
''Bara Chaartaraas dhimma waraanni hiikkachuu raawwachiisuuf kan dirqama fudhatanii turan Imbaasiin USA fi Ertiraa, nuti hiikkannee wayita TPLF hiikkachuu didu ni callisan. Inumaa waraanni Ertiraa TPLF tumsee nu waraane.''
Obbo Daawud Ertiraatti erga imalaniis haalli walfakkaataan isaan mudachuu ibsan malee rakkoo isaan quunname maal akka ta’e gaafatamanii, bal’inaan ibsuurraa of qusataniiru.
''Dhimma keenya keessa seenuun nu jeeqaa turan, garuu nu gargaaraniirus. Qabsoo Oromoo onnee guutuun akka deeggaran nutis hin feene. Waajjira banannee akka of ijaarruuf carraa nuuf banuun isaaniifi ni galateeffanna.''
Qoqqoodiinsi dhaabicha burjaajesse, ABO Obbo Daawud qabatanii gara Ertiraa qajeelan biraas hin hafne.
Hagayya 2006 miseensota waraana Itoophiyaa 282 qabatanii gara Ertiraa imaluun ABOtti makamuu kan himan Birgaader Jenaraal Kamaal Galchuu, osoo baayyee hin turin dhaaba kana waliin waldhabuun, Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) jechuun dhaaba hundeessan.
Affeerraa MM Abiy Ahmad taasisaniif fudhachuun hanga biyya galanitti, Yugaandaa kan turan Birgaader Jenaraal Kamaal, biyya galuu isaanii jala Adda Tokkummaa Bilisummaa Oromoo akkasumas kan Fidoo jedhamu walitti fiduun dhaaba Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa jedhamufi kan isaan hoogganan hundaa'uu BBC'tti himaniiru.
Paarlaamaan Itoophiyaa ABOn osoo Ertiraa jiruu bara 2011 dhaabbilee hidhattoota qaban kaan ONLF fi Ginbot 7 waliin shororkeessaa jechuun farraje.
Sababa kanaan kanneen dhaabbilee kanatti hidhata qaban jedhaman to'annoo jala oolaa turan.
Mootummaan keessattuu gocha haleellaa shororkeessummaa biyyattii keessatti raawwatamu hundaaf ABO himachuu itti fufe. Dhaabichi garuu ni waakkata.
Ertiraa gara biyyaa: Qabsoo hidhannoorraa gara qabsoo nagaa
Mormii ummataa Itoophiyaa keessatti haga jijjiirama mootummaa fiduutti ga’en booda paartileen siyaasaafi namoonni dhuunfaa mootummaan adamfamaa turan gara biyyatti deebi’uuf carraan baname.
Haaluma kanaan ABOn Ertiraa tures qaama affeerraan dhihaateef keessaa tokko yoo ta’u, kana mijeessuufis koreen hundeessuun hojjetaa turutu himame.
''Koreen hundaa’e waa’ee egeree waraanaa, akkamiin humna nageenyaa Oromiyaatti ykn kan federaalaatti akka makaman irratti erga walta’ee booda qabsoo hidhannoorraa gara qabsoo karaa nagaatti ce’uun deebi’uuf murteessine,'' jedhan Obbo Daawud.
ABOn gara biyyaa deebi’uun ji’oota muraasa duras, Waxabajjii 2018'ttis manni maree bakka bu'oota ummata Itoophiyaa waggaa torbaan booda ABO dabalatee dhaabbilee siyaasaa kaan galmee shororkeessitoota irraa haqe.
Bara 2018 Hagayya keessa walta’iinsa mootummaa waliin irra ga’ame hordofee Fulbaana 15, 2018 ABOn biyyatti deebi'e. Waggoota 27 boodas magaalaa Finfinneetti waajjirasaa deebisee banate.
''Qabsoo karaa nagaan gaggeessuun siyaasa biyyattii keessatti hirmaachuuf biyya gallee teessoo keenya magaalaa Finfinnee godhanne. Garuu qabsoon karaa nagaa kunis qormaataan kan guutameedha,'' jedhan Obbo Daawud.
Haa ta'u malee, waligaltee mootummaafi ABO gidduu magaalaa Asmaraa taasifame irratti qaamoleen lamaan gidduu dhibdeen eegale.
Waliigaltee isaanii keessaa qabeenyi dhaabichaa akka deebi'u, achi buuteen qondaaltota dhaabichaa akka baramu akkasumas hidhattooti WBO akka humna nageenyaa biyyattiitti makaman waliigaluu ibsu.
''Osoo waliigalteen kun hojiirra ooleera ta’ee silaa yoona waraanni Oromiyaa keessa hin jiraatu ture,'' jedhan.
Mootummaafi ABO'n abbaa waliigaltee kana cabsee irratti wal himatu.
Obbo Daawud erga biyyatti deebi’anii hoogganoonnii fi miseensonni isaanii hidhamuu akkasumas waajjiraaleen isaanii jalaa cufamuu akka sababaatti eeruun, filannoo Itoophiyaa bara 2020 keessaa of baasuun ni yaadatama.
Dhaabi KFO illee sababa wal fakkaataa eeruun filannoo biyyaalessaa bara 2021 taasifame keessaa of baasuun ni yaadatama.
ABOn biyyatti deebi'uun booda sochii hidhattootaa dabale
ABOn waraanasaa Ertiraa irraa qabatee biyya galuun mooraa galchus, ji’oota muraasa booda waliigalteen hojiirra hin oolle jechuun komii eegale.
Hidhattoonnisaanii biyya keessa socho’aa turanis haala kanatti mufachuu ibsuun bosonatti hafanii mootummaadhaan loluu itti fufan.
Dureen ABO Daawud Ibsaa erga jaarsummaan dhiibbaan irratti heddummaatee booda, Amajjii 19, 2019 dhimma waraanaa Abbootii Gadaafi haadholii siiqqee akkasumas jaarsolii biyyaatti dabarsanii kennuu labsan.
Isaanis ''Mootummaafi ABO kan wal dhabsiisu Waraana Bilisummaa Oromoo yoo ta’e, waraana kana uummata Oromootti dabarsee kennineerra,'' jedhan.
Koreen teeknikaa namoota siyaasaa kanneen akka Jawaar Mohammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee abbootii Gadaa, haadholii siiqqee fi jaarsolii biyyaarraa ijaarame, hidhattoota WBO bosonatti hafan mooraatti deebisuuf tattaaffiin taasisan.
Miseensonni hamma tokko deebifaman, kaan ni hafan.
Obbo Daawud hojiin hidhattoota galchuu kun akka milkaa’uuf xalayaan ergaa dabarsuufii ibsanii turan. Ta’us ajajaa waraanaa Zoonii Kibbaa kan ture Goollicha Dheengee, ''xalayaa fuula tokkoon qabsoo diignee hin gallu,'' jechuun deebiseef.
Ebla bara 2019 hidhattooti WBO dhaaba hooggansa ABO jalaa akka bahan ibsuun qabsoo hidhannoo akka itti fufan ibsan.
ABO'n gama isaan qabsoo karaa nagaatti akka jiruufi hidhattoota ajaju akka hin qabne ibse.
Hooggansi ABO biyya gale bakka lamatti wal-qooduunis rakkoo biraa ture.
Gareen duree Itti Aanaa ABO Obbo Araarsoo Biqilaan durfamu, kan ''murtii kora sabaa malee aangoorra turan,'' jechuun Obbo Daawud qeeqan. Beekamtii duree dhaabichaan alatti filannoo gaggeessuun, hogganaa haaraafi miseensota gumii shanee filatan.
Wayita walqoodinsi dhalate sanatti ABOn filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaarratti akka hin hirmaanne ibsee ture. Sababi walqoodinsaas sana ta’uu gareen Obbo Araarsoo ibsaa turan.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa komii qaamolee lameenii erga ilaalee booda, ABO Obbo Daawud Ibsaan hoogganamuuf beekamtii mirkaneesse.
Wayita taateen kun mudatutti Obbo Daawud Finfinnee bakka jireenyaasaaniitti ugguramuun eegamaa turan.
ABOn qabsoo nagaa filatee bayyatti galuun, keessattuu kanneen sababii maqaa ABOn miidhaan irra gaheef boqonnaa akka argamsiisu abdatamee ture.
Haata’u malee, mootummaafi hidhattoota WBO kana dura damee waraanaa ABO turan gidduu wal dhabdeen hammaachuun wal qabatee, Oromiyaa bakka garaa garaatti ummanni kan duri caalaa akkaan gidirfamuu itti fufe.
ABO fi WBO
Bara 2019 hooggansi dhaaba ABO fi WBO gargar bahuu ibsaniis qaamoleen lamaan hariiroo qabaachuu mootummaan ni himata.
Kanaanis aangawoonni olaanoo dhaaba ABO garagaraa hidhamaniiru.
Kanneen keessaa kan manni murtii bilisa baase illee jiranis, akka hin gadhiifamneefi rakkoo fayyaafillee saaxilamuu dhaabichi ni ibsa.
Haleellaa lammiileerratti raawwatuufis irra-deddeebiin mootummaan hidhattoota himata. Isaan ni waakkatu.
Caamsaa 6, 2021 paarlaamaan Itoophiyaa hidhattoota WBO kan Shanee jedhuufi TPLF shororkeessitoota jechuun labse.
TPLF erga mootummaa waliin waliigalanii booda maqaansaa tarree shororkeessaa irraa haqame.
Rakkoon nageenyaa Oromiyaas akkuma kan Tigraayiitti karaa marii nagaan akka furamuuf yeroo jalqabaaf mootummaafi hidhattooti WBO Ebla, 2023 Taanzaaniyaa, Odola Zaanzibaaritti marii ta'aniiru.
Marsaa lammaffaaf wal arguudhaafis gama lamaaniinuu fedhiifi qophiin jiraachus eeruunsaanii ni yaadatama.