Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa ''seeraan alaa'' hin dhiistu taanaan humnaan ofirraa ittisna- Pirezidantii Somaaliyaa

Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohmud

Madda suuraa, Reuters

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa naannawa addatti baatee of bulchaa jirtu- Somaalilaand, waliin mallatteessite cichitee itti fufuun, bulchiinsa kanaaf beekamtii ni kenniti taanaan humnaan ofirraa deebisna jedhan.

Biyyi ulaa galaanaa mataashee hin qabne Itoophiyaan waliigaltee walhubannoo ulaa galaanaa isheef argamsiisu Somaalilaand waliin kan mallatteessite Amajjii 01, 2024 ture.

Bulchiinsi Somaaliyaan akka qaamasheetti ilaaltu- Somaalilaand, akkaataa waliigaltee kanaan Itoophiyaaf qarqara galaanaa kiilomeetira 20 dheeratu kennuuf jirti.

Kaaba Somaaliyaatti kan argamtu Somaalilaand, erga bara 1991 as of dandeessee of bulchaa jirti, garuu akka biyyaatti beekamtii hin arganne.

Itoophiyaan humna waraanaa Galaana Somaalilaand irratti yoo ijaarratte beekamtii biyyummaa akka kennituuf abdatti Somaalilaand.

Kun ammoo Somaaliyaa guddoo mufachiise.

''Itoophiyaan ejjennooshee itti fufnaan Somaaliyaan dura dhaabbatti, hin eeyyamtuuf,'' jechuun Rooyitarsitti himan Pirezidant Hasan Sheek Mohamud.

''Yoo isaan biyya keenyatti seenan, Somaaliyaan ofirraa ittisuuf waan irraa eegamu hundaa ni raawwatti,'' jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.

Pirezidant Hasan Sheek Mohamud tarkaanfii akkamii fudhachuuf akka deeman hin ibsine.

Dhimma kana Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin dubbachuu kan danda’an yoo mootummaan Itoophiyaa fedhii ''qaama Somaaliyaa gartokko fudhachuuf agarsiise'' irraa deebi’uu ibse qofa jedhan Pirezidant Hasan Sheek Mohamud.

Dubbi himaan mootummaa Itoophiyaa yaada pirezidantiin Somaaliyaa kennan kanarratti Rooyitarsiif yaada hin kennine.

Duraan Ministirri Muummee Abiy Ahmad Itoophiyaan Somaaliyaa waliin lolatti seenuu akka hin feene ibsanii, kan biyyisaanii barbaaddu ulaa galaanaa qofa ta’uu eeraniiru.

Pirezidant Hasan Sheek Mohamud loltoota Itoophiyaa 3,000 Somaaliyaa keessatti ergama nageenya eegsisuurratti argaman biyyasaaniitii baasuuf yaada akka hin qabne ibsaniiru.

Kora UN irratti dubbii Somaaliyaa Itoophiyaa mufachiise

UNti Amabaasaadara Somaaliyaa

Madda suuraa, UN

Dhimma waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaan Somaalilaand waliin mallatteessitee ilaalchisee dubbiin Somaaliyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtooman irratti dubbatte akka ishee mufachiise Itoophiyaan beekisfteetti.

UNtti Ambaasaadarri Somaaliyaa Gaafa wiixataa Guraandhala 19, 2024, waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaafi Somaaliilaandi jidduutti mallattaa'ee akka waraanni nurratti labsametti ilaalla jedhanii ture.

Dabalataan Ambaasadarichi Itoophiyaan daangaa Somaaliyaa fudhachuufi jechuun Mana Maree Nageenyaa UN'tti dubbatanii ture.

Itoophiyaan gamasheen ‘himannaa bu’uura hin qabnedha’ jechuun himannaa kana kufiifte.

Waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand ji’a Amajjii keessa waliif mallatteessan Itoophiyaan karra galaanaa km 20 akka argattu kan ishee dandeessisuudha jedhame.

Somaalilaandi gamasheen bakka Itoophiyaaf ulaa galaanaa kennite Itoophiyaarraa beekamtii idiladdunyaa akka argattu beeksiste.

Daa'ima alaabaa Turkii konkolaataa waraanaaf mirmirsu

Madda suuraa, Getty Images

Waliigaltee ittisaa Turkiifi Somaaliyaan mallatteessaniin xiyyeeffannoon ijoo maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paarlaamaan Somaaliyaa waliigaltee ittisaafi diinagdee Tarkii wajjin tibbana mallattaa'e mirkaneesseera.

Qabiyyeen irratti waliigalaman ifatti himamuu baatus, akkaataa waliigaltee kanaan Turkiin humna galaanaa Somaaliyaa cimsuufi qarqara galaanaa biyyattii eeguuf waliigalaniiru.

Durumaa biyyoonni lamaan waliigaltee kanarra kan gahan erga Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand waliin ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf mallatteessite boodadha.

Waliigalteen Itoophiyaa kuni Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu muddama jabaa uumeera.

Itoophiyaan Somaaliyaa hubuuf akka yaada hin qabne ibsituus Somaaliyaan garuu akka labsii waraanaati jechuun himatte.

Sababni isaas Somaaliyaan Somaalilaandiin akka naannoo ishee tokkotti ilaalti.

Somaalilaandimmoo akka biyyaatti of labsituus beekamtii idil-addunyaa garuu hin qabdu.

Prezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud, waliigalteen kun “biyya bitaa wajjin jibba ykn morkii uumuuf kan kaayyeeffate miti,” jechuun gaazexeessitootatti himan.

Dabaluunis: "Biyya keenya walaboomsuuf shororkeessitoota wajjin waraanarra turre," jechuun gaafa Roobii yaa'ii paarlaamaa booda dubbatan.

"Har'ammoo waraana biraa daangaa bishaanii keenya shororkeessitootarraa ykn mirga keenya kanneen sarbanirraa qolachuuf waraana biraa eegalla."

Waliigalteen Somaaliyaafi Turkii gidduu waliigalame waggaa kudhanif kan turudha.

Akkaataa waliigaltee kanaan, Turkiin humna galaanaa Somaaliyaa leenjistee hidhachiifti.

Qarqara galaanaa Somaaliyaa eeguufis humna galaanaa ofii akka bobbaaftu ibsameera.

BBC’n Afaan Somaalee gabaasa argateenimmoo dooniiwwan waraanaa Turkii gara qarqara galaanaa Somaaliyaa ni bobba’u.

Waliigaltichi sodaa shororkeessummaa kamiyyuu kan balleessu, qonna qurxummii seeraan alaa kan hanbisu, faalama keemikaalaa galaanarraa kan hir’isudha jedhameera.

Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii yeroo kaabineen ministeerota Somaaliyaa labsii kana raggaasise kuni biyyattiif ‘’guyyaa seena qabeessa’’ jechuun ibsanii turan.

Dabaluunis, "weerara ykn dhiibbaa alaa kamiyyuu galaana Somaaliyaatti dhufu kan hanbisudha’’ jedhan akka gabaasa AP’tti.

BBC’n Afaan Somaalee maddeen irraa akka odeeffateetti, waliigalteen har’a paarlaamaatti ragga’e paarlaamaattis ta’e mana maree ministeerotaaf qabiyyeen isaa bal’inaan hin dhihaanne.

Waliigaltichi miseensota mana maree biyyattii keessaa deeggarsa argateera.

Bara 2012 eegalee qarqarri galaanaa Somaaliyaa Gamtaa Awurooppaan eegamaa jira.

Waliigalteen Turkii waliin waliigalame humni dabalataa gara naannichaa akka seenu ni eeyyama jechuudha.

Miseensa waltahinsa biyyoota lixaa - Nato kan taate Tarkiin, Somaaliyaa wajjin hidhata cimaa qabdi. Keessaafuu gama ijaarsa, barnootaafi fayyaarratti.

Turkiin durumaa Somaaliyaa keessatti buufata waraanaa fi leenjii akka isheen qabdu ni beekama.

Akka miidiyaaleen Tarkii gabaasanitti, buufata kanaan Tarkiin humnoota nageenyaa Somaaliyaa 5,000 ol tahan leenjisteetti.