Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ani Siif Jira'- Waldaa hawaasa harka qalleeyyii bira dhaabbachuuf hundaa'e
‘Ani Siif Jira’ waldaa walgargaarsa hawaasaa Godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbii keessatti dargaggootaan ijaarameedha.
Waldaan hojiilee gargaarsa namoomaa magaalicha keessatti hojjetuun beekamtii gonfachaa dhufe kun, bifa qixaa’een gurmaa’ee hojii erga eegalee ji’oota jaha lakkoofsiseera.
Waldichi magaalaa Gimbii keessatti miseensota barattootafi hojjettoota ta’an 33 qaba.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa magaalaa Gimbii Aadde Amsaalee Waaqtolaa, “Kan dargaggoonni kunneen hojjataa jiran kunis waan dargaggoota birootiif fakkeenya ta’udha. Baay’ee tattaafatu, hawaasa birattis jaalala kan qabu,” jechuun miseeensota waldaa Ani Siif Jira ibsan.
Jaalala nama gargaaruu
Hundeessaan waldaa ‘Ani Siif Jira’ dargaggoo Yooseef Garramuu magaalaa Gimbii keessatti dhalatee guddate.
Yeroo ammaa boqonnaaf magaalattii keessa jiraatullee Yunivarsiitii Ambootti barataa waggaa afraffaati.
Jaalallii fi fedhiin namoota rakkatan gargaaruuf qabu waan yeroo ijoollummaa isaatii kaasee waliin guddate ta’uu hima.
“Namoonni gammachuun ofii qabu, nagaan ofii qabu hinqabne akka jiran waanan beekuuf namoota sana gargaaruu wanti jedhu keessakoo bule,” jedha.
Haaluma kanaan bara 2014 Yunivarsiitii Amboo Kaampaasii Gudaritti osoo baratuu, barattoota irraa maallaqa walitti qabuun namoota gargaaruu akka eegale dubbata.
“Yeroo jalqabaaf qarshii 915 walitti qabuun harmee harka qalleessa deemsa sa’aa lamaa deemuun qoraan cabsitee jiraattu gargaarre,” jedha.
Sana boodas dargaggoota biroo of cinaa hiriirsuun ji’oota jaha dura waldaa walgargaarsa hawaasaa ‘Ani Siif Jira’ hundeesse.
Rakkoolee hawaasummaa furamaa jiran
Waldaan “Ani Siif Jira’ yeroo ammaatti gumaata namootarraa walitti qabamuun magaalota Gimbii fi Naqamtee keessatti hojiilee gargaarsa namoomaa hojjeta.
“Nuyif qarshiin 10 ykn 20ni waan salphaa ta’uu danda’a. Namoota rakkoo baay’ee keessa jiraniif garuu qarshiin 10 ykn 20 jireenyasaanii guyyaa tokkoo kan ittiin jiraatanidha,” jedha hundeessaan waldichaa dargaggoo Yooseef.
“Dargaggootni kun kaka’umsa ofii isaaniitiin wal ijaaran. Haalli hojii kana itti hojjetan miidhagaadha; rakkoos furreera,” jedhu Aadde Amsaalee Waaqtolaa.
Magaalicha keessa kutaaleen hawaasaa rakkoolee hawaasummaa garagaraaf saaxilaman akka jiran kan himan Aadde Amsaaleen, maanguddoonni harka qalleeyyiin, daa’imman qaama miidhamtoonni akkasumas daa’imman haadhaa fi abbaa hinqabne fi gargaarsa namootaan jiraatan akka jiran himan.
Haaluma kanaan hojiilee ijoo waldaan ‘Ani Siif Jira’ hojjechaa jiru keessaa inni tokko, suuphaa fi ijaarsa manneen jireenyaa harka qaleeeyyiiti.
Haadha ijoollee shanii kan ta’an Aadde Ababaayee Kumsaa immoo namoota waldaan walgargaarsa hawaasaa Ani Siif Jira mana ijaareef keessaa tokko.
“Ani afaan boolla mana fincaaniirran ciisaa ture. Baay’ee miidhamtuun ture. Dhukkubsachaan ture,” jechuun haala waggoota 23’f keeessa turan himu.
“Achirraa taayifoyidiin na qabatee, busaaniis na qabatee, asmiinis na qabatee na jeeqaa ture,” jedhan.
Mana waldaan ‘Ani Siif Jira’ hojjeteef keessa Fulbaana 05 bara 2015 akka galan kan himan Aadde Ababaayeen, ijoollee isaanii namootaaf kennanii turan ofitti deebisaa jiraachuu himan.
“Iddoo ciisichaa sababa hinqabneef ijoollee namaaf kenneen fixe. Erga ijoolleen kun mana naaf ijaaranii boodan deebisuu jalqabe,” jedhan.
Carraa hojii fi barnoota…
Waldichi suuphaa fi ijaarsa mana harka qalleeyyiin cinatti namoonni diinagdeen akka of danda’aniif akka tumsan dargaggoo Yooseef dubbata.
“Wantoonni nuti ammatti irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirru keessaa inni jalqabaa, namoota harka qalleeyyiif carraa hojii uumuudha,” jedha.
Kunis daldala xixiqqaa kan akka daldala kuduraaleefi muduraalee akkasumas hojii kophee qulqulleessuufaa akka ta’an hima.
“Kana cinaatti immoo maatii rakkina guddaa keessa jiran kan gargaarru. Sadarkaa waan nyaatanii fi uffatanii bulan dhabanirra jiranidha,” jedha.
Dhimmi ijoon waldaan walgargaarsa hawaasaa ‘Ani Siif Jira’ irratti xiyyeeffachuun hojjetu inni biraan immoo barnoota.
“Ijoolleen barachuuf fedhii osoo qabanuu barachuuf humna dhaban yoo gargaaraman, boru biyyattiif bu’aa buusuu danda’u,” jedha.
Kanaafis barattoota maatii harka qalleeyyii qabaniif deeggarsa uffata mana barumsaafii meeshaalee barnootaa taasisu.
Karoorri gara fulduraa waldichaa guddaa ta’uu kan himu dargaggoo Yooseef, “waldaa kana gara dhaabbata gargaarsaatti guddisuu barbaanna. Namoota rakkinaa fi miidhama gurguddaa keessa jiraniif furmaata ta’uu barbaadna,” jedha.
Aadde Amsaaleen gamasaaniin: “dargaggoon magaalaas ta’e baadiyyaa Oromiyaa keessa jiru guutummaanuu fakkeenyummaa isaanii fudhatee hiyyeessa naannoo isaa jiru yoo gargaare walqabannee biyya kana ceesisuuf ni gargaara jedheen yaada,” jedhu .