Gabaasni Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa naannoo Amaaraa ilaalchisuun baase madaalawaa miti- Mootummaa

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) walitti bu’insa naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee haala mirga namoomaa irratti gabaasni tibbana baasee kan odeeffaannoo sirri irratti hin hundoofneefi madaalawaa hin taanedha jechuun mootummaan qeeqeera.

Komishinichi ibsa Onkololessa 30, 2023 baaseen, sababii walitti bu’insa naannoo Amaaraatti itti fufeen ajjeechaafi gudeeddii dabalatee, sarbamni mirga namoomaa bal’aan raawwatamaa jiraachuu hime ture.

Mootummaan Itoophiyaa garuu qaamni qorataa Heera mootummaan labsii yeroo muddamaa akka hordofuuf aangoon itti kenname haala guutuu ta’een itti gaafatamummaasaa bahaa osoo jiruu, gabaasni Komishinichaa haala kanaan bahunsaa kan ijaaru akka hin taaneefi sirrii miti jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa Kamisa kaleessaa karaa ministira Tajaajila Kominikeshinii Mootummaatiin kenname kanaan gocha Kamishinii Mirgoota Namoomaa kana balaaleffateera.

Komishinichi gabaasa odeeffannoo sirrii hin taane irratti hundaa’uun baasee kana akka sirreessu mootummaan ni eega jedhan Dr. Laggasaan.

Haata’u malee, Komishinichi gabaasa isaa kana qopheessuuf itti gaafatamtoota mootummaa, namoota naannoo walitti bu’insaatti argaman, raga baatoota, miidhamtootaafi maatii miidhamtootaa dubbisuun ragaafi odeeffannoo walitti qabu kaaseera.

Itti dabalunis, Komishinichi gochaa ajjeechaa seeraan alaa miseensonni humna nageenyaa itti fufuusaa ‘‘odeeffannoo qabatamaan’’ isa qaqqabaa jiraachuu himee ture.

Komishinichi kana jedhus garuu Ministirri Tajaajila Kominikeshinii Mootummaa Dr Laggasaa Tulluu, mootummaan haaluma seera labsii yeroo muddamaatiin lammiileen gara jireenya idileetti deebi’uu akka danda’aniifi mirgi bu’uraasaanii haala fooyya’een akka eegamuuf’’ hojiin seera kabachiisuu hojjatamu ibsaniiru.

Ministirichi itti dabalunis, ibsi Komishiniin Mirga Namoomaa dhiheenya baase garuu kana kan yaada keessa galche miti jechuun balaaleffatan.

‘‘Ibsi Komishinichaa kan ijaaruufi kan haala mirga namoommaa fooyyeessuuf gahee gaarii qabaatu miti’’ kan jedhan Dr Lagassaan. ‘‘waan ta’efuu Komishinichi dhimmicha ilaalchisee sirreeffama barbaachisu akka fudhatuuf abdii taasifna’’ jedhan.

Itoophiyaan dhaabbilee walabaafi bilisaa ijaaraa jiraachuu kan kaasan Dr Lagasaan, kanaafis Komishinicha akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

‘‘Ammas dhaabbanni kun walabaafi bilisa ta’ee akka hojjatu mootummaan cimsee ni hojjata,’’ kan jedhan ministirichi, ‘‘haata’u malee, bilisaafi wallaba ta’uu jechuun mootummaa qafarraa miti. Qaamoolee kaanirraa hundarraayis’’ jedhan.

Dr Lagassan itti dabaluudhaan, ‘‘bilisummaa jechuun qaamoolee raawwachisan qofarraa jechuu osoo hin taane, kaanirraa, kanneen lo'anii seenan, qaamoolee garaa garaa kan dabalate ta'uu hubachuu barbaachisa,'' jechuun cimsanii ibsan.

Kana malees, ''dhaabbilee kanneen mootummaan bilisa jedhee hundeessuulleen gabasa isaan dhiyeessan hundi bilisaafi sirriidha jedhanii fudhachuu hin qabaatus'' jedhan.

Komishiniin mirga namoomaa gabaasa Wiixata baaseen sababii walitti bu'insa naannoo Amaaraa godinaalee garaa garaa keessatti hidhattootaafi qaamoolee nageenyaa mootummaa jidduutti gaggeeffamuun, daa'immanii kaasee hanga namoota nagaatti ajjeeffaman jedheera.

Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ammoo buqqaafamuu, hedduun ammoo miidhaa gudeedamuuf saaxilamu kaase.

Komishinichi gabaasa isaa keesstti sarbamni mirgaa hidhattoota naannicha keessa socha'aa jiraniinis raawwatamu kaasuunsaa ni yaadatama.

Murtee mootummaan Federaalaa hidhattoonni akka hidhannoo hiikkataniifi humnoonni addaa naannoolee hundi diigamuun akka haaraatti akka ijaaramaniif dabarse hordofuun naannoo Amaaraa keessatti mormiin umamuun ni yaadatama.

Sababii kanaatiinis hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan ajjeechaa qondaaltota mootummaa irratti xiyyeeffate gaggeessuun caasaa mootummaa diiguudhaaf sochii taasisuutti ceenaan mootummaa naannichaa Federaalli jidduu akka galuuf waamicha taasise.

Kanaanis labsiin yeroo mudamaa naannichatti labsamee, humnootiin Federaalaafi Faannoo walitti bu'uu eegalan.

Kanaan walqabatee, naannichatti eddoowwan garaa garaatti jiraattonni rakkataa jiraachuu dubbachun ni yaadatama.